Imala Badhaadhinaa

Imala Badhaadhinaa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Imala Badhaadhinaa, Health/Beauty, Babile, Addis Ababa.

Photos from Imala Badhaadhinaa's post 01/10/2025

‼️

➡️ Itoophiyaan Eebbisuufi👌
➡️💪Irreen Ethiopia Cimtuudha!!
➡️💪Itoophiyaan irra Aanuu itti fufti 👌💪

👉Pirojektoota Boba’aa fi Gaazii Uumamaa yeroo dheeraaf Ummata Biyya keenya biratti hawwii guddaan eegamaa ture Itiyoophiyaan marsaa jalqabaa eebbisiisufi‼️
➡️💪Olka'iinsi Itoophiyaa itti fufa!!

20/08/2025

'amuun Dhaloota ceesisa. Dhaloota Ceesisuutu irree Itoophiyaa cimsa.

13/08/2025

Qormaanni Imala badhaadhinaa irraa nu dhaabu hin jiru

Daldaltoonni siyaasaa qajeeltoo siyaasaa ittiin hogganaman hin qaban. Hanga bu’aa siyaasaa argatanitti du’aatii fi gaaga’amni kamillee yoo uumame dhimma isaanii miti. Carraa tokko yaalanii yoo milkaa’uu baate tarsiimoo biraa qiyaafatu. Gaaga’amni lubbuu fi qabeenyaa isaaniif milkaa’ina guddaa dha. Sababni isaas, isa ka’umsa godhachuun du’aa fi badii biraa lallabu. Maqaa sabaa fayyadamuurraa kan hafe bu’uura hawaasaa hin qaban. Sababni isaas, ummanni, gaaffii irraa hin qabne bu’uura hawaasaa ta’uufii hin danda’u. Qaama kamiyyuu caalaa ummata bakka buuna jedhanii dhaadatan miidhu. Hanga faayidaan isaanii guutetti, sonaa fi duudhaa ummata keessaa bahaniif hin dhimaman.
Daldaltoonni siyaasaa tokkoof fira fakkaatanii diina baay’isuufi. Nuyii fi isaan jechuun qoodiinsaa fi jibba lallabu. Dudhaa waloo diiganii mandaratti galu. Tokkumma biyyaa laaffisu. Biyyaa fi ummanni akeeka misoomaarraa maquun ajandaa isaanii keessa oolanii akka bulan barbaadu. Sababni isaas, hiyyummaan dawoo fi bakka dhokannaa isaaniti. Demokraasii fi siyaasa ammayyaa’e akkasumas, hawaasa dammaqe keessatti akeekni isaanii galma gahuu akka hin dandeenye ni beeku. Kanaaf, hanga danda’ametti misooma gufachiisu, qabeenya mancaasu, xiyyeeffannaa dinagdee dhabsiisu. Ummanni bakka isaan yaadan hin jiru. Ajandaan isaa jalqabaa misoomee hiyyummaa keessaa bahuudha. Nutis bakka sana hin jirru. Qormaanni imala badhaadhinaa irraa nu dhaabu hin jiru. Nagaa keenya waareessa; badhaadhina dhugoomsina!
Horaa bulaa!

13/08/2025

Seenessi waloo utubaa Itoophiyaa haaraati!
==
Kallacha Oromiyaa: Hagayya 07, 2017- Biyyoota akka Itoophiyaa saboota, sab-lammootaafi uummattoota hedduu afaan, aadaa fi amantaalee garaagaraa qaban keessatti sabdaneessummaa kabajuufi fudhachuun dhimma filannoof dhiyaatu osoo hin taane dirqama.

Haa ta’u malee baroota dheeraaf sirnootni darban dhugaa qabatamaa jiru kana haaluun seenessa qeenxee qabachuun biyya kana geggeessaa turuu isaanitiin sabaafi sablammoonni biyya isaanii keessatti moggaatti akka dhiibaman ta’aa ture. Kun immoo uummattoonni biyyattii miira tokkummaa qabaachuun guddina barbaadamu akka hin galmeessine hudhaa ta’eera.

Seenessi waloo seenaa sabaafi sab-lammoota biyya keenyaa walitti qabuufi tokkummaa isaan gama hundaan qaban waliin qindeessee dhalootaaf kan dabarsuudha. Seenessi qeenxeen immoo faallaa isaan seenaa gosa ykn saba tokkoof qofaan daangeffamee kan seeneffamu, naannoo tokko keessatti seenessa dhalateefi bal’inaan hin beekamneedha.

Kanaafuu, seenessi waloo akka mallattoo hunda hammatuutti kan ittiin walii galamuudha. Gumaachi isaa inni guddaan haala gaariin wal-hubannoo cimaa uumuun biyya cimtuu tokkummaan uummattootaa keessatti cime ijaaruu dandeessisa.

Mootummaan, Paartileen moorkattootaa, hayyoonni, dhaabbileen mootummaa,miti mootummaafi hawaasni bal`aan biyya keenyaa hundi seenessa waloo akka meeshaa ijaarsa biyyaa murteessaa ta’eetti ilaaluun itti fayyadamuu qabu.

