Waliif waliin
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waliif waliin, Health/Beauty, Addis Ababa.
08/11/2025
Dargaggoonni hedduun Qoricha qaama saalaa dhiiraa kaasu (vigra) hedduminaan fayyadamuun dhiibbaa hamaaf saaxilamaa jiru!
Yeroo amma kana qorichoota baayinaan biyya keenya keessaati gurguramaa jiru keessaa tokko qorichaa qaama saalaa dhiiraa laafe kaasu Vaayigiraa jedhamudha. Qorichi kun haala nama yaaddeessuun irra caalaatti dargaggoonni keenya hedduminaan fayyadamaa jiru.
Mee waa’ee qorichaa kanaa waliin haa ilaallu
Qorichii Vaayigiraa ykn Siildenaafil jedhamu kun ogeessa fayyaan namoota rakkoo fayyaa kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa qabaniif akkasumas namoota dhiibbaa dhiigaa somba keessaa (Pulmonary hypertension ) qabaniif kennama.
Qorichii kun namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dide ykn kahuuf dadhabaa taheef kennama. Kunis namoota sababa umurii fi dhibee fayyaa buleeyyii akka Dhibee sukkaaraafi kkf qabaniif ogeessa fayyaan kennama.
Ogeessi fayyaa tokkos qorichaa kana yoo ajaju namni sun Rakkoo fayyaa kan biro kanneen akka dhibee Onnee , Dhiibbaa dhiigaa, dhibee kaleefi tiruu akkasumas qorichaa inni dhibee biraaf fudhatu ilaalee kenna. Garuu haala yeroo ammaa argaa jirruun qorichi kun bakka garaagaraatti ajaja ogeessa fayyaa ykn hakiimaa malee yeroo gurguramaa jiru argaa jirra. Keessumaa dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 20 gadi tahellee qoricha kana yeroo isaan fayyadaman nii argama.
Qorichii kun maashaa ujummoo dhiigaa qaama saalaa keessatti argamu diriirsuun dhiigni gara ujummoo dhiigaa qaamaa saalaa keessa jiru akka guutu gochuun qaamni saalaa akka kahu godha.Kanaaf sababa rakkoo fayyaa garaagaraan namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dideef ykn jabaachuu dideef(Erectyle dysfuntion) ajaja ogeessa fayyaan kennama.
Qorichi kun namoota rakkoo fayyaa garaagaraa kanneen akka dhibee onnee qabna, dhiibbaa dhiigaa,dhibee kaleefi tiruu hamaa, namoota qorichaa dhibee onneef kennaman tokko tokko fudhataniifi kkf waliin yoo fudhatan rakkoo biraa irraan geessisuu dandaha.Kanaaf ogeessi fayyaa rakkoo kanaaf kana fakkaatan ilaalee erga adda baasee booda kennuu qaba kan jennu.
Namoota qorichii kun ajaja ogeessa fayyaan kennameef waan isaan beekuu qaban keessaa muraasni:-
1. Qorichaa kana wal-qunnamtii saalaa dura daqiiqaa 30 – sahaa dursanii fudhachuu qabu
2. Guyyaatti yeroo 1 qofa fayyadamuu qabu
3. Doozii ykn hamma ogeessi fayyaa ajajee kennerra dabarsuu hin qaban
4. Qorichii kana fudhatanii sahaa 4f walitti aansee qaamni saalaa isaanii kahee dhaabatee yoo ciisuu dide dabalataanis kahee hedduu dhukkuba yoo tahe hatattamaan mana yaalaa deemuu qaba
5. Mallatoowwan akka dhukkubbii laphee hamaa, rakkoo arguu ijaa, hafuurri namatti ciccituu, harma miilaaf qaamni biraa dhiitahuu,hurka ykn dafaqa garmalee argitanii hin beekneefi kkf yoo isin quunname hatattamaan mana yaalaa deemuu qabdu.
Namoonni rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa , dafanii xumuruu yeroo wal qunnamtii saalaa qabdan dhuftanii nu biratti qorannoof yaalii argachuu dandeessu !
Teessoon keenya Hayat , Derartu Adebaby
0909102009 bilbila ittiin beellama qabattan!
Fayyaa hin dhabinaa !
Dr Nafyad Getu
Dhalli namaa qaamoota sadii qabatee gara addunyaa kanaatti dhufe. Namnis nama jedhamuuf ijaarama qaamaa kan sadeen yoo qabaate, nama guutuu jedhama. Kunneenis..
1. Qaama Lubbuu /Sprit
2. Qaamaa Foonii/Body
3. Qaamaa Sammuu/Mind
Qaamni sammuu qaama leenjifamee, qaamota keenya biroo akka to'atuuf aangeffamudha qaamni sammuu kun bakka sadiiti qoqqoodama.
1. Sammuu dhokataa /Subconscious mind
2. Sammuu hatattamaa/Critical mind
3. Sammuu dammaqaa/conscious mind
Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.
Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.
Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?
Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.
Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf of qopheessi.
Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.
Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.
Positive mind find opportunity in everything.
14/09/2023
#sagantaa ebba Barattoota Rift valley university harar campus degree program2023like subscribe share
Karaa dheeraan deema
galmi koo fagoodha
Kaayyoo jabaan qaba
abjuun koo guddaadha
Gaafa kaayyof baatu
qoreen ni baayyata
Waa alaa waa manaa
hundumtuu qormaata
An garuu kutadhee
jalqabeera deeemsa
Qoreen waraanamaa
dhukkuba koo obsaa
Ilaali ija koo
sodaa takkaan qabu
Humni namaa kamuu
tasayyuu nan dhaabu
Galma koo ga'uudhaf
deemsi itti fufa
Barri baraan darbee
dukkanni ni ifa
kayyoo kiyyaaf jedhee
nan ta'a waan ta'u
Duta sareef jedhee
mormi koo'n naanna'uu
Waca gandee ammoo
gurri koo'n dhaga'uu
18/08/2021
Mobaayilli Keessan Osoo Ija Keessan Hin Jaamsin Amaloota Kanneen Dafaa Dhaabaa!!! @Moha Oromo Mobaayilli Keessan Osoo Ija Keessan Hin Jaamsin Amaloota Kanneen Dafaa Dhaabaa!!!
29/11/2020
Kaan qabnuu waliif akkasuma
waliini gaddas tahe gammachuu
Walumaanii kan namuutu arguu
Kaan qophaa hin jiruu yonif taate malee qabrii
21/09/2020
Keekiyyaa Badhaadhaa- Barraaq - New Ehiopian Oromo Music 2020(Official Video) upcoming Oromoo singer Keekiyyaa Badhaadhaa has released his new Single Barraaq! Check out this amazing music video exclusively available on Vision Entertain...
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Addis Ababa