Onnee dhugaa

Onnee dhugaa

Share

Onnee dhugaan miidhamteef ergaa qabna🥰
Invite me 💓

01/02/2023

# Yaa ililli tiyyaa
ililli jannataa
Sin qabaafin boona
Ol qabadhee mataa
Jaalallee qofaa mitii
Waa hunda naa taataa

guyyaan sin dubbisin
Sagalee keen yaadaa
akkami jirta mee
Nagaya naaf qabdaa

Yoo nuural-eeynii tiyya
Waahila jiruu koo
ifaa gaafa dukkanaa
Furmaata guyyaa rakkoo

Kumbula gaafa qorraa
Gaaddisa aduu guyyaa
Gammachiiftuu lubbuu
Doktara onnee tiyyaa ❤️💚❤️

02/01/2023

Siifan Ardii marsee
Naanna’eeto maraa
Si obsuu dadhabee
Cancalaan hidhe garaa

Samii gubbaas ta'u
Si soqee lafa keessa
Situu buraaqaa oola
Onneekoo walakkeessa

Hin rafu gadan ciisa
Gangaladhe sireerra
Hin nyaadhu soomane
Jalqabee an cireerra

Gabaa jaalala keettin
Keennake bitaa oolaa
Siifanoo raatu ta'ee
Akka jaanjoo hoolaa

Maqaan kee katabee
Baadhe laphee irratti
Mirmirsatan jiraakinoo
Jaalala kee qarrerratti

Sif jooree jawwarukoo
Keessa koo hubadhu
Jaalalan na wal'aanii
Hin callisin dubbadhu

Onnee jaalala beela'ee
Midhaan Dawaa ta'uu
Dheebote shakkara'us
Bishaaniin dheebu ba'uu

Dawaan jaalala jaalala
Dheebuufi beeluufii
Dhidhiibee Fayyisaan
Cabaa isa meeluufii
invite me 💯

19/12/2022

Jaalallee dhugaa Oromummaa Koo❤️💚❤️

17/12/2022

Invite me

01/12/2022
25/11/2022

Akkuman si argeen
Tasa si jaalladhe
Ni dheekkamta jedheen
Sitti himuu sodaadhe
Ati ofii naan beektu
Anis sittin himuu
Kanan siif barreesse
Gaafa natti cimu
♠♠♠♠♠
Yaada narra tuule
Keshaan na baachisa
Hunda keessaa filee
Sumaan na yaachisa
Suuraa keefaa fidee
Abjuun na laalchisa

Yaadni kee na raasa
Qileensarra caale
Si yaadeefaan booya
Suuraa keefaa laale
♠♠♠
Ati qaama kootiim
Si muran na dhiiga
Dhibeen kees kan kooti
Si tuqan na miidha
♠♠♠♠♠
Onnee koo siif kenne
Godhadhu masaraa
Qubni koos qalamaan
Waayee kee sararaa
Gaara jabaatte
Nan didiin adaraa
ꨄ︎ꨄ︎ꨄ︎ꨄ︎ꨄ︎
Onnee kiyyarra teessee
Utuma na darartuu
nama hunduma keessaa
Akkati na marartu!

Siif ibsuun dadhabus
Jaalalichan siif qabuu
Si argachuuf jechaam
kan Ani kufee cabuu

Leelloo ilkaan aannanii
Magaallee koo qalloo
Gubaan jaalala kee
Jabaateehoo malloo?

Halkan nan raffisu
Ilaallaatan bula
Yaada kan kee biraa
Hin cufadhu ulaa!

Natti jabaateera
Mee mala naaf malii
gabbara hin guddisin
Ana woliin gali!🙄
❣︎ ❤︎

23/11/2022

Onnee dhugaa

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Adaamaa
Adama