Saanyii Eebbaa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Saanyii Eebbaa, Health/Beauty, Finfiñnee, Addis Ababa.
06/02/2023
Breaking‼
Waamicha Hiriira Guddaa Uffata Adiin!!!
Hundeeffamuu Sinoodoosii Oromiyaa ilaalchisuun Waamicha Dhiyaate.
Akkuma beekamu gareen jibbaa Oromoofi sabaaf sablamootaan machaa'e mana amantaa Ortodoksii keessa maandheffate guyyaa gaafa 5/6/2015tti gurraacha uffachuun hiriira balaaleffannaa Afaan Ofiin tajaajilamuu Oromoofi Sabaaf Sablamii mormuun waamee jira. Gareen kun fedhiifi galmi isaa amantaa osoo hin taane akkuma aboota isaa darbanii cunqursaa biraafi saamicha Oromiyaaf of qopheessuun gara aangoo siyaasaatti dhufuuf kan amuummachaa jirudha. Seenaa mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf Sinoodoosiin Oromiyaafi sabaaf sablamootaa hunda'uun Oromoon godinaalee hunda keessatti gammachuu isaa ibsachaa jira.
Guyyaan 5/6/2015 seenaa biyya kanaa keessatti guyyaa gaddaa osoo hin taane kan gammachuu ta'uu hubachuun jiraattotni Oromoofi sabaaf sablammootaa uffata adii uffachuun farda isaa fe'atee garmaamaa gara handhuura Oromiyaa Finfinneetti adabaabayii Masqalaatti imaaluun hanga gahu agarsiisuu akka qabu murtaa'ee jira. Kanaafuu guyyaa jedhametti wal argaan keenya Finfiinnee Adabaabayii Masqalaa ta'uu beektanii qophii hunda akka xumurtan beeksisna. Haaldureewwan adeemsaa koreen bal'inaan isin beeksisa!
Nagaan buleeraa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Finfiñnee
Addis Ababa