Abaa Biyyaa

Abaa Biyyaa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abaa Biyyaa, Health/Beauty, asala, Addis Ababa.

10/03/2026

#የአርሹ ጌታ ምን ይሳነዋል የጋዛ ጎሮቤት ቴል አቪቭ ናት ሲባል ማን ያምናል አሁን እስቲ ተመልከቱ የአላህ ስራ ምን ይሳነዋል !!
#ለጌቶቼዬም ጌታ አለባቸው፡ለካ አለች አሉ ባሪያ!!

#ስጀመር እስራኤል ሐማስን፣ ሂዝቦላን የመሳሰሉ ህዝባዊ ድጋፍ ያላቸውን ሳታጠፋ ጠንካራ አገረ መንግሥት ያላትን ኢራንን አጠፋለሁ ብላ መነሳቱዋ የዕብሪቱዋን ጥግ ያሳያል።

#ስቀጥል የእስራኤል ቆዳ ስፋት ከሸዋ ክ/አገር የሚስተካከል ነው። ዳሩ ግን እስራኤል እራስዋን አግዝፋ ከዓለም ትልቅና አስፈሪ አገር አድርጋ አምናለች። ማመን ብቻ ሳይሆን ዓለም ሁሉ አምኖ እንደ ተቀበለ አምናለች። ግን የዘራችው የሲኦል በር ሲከፈት ኢምንትና ነጥብ መሆኑዋ በተግባር እየተገለጠ ነው።
#አላህ በራሱዋ እጅ ወደ እሳት እያወረዳት ይገኛል ድል ለፐርሽያዊያንና ለጋዛዊያን /ለፍልስጤም/!!

01/01/2026

Bara haaraa 2026 Jabaannee Sagalee Uummataa Taanee Itti Fufna jedhe Bulchiinsi OMN.

Ergaa baga bara 2026 geessanii kan dabarse OMN, bara 2026 uummaticha waliin ta'uun hojiiwwan gurguddoo hojjachuuf karoora qabaachuu hime.

OMN bu'aa bayii heddu dandamatee sagalee jabaa fi amanamaa uummata Oromoo akka ta'e kan hime bulchiinsi OMN, rakkolee addaa addaan osoo hin jilbeeffanne hojii seena qabeessa sabaaf hojjataa ture ammas kutannoo fi murannoon itti fufee jiraachuu ibseeti jira.

Kanaanis miiliyoonota irraa jaalalaa fi amantaa horachuu, Sagalee bakka bu'iinsa hin qabne ta'uu isaas mirkaneessuu himee jira.

Hojii seena qabeessa kana ammas ittuu jabeessee itti fufuuf akka jirus bulchiinsi OMN ibseeti jira.

Deeggarsaa fi tumsa uummata isaatiin godhamuufiin kan onnatu OMN bara 2026 jabaatee hojii Ummata Oromoo Giddu galeessa godhate ni hojjata jedhe.

Dantaa fi Fedhii Oromoo irratti xiyyeeffatee hojjachuu kan itti fufu ta'uu isiniif mirkaneessa jedhe.

Gola Oromiyaa maraa keessatti taateewwan ta'an battalatti gurra uummataan gahuu fi taateewwan gurguddoo hayyoota bilchaatoon xinxaala bilchaataa itti akka kennisiisu himeeti jira.

Bara 2026 Oromiyaan alas, Oromoo biyya ambaa jiraatuuf uwwisa miidiyaa guddaa kennuuf OMN qophii isaa xumuree hojiitti seenuus beeksiseera.

OMN dhaadannoo “Dhugaa Uummataa Karaa Dhugaatiin” jedhuun durfama kan jedhu bulchiinsi OMN, dhugaan Oromootuu dubbatamee hin dhumu jennee akka amanu himeeti jira.

Dharri OMN keessatti bakka akka hin qabnes jabeessee ibsee jira.

“Kana malees OMN miidiyaa walabaa ta'ee loogii tokko malee akka Oromoo mara tajaajiluu itti fufu isiniif mirkaneessina. OMN qabeenya uummata Oromooti. Gartuun keenya Dhugaa fi Haqa Uummata Oromooti. Gartuun keenya Ogummaa Gaazexeessummaati. Hojiin keenya bu'uurota kanneen lamaan irratti hundaa'ee hojjatama” jedhe.

“OMN miidiyaa keessani. Isiniin hundaa'ee, isiniin deeggaramee, isiniif hojjataa waggoota 11f fulla'e. Borus isiniin deeggaramee isiniif hojjataa, Midiyaa jabaa Oromoon waloon qabu ta'ee itti fufas” jedhe.