Miira waldorgommii kan hin qabne injifannoo waliigalaa kan calaqqisiisu, tokkummaa siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa kan jabeessuufi tarsimoo misoomaafi nageenyaa deeggaruun yaadama walqixxummaafi hirmaannaa uummataa cimaa sabaafi sab-lammootaa uuma.

Tokkummaa cimaafi itti fufiinsa qabu ijaaruuf, jibba seenaa darbee, shakkii gosaafi wal-dhabdee hambisuun barbaachisaadha. Kana milkeessuuf immoo mootummaa, dhaabbilee barnootaa, miidiyaaleefi hawaasa, bal`aa hirmaachisuun dirqama.

Madaa darbe hooqqachuufi haaloo ba`uuf deemuun seenessa waloo ijaaruu hin danda`u waan ta'eef itti fufiinsan marii amansiisaa seenessa waloo bu’uura tokkummaa Itoophiyaa ijaaru gochuun murteessaadha.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

13/08/2025
13/08/2025

Seenessi Waloo Utubaa Itoophiyaa Haaraati!
= = =
Biyyoota akka Itoophiyaa saboota, sab-lammootaafi uummattoota hedduu afaan, aadaa fi amantaalee garaagaraa qaban keessatti sabdaneessummaa kabajuufi fudhachuun dhimma filannoof dhiyaatu osoo hin taane dirqama. Haa ta’u malee baroota dheeraaf sirnootni darban dhugaa qabatamaa jiru kana haaluun seenessa qeenxee qabachuun biyya kana geggeessaa turuu isaanitiin sabaafi sablammoonni biyya isaanii keessatti moggaatti akka dhiibaman ta’aa ture. Kun immoo uummattoonni biyyattii miira tokkummaa qabaachuun guddina barbaadamu akka hin galmeessine hudhaa ta’eera.

Seenessi waloo seenaa sabaafi sab-lammoota biyya keenyaa walitti qabuufi tokkummaa isaan gama hundaan qaban waliin qindeessee dhalootaaf kan dabarsuudha. Seenessi qeenxeen immoo faallaa isaan seenaa gosa ykn saba tokkoof qofaan daangeffamee kan seeneffamu, naannoo tokko keessatti seenessa dhalateefi bal’inaan hin beekamneedha.

Kanaafuu, seenessi waloo akka mallattoo hunda hammatuutti kan ittiin walii galamuudha. Gumaachi isaa inni guddaan haala gaariin wal-hubannoo cimaa uumuun biyya cimtuu tokkummaan uummattootaa keessatti cime ijaaruu dandeessisa.

Mootummaan, Paartileen moorkattootaa, hayyoonni, dhaabbileen mootummaa,miti mootummaafi hawaasni bal`aan biyya keenyaa hundi seenessa waloo akka meeshaa ijaarsa biyyaa murteessaa ta’eetti ilaaluun itti fayyadamuu qabu. Miira waldorgommii kan hin qabne injifannoo waliigalaa kan calaqqisiisu, tokkummaa siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa kan jabeessuufi tarsimoo misoomaafi nageenyaa deeggaruun yaadama walqixxummaafi hirmaannaa uummataa cimaa sabaafi sab-lammootaa uuma.

Tokkummaa cimaafi itti fufiinsa qabu ijaaruuf, jibba seenaa darbee, shakkii gosaafi wal-dhabdee hambisuun barbaachisaadha. Kana milkeessuuf immoo mootummaa, dhaabbilee barnootaa, miidiyaaleefi hawaasa, bal`aa hirmaachisuun dirqama. Madaa darbe hooqqachuufi haaloo ba`uuf deemuun seenessa waloo ijaaruu hin danda`u waan ta'eef itti fufiinsan marii amansiisaa seenessa waloo bu’uura tokkummaa Itoophiyaa ijaaru gochuun murteessaadha.

Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf;
Face Book https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

Whatapp :https://whatsapp.com/channel/0029VbAXcNtAu3aRrGAUuV28

Website:https://www.oromiacommunication.gov.et/

Photos from Oromia Communication Bureau's post 13/08/2025
24/01/2024

Imalli hiyyummaa injifachuun biyya badhaate dhugoomsuuf eegalame akka galma gahuuf seenessa biyyaalessummaa dagaagsuun murteessaadha.

Seenessi biyyaalessummaa lammiilee gidduutti tokkuummaan akka dagaaguu, dhalootni jaalala biyya isaa goonfatee sochiilee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti bilisummaadhaan hirmaatu baay’inaan akka jiraatu taasisuudhaan gamatti biyya hiyyummaa injifattee badhaadhinatti tarkaanfatte uumuu keessatti iddoo guddaa ta’e qaba.

Biyyaalessummaan seenessa obbolummaa dagaagsuu fi biyya ijaaruudha. Gaaddisa saboota sablammootaa fi uummattootaa kan taate biyyi keenya Itoophiyaan carraalee gama heddummina aadaa, afaan, amantii, eenyummaa fi birootiin qabdutti sirnaan gargaaramtee tokkummaa lammiilee isheetiinis jabaattee galma yaadde akka geessuuf biyyaalessummaa jabeessuun gahee lammii hunda irraa eegamudha.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Babile
Addis Ababa