abde

abde

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from abde, Health/Beauty, Addis Ababa.

23/11/2022

𝘍𝘶𝘶𝘭𝘭𝘪𝘪 𝘬𝘰𝘰 𝘥𝘶𝘬𝘬𝘢𝘯𝘢𝘢'𝘦𝘦
𝘠𝘢𝘮𝘮𝘶𝘶𝘯 𝘨𝘶𝘥𝘶𝘶𝘯𝘧𝘶 𝘯𝘺𝘢𝘢𝘳𝘢
𝘉𝘪𝘧𝘵𝘪 𝘬𝘰𝘰𝘴 𝘥𝘢𝘢𝘭𝘢𝘤𝘩𝘢𝘢'𝘦𝘦
𝘠𝘰𝘮𝘮𝘶𝘶𝘯 𝘧𝘢𝘬𝘬𝘢𝘢𝘥𝘩𝘶 𝘥𝘢𝘢𝘳𝘢𝘢
𝘠𝘰𝘮𝘮𝘶𝘶𝘯 𝘨𝘢𝘥𝘥𝘢𝘢𝘯 𝘩𝘪𝘥𝘩𝘢𝘮𝘦𝘦
𝘘𝘢𝘭𝘣𝘪𝘪𝘯 𝘬𝘰𝘰 𝘮𝘪𝘤𝘤𝘪𝘪𝘳𝘢𝘮𝘶𝘶
𝘠𝘰𝘮𝘮𝘶𝘶𝘯 𝘢𝘮𝘢𝘭𝘢 𝘥𝘩𝘢𝘣𝘦𝘦
𝘏𝘢𝘢𝘭𝘭𝘪𝘪 𝘬𝘰𝘰𝘴 𝘫𝘪𝘫𝘫𝘪𝘪𝘳𝘢𝘮𝘶.....

𝘔𝘢𝘢𝘭 𝘵𝘢𝘢𝘵𝘦𝘦? 𝘕𝘢𝘯 𝘩𝘪𝘯 𝘫𝘦𝘥𝘩𝘪𝘯𝘢𝘢
𝘉𝘪𝘵𝘢𝘢𝘧 𝘮𝘪𝘳𝘨𝘢𝘢𝘯 𝘺𝘢𝘢𝘵𝘢𝘯𝘪𝘪
𝘕𝘢𝘮𝘢 𝘸𝘢𝘢𝘯 𝘺𝘢𝘢𝘥𝘦 𝘥𝘩𝘢𝘣𝘦𝘦
𝘔𝘢𝘢𝘭 𝘵𝘢𝘢𝘵𝘦𝘦 𝘩𝘪𝘯 𝘨𝘢𝘢𝘧𝘢𝘵𝘢𝘯𝘪𝘪

23/11/2022
23/11/2022

JAALALA ONLINE IRRAA
Seenaa dhugaa irratti kan hundaa'e
'n

~~~~

Garuu barnoota barachuun waan narra jiruuf garaa jabaadhee fuula koo gara sana naannefadhee gara sana imalee barnoota koo eegale. Jireenya kophummaas dhamdhamuu eegalera dhugaa dubbachuuf jireenyi kophummaa hedduu ulfaata (isa kana namni arge naaf hubata), kan si dhibu dhaladhee umurii koo wagga 16 ttan jireenya kophummaa jiraachuu eegale.
Yeroo sana hiriyyaa ani qabu yoo jiraate mobayilii koo qofa. oolmaa koo irra caalaa Facebook irrattan dabarsa yeroon Facebook ilaalu yeroof kophummaa koo nan dagadha. kan si dhibu garuu an yeroo sana telegram maal akka inni fakkaatuyyuu hin beekun ture facebook koo qofan qaxaqaxa. Guyyaa tokko osoon mana bunaa tokko jala taa'uu mucaan cina koo taa'u tokko 'telegram" osoo inni fayyadamuun arge kun immoo maalidha laata jedheen hedduu dinqisiifadhe Facebook caalaa natti toles. Yeroo dhuma kana maal akka ta'e mucaa kana gaafachuu akkan qabun yaade. Anis suuta jedhee sagalee koo gad buuseen "maal fayyadamaa jirta?" jedheen
Innis Telegram fayyadamaa akka jiruufi telegram mal akka ta'e akkasuma maal akka fayyadu tokkoyyuu osoo hin hanbisiin waa'ee telegram natti hime. anis 'application' telegram akka naaf dabarsun gaafadheen innis tole jedhee naaf dabarse anis battaluma gara mana koo galeen accounti telegrami banadhe, hedduus natti tole. Dhugaa haasa'uuf Yeroon Facebook keessaa ba'ee telegram seenu waanuman baadiyyaa irraa ba'ee magaala seenu natti fakkaata. Egaa haaluma kanaan osoon fayyadamuu namoota hedduu waliin 'online' dhan wal baruu eegale kun immoo caalatti akkan qophummaa koo dagadhu na godhe.
Guyyaa tokko akkuma barame laaqana nyaadhee akkuman ka'een siree koo irra dugdaan ciisee data bilbila kiyyaa banee telegram keessa gulufuun eegale osuman group fi channel garagaraa keessa seenee barrefamoota garagaraa dubbisuu, group tokko keessatti mucaa haalaan bareedu tokkon arge akka tasaa mucaayyoon online irra jirti anis addatti ishee baasee karaa keessa 'hi" jedheen isheenis turtii xiqqo booda "hi" naan jette. Ergan nagaa gaafadheenii booda "wal haa barruka eenyu siin jedhu eessa irrayi?" Jedheeni isheenis "Siifan naan jedhan Finfinnee irraa" naan jette anis dabaree koo of barsiiseen. Dhugaa dubbachuuf, guyyaan ishee waliin wal bare osoon jireenya koo keessa 'select' godhe 'delete' taasisee natti tola.
Guyyaan sun anaaf guyyaa ture. Garuu yeroo sanaaf guyyaa sana akka guyyaa koo ta'ettan fudhadhe. hedduun guyyaa sanatti gammade
Garuu maal godha... akkan yaade hin taane.
Siifan akkuma kiyya barattuu kutaa 11ffati kan nama dhibu immoo akkuma koo barattuu 'social' ti. akka tasaa eega wal barree booda hedduu waliin haasa'uu eegalle guyyoota dheeraafis waliin haasofne. Akkuma bekamu anis 'single' dha (jaalallee hin qabu💚).
siifan muca mudi bareedaa qabdudha hedduu na tolte', keessi koo hedduu ishee jaallate, koo akka taatuufis nan hawwe; hawwuu irra darbees koo godhachuuf maal gochuu akkan qabu yaaduun eegale.
guyyaa tokko osuma haasofnuu gaaffii tokkon gaafadheen gaaffin koos "jaalallee qabdaa?" kan jedhu ture. Deebi'iin ishee garuu........Itti fufa
✍️
Keessan nu qunnamuuf

fayyadamaa
Share godhii hiriyyoota kee channel kanatti affeeri

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Addis Ababa
0000

Opening Hours

09:00 - 17:00