08/12/2024

''Kan du'aa jiruufi wal-ajjeesaa jiru Oromoofi Oromoo dha waan taheef waan seenaa gurraachessuu dha, kanaaf galuu isaaniitti gammachuu qaba.''
Waliigaltee hidhattoota WBOfi mootummaa irratti jiraattota dubbisne keessaati kana dubbatan.
https://bbc.in/3ZGDtgM

08/12/2024
Photos from Abiy Ahmed Ali's post 16/11/2024
24/09/2023

Godina Shawaa bahaa Aanaalee Fantaallee fi Boosat irraa lafti baay'ee bal'aa ta'e Mootummaa nannoo Amaaraatiin dhunfatamee jiraachuun ibsame.
================================================

Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraatii fi Mootummaan naanno Amaaraa daangaa naannoo Amaaraa isa sirrii darbuun lafa naannoo Oromiyaa kilomeetira 90 caalaa qabatanii akka jiran ragaaleen mul'isaniiti jiru

Weerara lafaa kana mootummaan Oromiyaa yeroo dheeraaf callisaan ilaalaa ture, Ejensiin Maappii Itoophiyaa fi dhaabbileen federaalaa biroon immoo weerara humnoota kanaa hordofuun maappii jijijjiraa akka turan ragaaleen ni mul'isu.

Humnoonni Finxaaleyyii Mootummaa naannoo Amaaraatiin hidhachifan baroota dheeraaf gara daangaa Oromiyyaatti ce'uun lafa Oromoo fi Oromiyaa saamaa turaniiru.

Oromoota baay'ees qe'ee fi qabeenya isaanii irraa buqqaasuun Lafa saamanii bulchiinsa Mootummaa naannoo Amaaraa jala akka galu taasisanii jiru.

Haaluma kanaan Ejensiin Maappii Itoophiyaa sochii babalifannaa Lafaa humnoota finxaaleyyii kanaa hala qindaawaa ta'een deeggaraa fi uwwisaa tureera.

Ejeensiin kun lafoota daangaa Oromiyaa ce'uun saamaman baay'ee isaanii akka isaan naannoo Amaaraa jala jiranitti kaartaa hojjataniifi akka ture ragaaleen ni mul'isu.

Kana dura kaartaan saamicha lafaa aanaa Fantaalle mul'isu qorattootaan ifoomee ture.

Qorataan Imaamata lafaa fi jijjiirama qilleensaa Roobaa Bulgaa sirna odeefannoo teessuma lafaa aanaa Fantaallee mul'isnee jirra jechuun ibsanii turan.

Kaartaan kun kan qophaa'e kaartaa dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii bara kudha sagal sagaltamoota keessa Itoophiyaa irratti hojjate irra dhaabbachuun akka ta'e ibsameera.

Haaluma kanaan Fantaallerraa lafoonni Arroollee bal'aa, Borbor, Doddotii Guddoo, Harooressa Bal’aa, Eddoo Guddoo, Dhiibuu Dammaa, Harooressa Qal’aa, Qonye, Funyaan Booraa, Funyaan Waangayyoo, Malkaa Jiloo, Ulaagaa, Xininjii, Haroo Arbaa, Micci, Haroo Diidaa, Wanji, Irraan buutee, Haroo-Huubaa, Abba-Kulaanii fi lafonni gara biroo bayyeen mootummaa naannoo Amaaraatin dhunfatamanii jiraachuu jiraatonni himu.

Haaluma wal-fakkaatuun Godina Shawaa bahaa gandoota aanaa Boosat hedduun humnoota finxaaleyyii Amaaraatin saamame jiraachuu jiraattonni aanichaa himanii jiru.

Aanaa Boosat ganda Borcataa keessaa araddaawwan akka Siiquu, Koysoo, Mindaa, Gaardaa Qal'aa, Handoodee, Garba Adii, Seera'ee, Boorticha, Maqidallaa fi Qaawwa Bubbisaa ykn Qarsaa Abbaa Bunee faan lafoota bulchiinsa mootumaa naannoo Amaaraan dhuunfataman tahuu ragaaleen ni mul'isu.

Dabalataan aanaa Boosat irraa lafoonni akka Dudda Daalacha, Fossoo, Gabaa Raadaa, Calalaqaa, Qilee Arbaa faan bulchiinsa naannoo Amaaraan erga dhuunfatamanii turaniiru jedhu jiraattonni.

Weerara lafaa aanaalee Oromiyaa naannoo dangaa Amaaraa irra jiraanii kana mootummaan naannoo Oromiyaa callisee ilaaluun isaa gochichi haalaan akka hammaatuuf karaa baneera jedhu jiraattonni yaada isaanii OMNf kennaniin.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Asala
Addis Ababa