Sona walaloo

Sona walaloo

Share

Garaan murtii hin qabne diina abbaati!

30/10/2022

Urgeeffattee ilaaltee
Waan inni jejjedhuu
Lakki narraa deemii
Argeekee hin fedhuu

Shimala naa murii
Kanan ittiin sirbuu
Maalif diddee gatta
Isa waliif galle hirbuu

Bofti lafumarra lo'aa
Kan barrisu simbiraa
Ani sumaafan du'aa
Eenyun qaba kan biraa

Deessuun ilmoo argatte
Haa argattu oofkaltii
Naaf hubadhuu lubbuu
Siif onneenkoo okkoltii

06/08/2022

Dhufe dhufee baay'iftee
Onnee nan rarraasinii
Yookin asin jira jedhii
Turtee na hin aarsinii

Sulula garbii koottu
Yookiin baaroo kormaa
Osoo ati naaf jirtuu
Maafan ilaala ormaa

Yookaanis kottuu dafii
Qe'ee tufaa gullallee
Har’a dagatte malee
Kan koo turteem durallee

Birbissa gooroo koottu
Waliin deemnaa daalattii
Jiruu keenya haasofnaa
Wal genyee odaa jalattii

Si kadhachuu baayifnaan
Na seetee nama deegee
Waadaa keenya hin cabsu
Jedheen taa'ee si eegee

Garmaama dhiisaaree
Fardi goodaa arginaan
Taa'een si eegaaree??
Atis daangaa darbinaa

02/08/2022

Dhageesse!

°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Wallagga lixa biiftuu
Biyya dammaaf warqii
Jaalala keen maraadheen
Baasee gatee carqii
~
Lalistuu fi urgooftuu
Biyya dhadhaaf bunaa
Ani yaada keen dhumee
Yooman dhungoo hunaa?
~
Oromummaan faayaa
Koottuu na bareechii
Gaaf sana wal agarraa
Haa dhufu irreechii
~
Fuulakoo deddeemtaa
Si hin obsu danda'ee
Nama si fakkaatu argeen
Lafa ilaalee qaana'ee
~
Faasikaan yoo dhufuu
Ijoolleen qancee footii
Namni haa odeessuu
Oduun maal nu gootii
~
Osoo beektuu hin callisin
Onneekee naaf banii
Si waliin bultii ijaareen
Maatiis horaafanii

01/08/2022

Bishaan itti mukuun
Erga na gootanii mukaa
Daaleekoo jala seeneen
Orjinaalasaa dhugaa

Malan dhabe daaleekoo
Akkatti laphee nan jiidhuu
Bishaan itti makanii fidanii
Yaaddoodhaan na miidhuu

Jabbilee kee wajiniin
Walii galleetoo hoonaa
Aannan keetti bishaan makuu
Fala dhabnee maal goonaa?

31/07/2022

Onneen koo waadamtee
Si yaaddee yoo dhabduu
Haamileen koo cimtuun
Yaaddoo keen yoo cabduu

Maalif naaf hin beektu
An si jaalachuukoo
Siif jedhee qullaa ta'ee
Of gatee maraachuukoo

Onneekoo boqochiisi
Naaf koottuu bakka jirtuu
Maaf narraa fagaattee
Abdiikoo kan cirtuu

30/07/2022

Turee turee na nyaataa
Keessa koo madeessee
Sodaa gadi natti buusee
Sirraatii na fageessee
~
Osoon sitti dhiyaadhee
Dhukkubakoo himadhee
Fayyeen gala beekaa
Kanan kophaa gubadhee
~
Xaafii haamuun birraa
Yoo arfaasaa facaasanii
Sin jaaladha siifan du'aan
Yoo yaaddoo wal baasanii
~
Onneen koof onneenkee
Yoomuu wal hin jeeqnee
Akkan si jaaladhu beektaa
Hin ta'in akka hin beeknee

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Addis Ababa