Ayyoo oromoo

Ayyoo oromoo

Share

Fayyaa ijollee keenyaa haa mari’annu Ayyoo

10/05/2023
10/05/2023

Daa’imman Maaliif sobu?
Daa'imman sababa adda addaan sobuu danda'u.
Daa'imman hanga waggaa afuriitti kan soban dursanii itti yaadanii yookiin kan badii raawwachuuf qindaa'e osoo hinta'in:-
- Qoosuu barbaaduun kanka'e.
- Miira maatin agarsisan ilaaluufi kkf
Umurii waggaa 5 booda garuu Kan Soban:-
- Bifa balleessaa raawwatan tokko ofitti fudhachuu dhiisuun itti dhoksuu yaalan
- Bifa ittí adabbii sababa dalagaa Sirrii hintaane raawwataniin dhufuu danda'u jalaa ittiin ba'uu yaalanidha.
- Maatiin ykn namni isaan akka fakkeenyaatti fudhatan yeroo hedduu ni soba yoo ta’e.

Daa imni yeroo hedduu sobu, dabalataan amaloota badaa kanneen akka hannaa, mana barumsaa irraa baduu, nama arrabsuu ykn loluu baay’isa taanaan dhibee xiinsammuu qabaachuu danda 'a.
Daa imman sobuu baay’isan sirreessuuf wantoota maatiin gochuu qaban,
- Yeroo daa imman soban hunda ceguun itti dheekkamuu dhiisuun wantoota (fkn...amala maatiif) akka daa imman sobaniif ykn dhugaa hin duubbanneef saaxilan adda baasuu yaaluun sirreessuu.
- Bifa wanta barbaadan tokko eyyemsiisanii itti argachuu danda’an mijeessuu malee gocha isaan osoo hin eeyyamsiisiin raawwatanii soban irratti xiyyeeffachuu dhiisuu.
- Yeroo isaan soba dubbatan qofa osoo hin ta’in sagantaa dhaabbataa itti maatiifi daa imman waliin marii godhan qabaachuun wantoota ta uu hin qabne, wantoota ta uu danda’an akkasumas balleessaa raawwatan tokko sobaan dhoksuu yaaluun balleessaa raawwatan sana caalaa akka sirrii hintaane barsiisuu.

Daa imman yeroo hedduu soban dhiisisuun wanta salphaatti dhaabatu waan hintaaneef maatiin obsaan irra deddeebi'ani sirreessuu yaaluun barbaachisaa dha.

Fayyaa hin dhabinaa!
📔 Fayyaa Daa’immanii!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Addis Ababa