Jamaal Amaan

Jamaal Amaan

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jamaal Amaan, Health/Beauty, Addis Ababa.

30/10/2024

ANI MAALIIFAN UUMAMEE?
Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin. namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.
Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?

Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.
Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf battala barreefama kana dubbisteen of qopheessi. Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.

Maxxansa kana yoo jaalatte share gochuu qofaan hiriyootakee onnachiisi. Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.

17/10/2024

GOSOOTA MATAA DHUKKUBBII
***************************
Mataa dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kanneen armaan gadii kun sadan warreen hawaasa baay'inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabudha.
***************************

1. GOSA MATAA DHUKKUBBII TEENSHINII (Tension Type Headache) [Fakkii: A] kan jedhamu kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Mataa dhukkubbiin kun, mallattoo dabalataa hin qabu, mataa dhukkubbii qofa! Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka “paracetamol” fi kkf (ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutumaa guututti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uufaa waliin walqabata. [Fakkii A]
***************************

2. MATAA DHUKKUBBII MAAYIGIREENII (Migraine Headache) [Fakkii: B]: Inni kun dhukkubbii isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isa yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree kan dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dha’atu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, yoo takkaa dhukkubuu eegalu sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegalu dha. Maayigreeniin mataa dhukkubbii irratti dabalataan, mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuun isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan ziig zaag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dadhabuu fi kanneen biroo argisiisa. Yeroo kana namoonni mataa dhukkubbii gosa kana qaban akka mataan dhukkubbii kun isaanitti ka'uuf jedhu ni beeku.
Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee ol ka’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha. Waan nutti kaasu beeknee, akkuma dhuunfaa keenyaatti irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisuu dide hospitaala deemnee qoricha ogeeyyii yaalaan ajajamu fudhachuu qabna.
***************************

3. MATAA DHUKKUBBII KILAASTERII (Cluster Headache) [Fakkii: C]: Inni kun gosoota mataa dhukkubbii bal'aa trigeminal autonomic cephalgia jedhamu keessatti kan argamu ta'ee, mataa gam tokko (bitaa ykn mirga) qofa, naannoo ijaa kan dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan mallattoowwan: ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu, ija diimessuu fi funyaan cufuu agarsiisa. Ciminni dhukkubbii isaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroo irra kan caaludha. Dhukkubbiin isaa yoo jalqabu naannoo ijaa irraan kan eegalu, akka mataa dhukkubbii gosa kaanii suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaa dhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’uudha. Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko irriba keessaallee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamne yoo ta’u, kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan akkka darbu ibsu. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan ni kennamu.
***************************
Fayyaan Faaya.

16/10/2024

Gartuu dhiigaa fi amala namaa!
***************************
Qorannoon baayyee cimaa fi gad-dagoo tahe jiraachuu baatus gartuun dhiigaa fi amalli namaa hariiroo akka qabu ni dubbatama!
************************
1.Gartuu dhiiga A
********************
Namoonni kun cimoo , hojjii kan jaallatanii fi nagaa barbaadu. Kana malee hojjii tartiiban hojjachuu , qulqullinaa fi yeroo tokkotti hojjii tokko duwwaa hojjachuu filatu
Namoonni kun amanamoo fi waan sirrii qofa hojjachuuf dhama'u.
Amalli badaan isaanii waanuma xiqqoof dhiphachuu fi waan hunduu sirrii akka ta'u barbaadu!

2. Gartuu dhiiga B
***************************
Namoonni kun hojjii kalaqaan beekamu , waan karoorsanii amma galmaan gahanitti hin dhisan.Akkasumas yeroo tokkotyi waan hunda dhiisanii wanta tokko duwwaa irratti xiyyeeffatu!
Namoonni kun amala namaa yaaduu fi nama hubachuu qabu!
Rakkoon isaanimmoo of jaallachuu , jijjiiramuu , maal dhibdee fi balleessaa namaaf hin dhiisan!

Gartuu dhiigaa AB
************************
Namoonni kun makaa A fi B ti. Amalli isaaniis nama yaaduu, amanamummaa fi nama kunuunsuudha!
Namoonni kun sammuu cimaa fi dandeettii waa yaaduu cimaa qabu.
Nagaa buusuu , namaan walii galu fi kaayyoo ofiif namoota cichaniidha.

4. Gartuu dhiiga O
****************
Namoonni kun dandeettii gaggeessummaa cimaa kan qabanii fi waan xiqqqoon warra hin qabamneedha!
Namoonni kun arjummaa fi namaaf gaarii yaaduu jaallatu!
Namoonni kun waan xiqqoon hin qabaman , amanamoodha fi wanta haaraatti dafanii baru, ejjennoo cimaas qabu!
Jarri kun hinaaffaa , of jaallachuu fi kiyya malee jechus qabu!
Isinhoo kam keessa jirtu????
*************************
Galatoomaa!!!
Dr Oliyad
Follow godhani

15/10/2024

Milkaa'inni wantoota 6 kana gaafata..

