Baraatota dinn isilama

Baraatota dinn isilama

Share

mashaallhaa

Photos from Baraatota dinn isilama's post 28/04/2026

Abshiir saiiba ko haqa kee rabbin siif habasu
rakkoo hamma kessaa jiraçhun ke dhagen
duaii ma siif godha Rabbin siis haa fayyisu
maatin issas baga gamadani

28/04/2026

nama waggaa tokko olif ollin IRA bade ture
kunoo mullatera haalla rakkisa kessa turu ISSA
dhagee bayye tokkon gadee

29/03/2026

Yeroo darbe Ustaaz Ahmedin Jebel 'Muslimni hundi miliyeenara ta'uu qaba!' jechaa gaafa gadi ba'u, jalqaba kan kurrifatee iyyaa mormiif ka'e namootuma isaan diinii beekna jedhaniidha.

Akkamitti kun ta'a? Duuniyaan mallattoo badiisaati, caba, salphina, diinii irraa ummata booda deebisuudha, duuniyaa badduuf jecha akka ummanni diinii wareegu gochuudha, kanaa ol ammoo sheri'aa Islaamaa faallessuudha, faallaa Qur'aanaa fi Hadiisaati, mallattoo hoonga'ummaati, jaahilummaafi kisaaraaf karra saaquudha,,,, maal maal jechaa Mashaa'ikkan hedduun gadi ya'anii yaada kana balaaleffatan.

Dhiheenya kanas, barnootaafi hubannoo, dandeettii gaggeessummaafi hoggansaaf qophaa'uummaa jiraachuu qabu irratti Ustaaz Ahmaddiin Jabala galaa guduunfuuf dhufe. Waktiin sun waktii fialnnoo hoggantoota Majlisaa waan ta'eef, sana waliin wal qabsiisee Ustaazichi barbaachisummaa qophaa'ummaa barnoota gama diinii qofa osoo hin taane kan akkaadaamiis gaafa hubachiisu, ammas namni jalqaba gadi ba'ee fuuldura isaa dhaabbate warruma beekumsa Sheri'aa qabna jedhaniidha.

Ahmaddiin Ulamaa'ii tuff*ate, Mashaa'ikkan xiqqeesse, imii sheri'aan gatii hin qabu jedhe, akkaadaamii faarsee ilmii doomsuufi, majlisa dabalatee dhaabbilee Islaamaa warra aqiidaa bad*aa harka buusuufi, aqiidaa dhugaa manc*aasuufi, dhaabbata muslimotaa jigsuufi, faallaa murtoofu qajeelfamoota Sheri'aa Islaamaati,,,,, jedhamee balaaleffannaan itti roobe.

Isaan wanti Ustaaz Ahmaddiin jedhe hin galleefi, yookaan ammoo osoma galuufi hubachuu hin barbaadne. Namoonni gariin akka inni yaadutti yoo ati hin yaadne Islaamummaa keessaa si baasuuf sababa biraa hin barbaadu. Waan inni yaadu qofatu sirrii ta'ee itti mul'ata.

Muslimni hundi miliyeenara ta'uu qaba kan jedhe waa'ee qarshii lakkaa'uu osoo hin taane waa'ee barbaachisummaa hojii, muslimni of danda'u, diinagdeen jabaachuu, humna diinagdeen ala qabsoon bakka ga'u akka hin jirre, guddachuu, qaawwa guddaa kufaatiif balbala ta'e cufachuuti. Kasbiidha, innuu mataasaa ibaadaadha, kana namni morm

22/03/2026

bulchiinsi magaalaa jimmaa nama suuraa kana kaase badhaasuu qaban jedha

Abdi Getachew maal sitti fakkaata ?

17/03/2026

Halkan 29ffaa(tarii halkan xumuraa ta’a)
Hanga yoonaa waan kadhanneef qeebaltii,waan rakkanneef furmaata, waan balleessineef dhiifama, nuuf haa kennu rahmaan!

Arjummaa isaatiin milkiin nu haa galchu 🤲
Du’aa’ii tti jabaadhaa!

08/03/2026

Oduu:
Mootummaan Qatar ibsa karaa Muummicha Ministeeraa fi Ministira Dhimma Alaa isaa Sheikh Mohammed bin Abdulrahman bin Jassim Al Thani'n kenneen Ameerikaafi Isroo deeggaruun lolatti akka hin seenne ibseera..

Mootummoota Arabaa (Beera Donald trump) cufa Isa Jala haa oofu!

08/03/2026

Hulaan Rizqiin duraan qabdu siif haa barakattu!

Hulaan Rizqiin haarawni
siif haa banamtu

08/03/2026

Leeylatul Qadrii

Share Godhuun Wal Barsiisaa!

