Naabulii
Walaloo fi Jechoota Mimmiidhagoo
Akka itti isin yaadu tokkotu jira.
21/06/2023
Nu lakkaa'u- mirree taane
Kiyyoo kaa'u- cirree baane
Dakaa dhufnee- qarree geenye
Gurguddoota- tarree teenye
Nu ifatu- nu dheekkamu
Dantaan keenya- hin eegamu
Eeluun keenya- hin laalamu
Meeluun keenya- hin yaalamu
Maqaa keenya- cilee dibee
Rafnee buluuf- sabriin dhibee
Akka namaaf- rafaa taanee
Akka uumaaf- lafaa kaane
~
Kumarraa Jiidhaa Namoo
Naqamte, Oromiyaa ๐๐
18/06/2023
08/06/2023
Hireedha
``````````````
Kaleessa kootti gaabbee
Har'a yoon of abaare
Boriikoo bareeffachuuf
Carraadhuma qabaaree?
Egeree tolfachuuf hoo
Har'a yoo jabaatanii
Gaabbiidhaan dabarsinaan
Boruuf maal qabaatani?
Hiree Rabbi naaf laate
Kaleessa kootti hin gaabbu
Kufaatiif harka laadhee
Deemsa koorraa hin dhaabbu!
Bishaan darbe waraabuuf
Meeshaa baadhee hin fiigu
Ceephoo qofaan raata'ee
Galma egeree hin diigu
Hojjadhee bu'aa dhabuu
Dafqa kiyya kaleessaa
Har'a irraa baradheen
Sirreeffadha maleessa
Ceephoon duubatti malee
Duratti hin butachiisu
Homaa na gaddisiisee
Abdii na hin kutachiisu
Dhageessaa?yaa nama koo
Elaa mee akka taatu
Mul'ata kee dhugoomsuuf
Bakka kuftee kan kaatu
Kaleessa kee abaaraa
Har 'a kee balleessuurra
Midhaan badnaan;aramaa
Haamanii calleessuurra
Yeroo kee qaalii kana
Har 'a fixxee gaabbiitti
Hamilee kee ajjeeftee
Du'uu keerra dhaabbitti
Waan si harka buletu
Bor ganamaaf cireedhaa
Kan darbe Rabbiif dhiisi
Kan si gane hireedhaa!
Komachuun bu'aan qabu
Murtee dhaddacha Waaqaa
Tattaafataa kadhachuutu
Karra cufaa siif saaqaa
Kanaafuu galma ga'uuf
Bareeffachuuf borii kee
Abdiin kutin hojjadhuu
Guduunfadhu horii kee.
โฌ
๐ Kuusaa Walaloo
NAFA NAAFATE Kan
Waloo RRiyaad Raayyaa'n qophaa 'e keessaa.
24/05/2023
Jeneraal Artist Umar Suleeyman๐
```````````---------``````````-----------------
โซ
Dungoo taatee nuu fita
Dukkana keessa teettee
Ofiif daaraa afatta
Siree gubbaa nu keettee!
๐ด
qolaa luqqa'e
Biqiltuu Abbakaraa
diina cabse
illii amba maraa!
โช
Warqii biyyeen hin nyaanne
Kan eessumman Kajawaa
Didaa waanjoo gabrummaa
Ija jaamsaa adawaa!
๐
Seenaa kalee lagatteet
Hardheen hardha faarsitii
Beekaa akka kee dagatteet
Gadheen nama aarsitii!
โ
Ija keessa waraantaa
Gantuu jala hin kurkurtuu
Sobaan garaa guuttachuuf
Saba kee hin gurgurtuu!
๐น
Haalli kamuu sibitee
Sin jijjiiru gonkumaa
Afaan dhibbaa hin beektu
Ijjannoon kee tokkumaa!
โก
Taajjabbii haadhiyatuu
Warri huffee qal'isu
Ittan malaasa malee
Malaa qabeen callisuu!
โคต
Gaafa Gadheen...,
alagaan fira jedhee
fiigee faana kurkuru
garaa isaatif jedhee
lammii isaa gurguru
abbaa haqaa ukkaamsee
maatii isaa unkuru
-
foon keenya muree nyaatee
dhiiga keenyan habbuuqu
galma dhugaa baqatee
gola gumaa uf ruuqu
dhugaa sobaan jijjiiree
bulguu faana curruuqu
akka harree wadalaa
ba'aa baatee munyuuqu
totoraa raqa ambaan
akka afuuffee bokoku
fira ufii waakkatee
diina faana foqoqu!
Ati garuu...
-
Gaaraa galaana daakteet
Oromiyaa marmaartaa
Funyoo diinni kiyeessu
Cirtee harkaa awwaalta!
Waabee gama dhaabatteet
Gamanatti geerarta
Bulloo kee itti yaabbatteet
Diina biyyaa weerarta!
-
Sagaleen kiilolee kee
Madfii caalaa dhuka'a
Oolee bulee hin moofu
Jaarraa hedduu fulla'a!
-
Raajii ati haasofte
Waggaa har'a diidamaa
Reefu onneen koo argee
Dhibbatti na diigama!
----- #2 itti fufa.
๐โ
๐
MaraanNaabulii Maraanaatii
24/05/2023
Jeneraal Artist Umar Suleeyman #2
````````````-----------````````````````````````
๐
Raajii ati haasofte
Waggaa har'a diidamaa
Reefu onneen koo argee
Dhibbatti na diigama!
-
Soba waliin hindhooftu
Dhugaa itti bashaqsita
Bosona mana gooteet
Bineensa madaqsita!
-
Daandii sirrii adeemta
Daba duukan haafoftuu
Osoo lubbuu si gaadan
Kan biyya kee naannoftu!
-
Miliyoonota keessaa
Kan akkakeen argamuu
Duraa duubaan agarta
Rakkoo sabatti gamu!
-
Jaalataa saba bal'aa
Mallattoo qulqullummaa
Falmataa mirga namaa
Kan hin beekne gandummaa!
-
Seenaan kankee kitila
Hintaane takkaa lama
Dhangaa walaloo kankee
Hayyu xuuxee dhandhamaa
Eenyun sitti fakkeessa
Leenca fakkaattii namaa.
๐
Sin yaada sin araada
Sin jaaladha jaalakoo
Waggaa kuma naaf turi
Boonsaa jeneraalakoo.
๐
Hanga dhumaatti na faana
Ta'uu keessaniif galatoomaa.
kana follow godhaa.
Walaloos itti ergaa(dhoobaa,maxxansaa)๐
NaabNaabulii MaraanaatiiaNaabulii Maraanaatii
18/07/2022
Ilaaf_ilaamee
```````````````````
๐
Hojiin malee hawwiidhaan
Hin dhaalan galma mootii
Ana qofaatu beekaan
Wallaalaa nama gootii.
โ
Maree dhaan jabaatanii
Gareedhaan galma ga'uu
Kankoo haa ta'uu dhiifnee
Gochuu qabna kan ta'uu.
๐ฏ
Koottaa haa mari'annuun
Warri abbaaf ilmaanii
Garaan dhagaa liqimsuuf
Marii godhaa ilkaanii.
๐ฎ
Yoo kankoo malee jennee
Tuffiin wal buufne lafa
Hawwii fi abjuun keenya
Osoon milkoofne hafa.
๐
Walii galteen dhabamee
Yoo diigame bakkisaa
Karoora galmaan ga'uun
Baayyee nama rakkisaa.
โฌ
Walaloo akkanaa argachuuf,
Page kana
, godhaa๐น๐๐น
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Adama