1. Hojii cimaa

Carraa hin amanin, hojii cimaatti amani.

Adeemsa ariifachiisuuf yaaluun ykn karaa gabaabaa barbaaduu dhiisi.

Hin jiru.

2. Obsa

Obsa dhabaa jirta taanaan lola dhabaa jirta.

Jalqaba wanti tokkollee hin ta’u, achiis suuta jedhee akka tasaa yeroo tokkotti ta’a.

Namoonni baay'een sadarkaa tokkoffaa irratti harka kennatu.

3. Wareegama

Yoo waan barbaaddeef wareegama hin baasne, wanti ati barbaadde wareegama ta'a.

Wanti hundi gatii qaba. Gaaffiin jiru: Jireenya hawwitu sanaaf kaffaluuf qophoofteettaa?

4. Walsimachuu

Walsimannaa jechuun giddu galeessa gara olaantummaatti kan jijjiirudha.

Walsimannaa malee milkaa'ina kana caalu gonkumaa hin argattu.

5. Naamusa

Kaka’umsi akka deemtu si taasisa, naamusni garuu akka guddattu si taasisa.

Guyyoonni fedhiin sitti hin dhaga’amne ni jiraatu.

Guyyoota sana maaltu sitti dhaga'amu osoo hin ilaalin dhiibuu qabda.

6. Ofitti amanamummaa

Ofitti amanamummaan, yoo na hin jaallanne gaarii ta'a.

25/02/2024

Dubartoonni maaliif dhiirota dhiisanii deemuu?

Addunyaa jaalala keessatti dhiirri fi dhalaan walitti dhufeenya jaalala waliin qabaachuun waanta baramaa gulantaa namni hundinuu keessa darbudha.

A). Amala dhiirotaa dubartoonni akka baqatan godhan kurnan.

Akka Ogeessonni yaala sammuu jedhanitti, uumaman dhiirri adamsaa yoo ta'u dubartoonni immoo adamfamoodha. Kana jechuun Namni adamoo deemuu tokko milkoome mirgaan galuudhaaf carraaqii, qopheen fi akkamitti adamsuu akka qabu beekuu qaba.

Amala dubartoonni nama gaa'ilaaf barbaadan irraa arguu hin barbaanne
1). Nama hanga malee Oftuulu

2). Nama ofitti amanamummaa hin qabne.
Akka malee oftuuluunis ta'e miiraa gad aantummaa ofiif qabaachuun ofiin of murteessu dhabuun mallattoo dhukkuba dhibee sammuuti. Kanaaf ofitti amanamummaa madaala isaa eeggate qabaachuun fayyaalessadha.

3). Dhiira hafuuraa nama kutu.
Kana jechuun guyyaatti alkudhan bilbilee ykn barreessee maal nyaatte,maal dhugde, eessa jirta, akkasan ta'e, akkas godhi fikkf boqonnaa ishee dhowwatu. "Jarjaraan re'ee hin horu". Waan hundinuu dangaa yoo qabaate gaariidha.

4). Dhiira naamusa kan hin qabne. Kabaja ati isheefis ta'e hiriyootasheef, hiriyootakeef, namoota naannookee jiraniif kennitu, of kabajjufi ilaalcha ati qabdu of keessatti qabata. Namuusa qabaannan hunda qabda.

5). Waan hin qabne ta'u(reverse psychology).
Utuu jaalattuu akka nama hin jaalannee hin ta'iin. Yoo jaalatta ta'e miirakee sirritti ibsiif. Akka jaalattu Itti agarsiisi malee utuu of fakkeessuuf baqattuu dhabuu dandeessa.

6). Haasakeetti daanga godhi.
Yeroo isheen waan xiyyeefannoo barbaadu sitti haasoftu hin baaciin. Miira ishee hordofaa taphachiisi.

7). Fedhii saal_qunnamtiif hin jarjariin. Har'a wal bartee boru siree kan qabattu yoo ta'e sana booda carraan deebite arguukee dhiphaadha. Nama gaa'ilaaf barbaaddu yoo ta'e hin aariifatiin miirashee dhaggeefadhu.

8). Nama hinaafuu fi to'annaa baay'isu.

9). Waan hin qabne qaba hin jedhiin. Yoo siin sin barbaanne utuu hin barfatiin haa deemtu.

10). Waan haasooftu ta'i. Namni waan karoorse irratti ejjennoo hin qabne gaa'ila isaa irratti ejjennoo hin qabu.

Kana hunda qabaattee yoo dubarri si dhiiftee deemte
Waaqayyootu dafee si furee baga deemte.
Garagalchi isaa dubartootaafis in ta'a..
©Tolasaa Burqaa

Photos from Adanech Abiebie- አዳነች አቤቤ's post 22/02/2024
04/11/2023
Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


Addis Ababa