Mahamed Yuusuf

Mahamed Yuusuf

Share

JAALATAMU MALEE JALEATEE HIN BEEYTU

01/06/2024

Falaasama Hortee Kuush Gurraacha Uummata Oromoo Guddichaa Gaanfa Afriikaa Maal Quba Qabdu?

Uummanni Oromoo, uummata guddicha Gaanfa Afriikaa hortee Kuush gurraachaa, abbaa falaasama siyaasa sirna gadaa, abbaa angafa qaroomina Addunyaa, warra safuun jiraatu ta'uu seenaatu addeessa.

Gurraachichi Afriikaa Kuush dhaloota Kiritoosiin dura naannoo bara 8,000- eegalee Ardii Afriikaa keessattuu Baha Afriikaa bal'inaan hortee jiraachaa tureefi jirudha. Horteewwan Kuush 23 Gaanfa Afriikaa jiran keessaa uummanni Oromoo Isa duraati. Uummanni Oromoo Utuu Addunyaan diimookiraasii ammayyaa fayyadamuun hin eegalinitti, uummata seena qabeessa barnoota ammayyaa tokko malee falaasama siyaasaa 'Sirna Gadaa' kallaquun uummata Addunyaa afaan qabachiisuu danda'eedha.

Uummata Oromoo Addunyaa kana irraa kan adda taasisu raajiin biroon immoo falaasama amantii mataa ofii tolfachuun uummata uumaa uumamtootaa, tokkicha maqaa dhibbaa, garbicha garaa garbaa, leemmoo garaa taliilaa...jechuun dhugaa beekuu jiraachuu Waaqaa tokkichaa uummata ragaa bahedha.

Uummanni Oromoo Ilmaan Booranaaf Baareentuuti. Uummanni Oromoo warra gadaa shananii, warra Bokkuu shananii, warra Odaa shananii, warra Bokkuu shananii, warra aadaa, seenaa, duudhaa, afaan, Saba tokkooti.

Uummanni Oromoo warra abbaa tokkooti. Laal! Damee Oromoo Shanan:-
👉Maccaaf Tuulama,
👉Ittuuf Humbannaa,
👉Raayyaafi Asaboo,
👉Sabboof Goona,
👉Sikkoof Mandooti.

Uummanni Oromoo Abbaa Gadaa Shananiiti, Laal!
Gadaa Roobalee
Gadaa Birmajjii
Gadaa Duuloo
Gadaa Melbaa
Gadaa Michillee

Quba qabaadhu! Uummanni Oromoo Abbaa Odaa Shananiiti:-
👉Odaa Roobaan
👉Odaa Bultum
👉Odaa Nabee
👉Odaa Bulluuq
👉Odaa Bisil

Uummanni Oromoo Abbaa Bokkuu Shananiiti, Laal!
👉Bokkuu Kallachaa
👉Bokkuu Dikaa
👉Bokkuu Biifaa
👉Bokkuu Roobaa
👉Bokkuu Horaa

Waan hedduu kaasuun ni danda'ama. Fknf Karra Finfinnee Shanan, Hora Bishooftuu Shanan....kan Hafe itti guutaa!

Ulfaadhaa🙏

Ilaalcha Oromoo ✍️
Oromiyaan Biyya!

15/06/2023

Wawww

17/03/2023

Soool

29/12/2022
29/12/2022

Gooblka soool

15/12/2022

Oromo💯❤️💯❤️👈👈👈💪💪💪💪💯❤️❤️

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Addis Ababa