Fugug park

Fugug park

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Fugug park, Health/Beauty, Oromia, Adama.

07/05/2023
07/05/2023

Cirracha kalee 《renal stones 》
**********************************
Cirrachi kalee akka namoonni tokko tokko yaadanitti cirracha nyaata ykn bishaan wajjin liqimsinee waan deemee waan kalee dhaqu itti fakkata. Garuu dubbiin akkasii miti
Cirrachi kalee yeroo yeroo albuudoonni fi soogiddi kalee keessatti walitti kuufamuudhaan akka dhagaa tahan kan uumamuudha.

Mallattoo
---
Cirrachi kalee odoo mallattoo tokko hin agarsiifne nama keeysa taa'uu danda'a. Kan mallattoo agarsiisuu yoo kan kalee keeysa daddeemuu ta'e ykn yuureetiritti( ujummoo kalee fi afuuffee fincaanii wal qunnamsiistu) kan konkolaatedha. Yoo yuureetiritti gad kon konkolaatee kan cufu ta'e
*kaleen iitaa'uu fi
*dhukkubbii hamtuu dugda karaa gadii ykn cinaachaan namatti dhagahamuu
* yeroo fincaanan fincaan nama gubuu
* fincaan diimaachuu
* dhukkubbii yeroo tokko hammaate yeroo tokko xiqqaatu
* amma amma fincaansisuu fi fincaan mudduu fi kkf

Maaltu cirracha kaleef sababa ta'a?
-----
* chipsii dinnichaa nyaachuu baayyisuu
* Hundee diimaa nyaachuu baayyisuu
* asiin duratti cirracha kalee qabaachuu
* ulfaatina garmalee qabaachuu
* chokoleetii baayyinaan nyaachuu
* loowzii nyaachuu baayyisuu

Yeroo akkam mana yaalaa deemtu?
-----
* Yoo dhukkubbiin sitti hammaattee dhaabbataa fi tewssuma si dhoorkite
* dhukkubbii boodaan yoo ol gugguuruu fi haqqisaan sitti dhufe
* Dhukkubbii boodan yoo leeydaan si qabe
* fincaan keessatti yoo dhiiga agarte
* yoo fincaanuu dadhabde

Wal'aansa
------
Cirrachi kalee yoo yeroon wal'aanan miidhaan dhaabbataan namarraan gahu hin jiru. Haala keetirra dhaabbatamee yeroo yaalli qoricha farra dhukkubbii( antipain) fi bishaan sirritti akka dhugdu siif ajajuurra kan dabre yaalli siif hin godhaamnees jira.
Yoo cirrachi kalee ujummoo fincaani kan cufu ta'e baqeeysanii baasuuniis ni jira

Fayyaa hin dhabinaa
Dr Abdulfetah Ibrahim

07/05/2023
08/10/2020

Never give up!
Our unity will be stronger than ever before! Unity is solution for everything!!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Oromia
Adama