➡️ Leeylatul Qadrii jechuun halkan sadarkaa, Halkan Murtii jechuudha.

➡️ Leeylatul Qadrii halkan hundaa caalti.

➡️ Rabbiin Isii keeysa Qur’aana buuse,

➡️ Isiin Halkan Barkaa qabdu,

➡️ Ibaadaan Halkan sanii Ibaadaa baatii 1000 caalti,

➡️ Isii keessa Amriin Rabbii hundi gargar bahee murteeyfama.

Suraa Dukhaan Aayaata 1-6 keessatti Rabbiin akka Isii keeysa Murtiin godhamtu dubbatee jira.

Suuraa Al-Qadr 1-5 keessatti Rabbiin Isii Keessa akka Qur’aana buusee fii akka halkan takkittiin Leeylatul Qadrii Baatii 1000 caaltu dubbatee jira.

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan Namni Halkan Leeylatul Qadrii Iimaanaa fii Rabbirratti herregachaa dhaabbate Cubbuun Isaa tan dabarte Isaa dhiifamti. Bukhaarii fi Muslim

Halkan Leeylatul Qadrii Qur’aana qara’uun, Salaatuun dhaabbachuun, Zikrii fii Du'aa'iin dabarsuutu dhaabbachuu je’ama.

Rabbiin nuuf hedduu Rifatee halkan takka tan Ibaadaan Isii baatii 1000 caaltu Leeylatul Qadrii nuuf godhe.

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan Ramadaana keessa kudhanan boodaa keessa barbaadaa akkasumas Isiin halkan irruu/qarii keessatti
taatuudha 21, 23, 25, 27, 29, jechuu Ibsee jira.

Halkan Leeylatul Qadrii kudhanan booda keessa jijjiramaa guyyaa 21, 23, 25, 27, 29 amatarraa dhufti.

Namni Isii qunnamuu barbaade kudhanan boodaa Ibaadatti jabaachuu qaba.

Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ Kudhanan booda Ibaadatti hedduu jajjabaata.

Aa'ishaan Rabbii irraa haa jaalatu akki jette Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ Ramadaana keessa kudhanan boodaa hanga duraa caalaa Ibaadatti jajjabaata.

Kudhanan boodaa hoggaa seene halkan hin rafu, Maatii Isaa hirribarraa ni dammeeysa, Marxoo Isaa Jajjabeeyfata (Ibaadaaf). Bukhaarii fii Muslim.

Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ jala deemuun barbaachisaadha.

Sahaabaa fii warri Isaan boodaa hundi kudhanan boodaa akkaan guddisan, Isii keessatti daran Ibaadaaf jajjabaatan.

Aa'ishaan Rabbii irraa haa jaalatu Yaa Rasuula Rabbii! Halkan Leeylatul Qadrii Maaliin je’a?

06/03/2026

Abdi Regasa 😢Kunoo inni dhugaa Haala kana irra jira Rabbiin Fayyaa isaati haa deebisuu namuu da,aa,ii godhaaf
Ammallee bira dhaabadhaa 😢

06/03/2026
04/03/2026

Muslimoota Sunnii tiskuuf jennee Iraan irratti lola banne > Giraham 😀
*********
Seeneetara Ameerikaa Lindsay Giraham, Iraan Islaama Sunnii ball*eessuuf waan ta'eef nuti kana dhaabsisuuf Iraan irratti lola banne jedheera.

"Iraan Islaamummaa ballees*suu barbaaddi, Sunni Sa'udii keessaaa dhabamsiisuu fi shi'ootaan bakka buusuuf kaayyeffatteetti" jechuun, kaayyoon Ameerikaan Izra'el waliin ta'uun Iraan irratti lola labsuu kana dhabamsiisuuf ta'uu ibse Lindsey Graham.

Senetariin kun itti dabaluudhaan qondaaltota Sa’uudii waliin mari’achuu isaa ibsuun, “tarkaanfiiwwan hariiroo naannichaa idileessuuf fudhataman erga jijjiiramni aangoo Iraan keessatti mul’atee (hoogganaa olaanaan Iraan Ayaatullaah Alii Kamenei ajj*eefamanii) booda saffisa baay’ee guddaa ta'een fooyyee argamsiisaa jiraachuu” hime.

Itti dabaluun Graham akka ibsetti, Ministirri Muummee Izraa’el Sheyixaaniyaahuun marsaa itti aanu keessatti qindoominaa fi hojii waliinii Sa’uudii waliin hojjachuuf Izra'el karoora qabaachuu natti himeera jedheera.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address


Oromia
Addis Ababa
1000