Nasrii Diin
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Nasrii Diin, ETHIOPIAN, Addis Ababa.
15/07/2026
NAMA DU’E WAAN SADIITU QABRII ISA WAJJIIN DHAQA
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
• Hadiisa Anas Ibnu Maalik R.A Irraa Odeeyfame Keesatti Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana ja’an “Nama Du’e waa Sadiitu Isaa Wajjiin Qabrii Dhaqa, Yeroo inni Awwalame booda wana Sadeen Isaa Wajjiin Dhaqe Keessaa Lama ni deebiti Takka Qofaatu Isa Biratti Hafaa Ja’an.
Wanni Sadeen San Akka Armaan Gadii Kana.
1: Aanaa Ykn Firaa fii Ahlii Isaa
2: Qabeenya Isaa
3: Dalagaa Isaa
• Wantoota Sadeen Kana keessaa aanaa fii Qabeenyi Isaa inni awaalamnaan gara manaatti biraa deebi’an, wanti takkittiin qabrii keessatti isaa wajjiin haftu dalagaa gaarii inni osoo lubbuun jiruu Addunyaa tanarratti dalagatee dabarfate qofa.
1: Hanga fedhe si jaalatuus firri kee kan qabrii sii wajjiin seenu hin jiru, ati awwaalamnaan namuu si dhiiseeti gara mana isaa deebi’a siifii dalagaa tee qofaatu walitti hafa.
2: Qabeenya hanga feete Addunyaa tanarratti horattuus if wajjiin fuutee qabrii hin seentu, Guyyaa ati duuterraa qabaniiti kan si boodatti Hafe addaan hirata, Qabeenya qofaa mitii jaartiin teetuu Gaafa ati duute ka biraatu fuudhee jaartii Godhata, wanni takkittiin si wajjiin haftu dalagaa gaarii ati dalagattee dabarsite qofa.
3: Dalagaa Tee qofa tan qabrii si wajjiin seentu, isii qofa tan Yeroo ati awwaalamte si biratti haftu, isiidha tan qabrii keessatti ifaa siif taatee Yeroo ati yaaddooyte si buhaarsitee si gammachiistu.
• Kanaaf Yaa Obboleeyyan kiyya Waan qabrii nuu wajjiin hin seennerratti Yeroo teenya fixuu dhiisnee osoo lubbuun jirruu waan Guyyaa boruu nu fayyadu haa dalagannuu.
• Rabbiin warra waan Aakhiratti Isaan fayyadu osoo lubbuun jiruu dalagatee dabarfatu Nu Haa Taasisuu.
Barreeffama kana dubbisaa Share Waliif Godhaa.
15/07/2026
Mallattoo kaatimaan nama toluu irraa waaxiqqo siif himaa dubbisii SHARE GODHI Rabbiin kaatimaa nuhaa tolchuu
________________________________
Kaatimaan sitoluun mallattoon duraa namni m*slimaa du*uudha haala addi isaa huurkituun Yookaan dafqituun
Ergamaan Rabbii 《S A W 》 akkana jedhan namni musl*maa haala bobaan isaa dafqituun yoo du*e mallattoo kaatimaan isaa toluuti ja'an
Mallattoon lammaffaa namni muslimaa du*uudha guyyaa juma'aa Ykn halkan juma'aa
Ergamaan Rabbii 《S A W 》 akkana jedhan nama muslimaa irraa ta'ee kan guyyaa juma'aa Ykn halkan juma'aa du*e Rabbiin fit*naa jalaa isa baasu malee hin taane jedhan
Ammas haala shahaadaa karraruun du*uudha
Ergamaan rabbii 《S A W 》 Akkana jedhan namni booddi jecha isaa
《Laa*ilaaha*illallaaha 》 taate jannata seena ja'e
Ammas shahiidummaadhaan du*uudha haala karaa rabbii keessati qabsaawaa taateen
Kuniis shahiideedha Ergamaan rabbii nabi mohammad 《S A W》 akkana jedhan namni du*e ib*ddaan gub*tee bishaaniin ukka*mfamee ammas dhukkuba garaatiin Ykn koreelaa jechuudha ammas nama osoo qabeenya isaatiif loluu falmatuu ajj**fame kuniis shahiideedha ja'e Ergamaan rabbii 《S A W》
Amaas ibaadaarratti du*uudha haala salaatatti jirtuun Ykn haala xawaafutti jirtuun haala soomana qabduun haala keeyrii adda addaa irra jiruun
Ergamaan rabbii 《S A W 》 akkana jedhan namni waanuma irratti du*e irratti kaafama ja'e
Rabbiin kaatimaa nuhaa tolchu
Yoo dubbiftee xumurte Ergamaa rabbii nabi mohammad 《S A W 》irratti salawaata buusi.
Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.
15/07/2026
Ifatominni, amanamummaa fi dhugaa dubbachuun daandii ulfaataa namoonni muraasni qoftiin irra deemanidha.
Mee ati wantoota sadan kana of keessatti ni'argitaa ❓
🤲 Yaa Rabbii! Ifatoma, amanamummaa fi dhugaa dubbachuu nuuf kenni
Aamiin. 🌹
15/07/2026
📋 Obsa Nabiyyallaah Ayyuub (A.S)
Nabiyyallaa Ayyuub (AS) Rabbiin ilmaan dhiiraa torbaafi durba torba kenneefii ture.
Akkasumas qabeenya hedduu fi saahibban hedduu isa badhaasee ture.
Garuu, Rabbiin isa mokkaree akka fakkeenya guddaa namoota biroof ta’u isa madaaluu fedhe... !!
Guyyaa keessaa Qabeenya isaa guutuu dhabe,
joolleen isaa hundi jalaa dhuman,
Dhukkuba hamaan qabamee lafatti hafe,
Namoonnis sababa dhukkuba isaa kanaan akka isaanitti hin dabarre sodaatanii, magaalaa keessaa baasanii magaalaa alatti isa gatan... !!
Haadha manaa isaa tan isa tajaajiltu malee namni Tokkolleen isaa wajjin hin hafne.
Hanga isiin namoota bira hojjattee waan isii fi abbaa manaa isii ittiin bulan argatanitti rakkatan.... !!
Nabi Ayyuub waggaa kudha saddeet (18) guutuu qormaata kanaan obse.
Inni obsa guddaadhaan dhiphachaa ture, haadha manaa isaa dabalatee nama tokkottis hin himanne,... !!
Yeroo haalli isaanii hammaachaa dhufe, haati manaa isaa gaaf tokko akkana jetteen:
"Osoo Rabbii kee akka si fayyisuuf kadhattee..."
Innis akkas ja’e gaafate:
"Waggaa meeqa rakkoo malee qananii keessa jiraanne?"
Isiiniis: "Waggaa 80," jetteen.
Innis: "Ani Rabbii koo niin qaanfadha, sababni isaas dhiphinni ani keessa jiru yeroo ani gammachuu keessa jiraadhe dila san hin geenye," ja’een.
Yeroo kana ishiin abdii kutattee aartee, "Hanga yoomitti musiibaan tun itti fufti?" jette.
Innis ni aare. Rabbiin yoo isa fayyise garaffi 100 isii akka dhawu kakate, "Akkamitti murtii Rabbii irratti komii kaasta?" Ja’een.
Guyyoota muraasa booda, namoonni dhukkubni abbaa manaa isii akka isaanitti hin dabarre sodaatanii hojii dhowwatan. Hojjattee nyaata fiduu dhabde.
Warri Tafsiiraa tokko tokko akka ja’anitri:
Kaatee rifeensa ishii irraa garii murtee gurgurtee nyaata ishiifi abbaa manaa isiitif fiddi.
Innis: "Na dalaysisu didan jattee maallaqa nyaatan bittu eessaa argatte?" Ja’ee gaafate. Isiniis hin deebisneef.
Guyyaa lammadaa immoo naannoo rifeensa isii kan hafe gurgurte.
14/07/2026
🌳🖊Qaamni kee yoo bare, wallaahi suusii sitti taha. Ergamaan Rabbii۞ﷺ۞ Akkana jedhan namni wan kheeyrii tokko namatti garsiisee Rabbiin karaa jannata isaa garsiisuu malee hin hafuu jedhaa 𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 & 𝐋𝐢𝐤𝐞♥️ 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐚
•••••••••••••••••••••••••۞﷽۞••••••••••••••••••••••••
🌳🖊 suusii hamtuudha! Al-tokko eegallaan keessaa bayuun ulfaataadha.
