Sukkar mohamed2775
Ani anuma yoomiyyu si hin ta'u akkan si ta'u na hin gorsin akkan if ta'u na jabessi malee.
Dhukkuba Gosummaa
Rabbi Isinirraa Haa Qabu
11/11/2023
Namni gammachuu koo jaalaten baga gammadde naan jedhii oromoo koo
23/01/2023
Jechoota hayyuu Oromoo Dr. Gammachuu Magarsaa
"Bakka dhugaan hinjirre nagaan hinjiru"
"Rakkoon Oromoo Itoophiyaadha; rakkoon Itoophiyaa Oromoodha"
"Jaarsa miti dhugaatu nama araarsa!"
"Namni Waaqa hin sodaanne waan sodaatu hinqabu"
"Oromoon ni wareere malee, ammayyuu hin dammaqne"
"Jalqabuma iyyuu Itoophiyaa sobduutu ijaare.
"Oromoon yoo keessa hin jiraatin, Itoophiyaan gaagura kanniisa hinqabnedha"
"Hanga cufataniitti danqaratu"
"Nan jibbinaa, an dhugaan dubbadha, jiruunkoo dhugaa dubbachuudha"
"Akkuma bineensi Saalaan gaanfa waliin dhalatu Haacaaluun Hundeessaa qaroomina waliin dhalate"
"Ani meeshaa manaa miti kanaan qannasamee dammaramu. Yoo dammaruus ta'e eenyuun hir'isanii eenyuun ida'uu?"
"ABO'n ilma hin duunetu Oromoof dhalate"
"Warri Oromoo ni balleessina jedhu ni badu yoomiyyuu"
"Kiyya waan ta'eef an Oromoo baay'een jaalladha. Isiinis kan keessan jaalladhaa!"
"Duraanuu ONEG naan jedhu anis waakkadhee hin beeku. Oromummaa koos akkan waakkadhu barbaadan, nan dide"
"Biyya rakkoon siyaasaa hin hiikaminitti waa'ee misoomaa haasawuun maraattummaadha"
"Lafti kee Waaqa irra jedhanii lafa keenya nu saamu. Kan asii iyyuu dhabnee dhuguma Waaqa irraa argannaa?"
"Laftoo saamamee dhumee, misooma, aadaa fi Oromiyaan qilleensa keessatti ijaaramamoo?"
"Mootummaan uummatadha waan ta'eef, "Mootummaa keenya nurra bulchi; nuun ammoo jala bulchi!" hin jedhinaa! Mootummaa nu jalatti bulchi nuun ammoo irra nu bluchi jedhaa!"
"Taatoo asoosama kitaabaaf fiilmii keessatti illee ga'ee Oromoon Itoophiyaa keessatti qabu zabanyaadha"
"Tokkummaan Oromoo lafee fi lafa Oromoo sagalee tokkoon tiksuun mirkanaawa, quba qabaadhaa"
"Oromoon oolaantummaa osoo hin taane wal-qixxummaadha kan barbaadu"
Kan hafe isin itti dabalaa! Jechoota hayyuu dorgomaaf gita hinqabnee Dr. Gammachuu Magarsaa kanneen kana anatu kanaan dhaga'eef dhaggeeffadhe keessaa muraasa kana walitti qabe malee, jechoonni hayyuu kanaa tokko tokkittiin hundi isaatu kitaaba guddaa tokkodha.
Danuu Daamxoo***
09/01/2023
Kara Deemaa (Injiinar Daani’eel Gammadaa)
Gaafa namni dhibamu, kalee keeyyuu baastee namaaf kennuuf of qusattee hin beektu!
Oromoo qe’eesaarraa buqqa’e gargaaruu, ijaaruufi jajjabeessuu keessatti ga’ee bahachaa jirtuuf si galateeffachuun barbaada!
Galatoomi!
Kaleessa akka Haramain Sharifain gabaasetti: lafti Makkaa duraan adii marga hin qabne turte, amma ammoo magarroo tahaa jirti.
Rooba dhihoo tana roobeen lafti Arabaa Sahraan beekkamtu Citaafi mukkeen gariis biqilchaa akka jirtu suuraan Miidiyaa garagaraatin raabsamte ni garsiifti.
Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ amata 1400 dura waan kanarraa dubbatee ture. Eegaa hegeree waan mudatu hunda Rabbi malee namni beeku tokkolleen hin jiru. Rabbumaatu ergamaa Isaa waan garii beysise, Wahyii dha. Hubannoof, gorsaafi akka itti qophoynuuf Nabiin mallattoo Qiyaamaa hedduu nuuf dhaamee jira.
Mallattoo Qiyaamaa irraa durummaan akka wal geysu, lafti Arabaatis daggalaafi laggeenitti deebi’uuf akka jiraattu Nabiin dhaame. Hadiisni kunoooti👇
“Hanga maallaqni akkaan heddummaatutti(namayyuu ni durooma), hamma gurbaan horii isaarraa Zakaa baasee nama isarraa fudhatu tokkollee hin garretti, hamma lafti Arabaa daggalaafi laggeenitti deebitutti Qiyaamaan hin dhaabbattu.”
Nabi Muhammadﷺ
[Muslim 157]
-Mallattoo Qiyaamaa irraa hedduun keessan abbaa qabeenyaa taatan. Qabeenya guddaa argatuun qormaatamtan, kun gaaroommina hin qabu. Lafti Arabaa goggoyduun tunis jiitee daggala taati.
* لا تَقُومُ السَّاعَةُ حتَّى يَكْثُرَ المالُ ويَفِيضَ، حتَّى يَخْرُجَ الرَّجُلُ بزَكاةِ مالِهِ فلا يَجِدُ أحَدًا يَقْبَلُها منه، وحتَّى تَعُودَ أرْضُ العَرَبِ مُرُوجًا وأَنْهارًا.*
الراوي : أبو هريرة.
Nuuralhudaa
Category
Contact the business
Website
Address
6 Kilo Campus
Addis Ababa