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
🌳🖊Yoo hojjachuun suusii sitti tahe jiruu tee keessaa BARAKAAN guutumatti fuudhamti. Wanni harki kee xuqe kamtuu BARAKAA hin qabu.
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
🌳🖊Qalbiin tee tasgabbii hin arkattu. Yeroo hunda miira gad-aantummaatu sitti dhagayama.
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
🌳🖊Eega bultii ijaartellee hojjachuun itti fufa. Maaliif Jaarsa fi jaartiin hedduun cheating walirratti hojjatan sitti fakkaata!
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
🌳🖊Walumaa galatti, hojjachuun duniyaa fi aakhiraa tee balleessuu dandaya.
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
🌳🖊Anaa fi ati Kan barruu tana Haga xumuraatti dubbisees irraa Rabbi nuhaa tiiysu 🤲😭
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
🌳🖊 follow صباح الإسلام gochuun_obbollewwaan_kessaan_Keeyriti_shaarakaa_ Gorsaa and DaعWaa hadisa Rāsūūlla ۞ﷺ۞ mimmiidhagoo jechootaa gaggaarii jechootaa Mimmi'aawoo baballisaa 💞
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
🌳🖊Asumaan Nabiyyichaa ۞ﷺ۞ Iràti Sålawãta
busuu hin dagatinaa Yaa gabrootaan Rabbii
اللَهُمَّ صلِّ وسَلِم وبَارِك على سيدنا مُحمَّدْ ﷺ
Nisaa'ul Jannah Media
••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
14/07/2026
If duuba hin deebi’in..!!
tokko yeroo hundaahu sheeka isa jala taa’eti barata, sheeyni isaa ammoo eysuma isaati.
tokko sheeyni isaa gaafii isa gaafate. Garuu barataan sun deebisuu dadhabe. Yeroo kana eysumni isaa aareeti, "Wallaahi ati beekumsaan hin milkooytu, kheyriin takkalleen sirraa hin argamtu deemii waan biraa hojjadhu !" ja’een.
Dubbiin tun barataa kanatti dhagahamteeti, gara biyya adda addaa dhaqe. Jabaate beekumsa barachutti seene; hanga baratee Aalimaa fi duree Islaamaa tahee, kitaaba hedduu diiniif barreeysutti.
tokko isaa barattoota heddumminarraa lakkoofsi isaanii hin beekkamne jidduu taa’u jiru, jecha eysuma isaa san yaadate: "Eysuma kiyyaaf Rabbiin rahmata haa godhuuf, silaa arraan tana na arke, kakuu isaa san kaffaartaa irraa baasa" ja’e. Isaan lachuutifu Rabbiin rahmata haa godhuuf.
dadhabaan jedhamee yaadame kun eenyu, ni beeyta?
Ahmed ibnu Ja’afar Axxahaawiidha! Imaama guddaa abbaa kitaaba 'Aqiidaa Xahaawiyaa' ti.
Eysumni isaa ammoo Imaamul-Muzaniidha; barataa guddaa Imaamu Shafi’iiti fi akkasuma nama beekumsa Shafi’ii dhaale san.
Guddina isaa wajjiin yaanni inni barataa isaa kheeysatti yaade sun sirrii hin taane. Namni waan fadhe si kheeysatti haa ja’uuti, jachi isaanii kaayyoo teetirraa if duuba sin deebisin..!!
Urwaa ibnu Zubeeyr: "Jacha xiqqeenyaa kan namni naan ja’u, zamana dheera guddina na dhaalchifte" je’a. Atiitu lubbuu tee beeka, wanni namni sin ja’u sun sin dagin!
Sufiyaan Assowrii: "Namni lubbuu isaa beeke, namni isa faarsu ykn isa arrabsuu isaa hin rakkiftu" je’a..!!
08/07/2026
"YAA RABBI FOROROO!"
YAA RAbbi Rahmata keetiin nu dhaqqabi beeyladaan halaakamte wanti facaafanne badde.
Yaa Rabbi sababa badii teenyaatiif nun halaakin
اللهم انشر رحمتك على العباد والبلاد
اللهم أغثنا غيثا مغيثا هنيئا مريعا
آمين آمين آمين يارب يارب العالمين.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Website
Address
ETHIOPIAN
Addis Ababa