Rashid mahammad hassan
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Rashid mahammad hassan, Health/Beauty, Addis Ababa.
18/03/2026
26/07/2024
TikTok · Rashad furadaa(s) Check out Rashad furadaa(s)’s video.
15/06/2024
TikTok · Rashad Furdaa Check out Rashad Furdaa’s video.
30/05/2024
Fayyummaa Qurunfullii (Clove)
1. Dhibee dadhabina onneef..
2. Utaalloo irraa dafnee fooyya'uuf.
3. Zayitiin Qurunfullii (Clove oil) dhukkubbii jilbaaf furmaata.
4. Qulqullina afaaniif bayeessa.
5. Foolii afaanii fayyaalessa taasisa.
6. Dhibee garaa laaleysaaf.
7. Dhibee garaachaaf ni tola.
8. Bokokuu ykn dhisamuu garaa ni ittisa.
9. Madaa ni qoorsa.
10. Dhiiguu irgoo ilkaanii ni ittisa.
11. Hanga cholesterol ni to'ata.
12. Marsaa dhiigaa fayyaalessa taasisuuf furmaata waaraa dha.
13. Madda aniisa qaamatiif..
14. Shubamuu godhaa qaama nama ittisuuf.
15. Seeloota dhiiga du'anii qulqulleessuuf..
Itti fayyadamni
Sha'i waliin.
Damma waliin daakama isaa!!
Barumsa Fayyaa
18/03/2024
FINNIISA
Finniisni rakkoo gogaa qaama keenyaa kan namoota hedduurratti mul'atuufi sababnisaas dibata gogaa keenyaan maddan ykn seelonni du'an yommuu qaawwaa gogaa keenyarratti uumamaan argaman yeroo cufanidha.
🔹Finniisa maalfaatu nutti fida?
👉Hormoononni qaama keenyaa yommuu jijjiiraman(keessumaa naannoo umurii ga'eessummaa)
👉Qorichoota hormoonota adda addaa of keessaa qaban.
👉Marsaan laguu shamarranii yeroo dhufu.
👉Of dhiphisuu
👉Maatii keessa namni finniisaan rakkatu yoo jiraate(genetic)
🔹Mallattoolee
👉gosa finniisaa irratti hundaa'uun garaagara.
👉Finniisa adii ta'an (qaawwaansaanii dudduudaa)
👉Finniisaa gugurraacha(qaawwaansaanii babbanaa)
👉Finniisa madaa qabu
👉Finniisa malaa kuufate(infeekshinii baakteeriyaa kan godhate)
👉Finniisa gurguddaafi kan dhukkubbii qabu.
🔹Yaalli finniisaa maalfaati?
◍Qorichoota dibataman
👉Retinoids
👉Salicylic acid
👉Qorucha farra baakteriyaa bifa dibataan qophaa'e- kan akka clindamycin,erythromycin
◍Qoricha Liqimfamu
👉Tetracycline ,doxycyline
👉Qoricha da'umsa ittisuuf oolu(Birth control pills)
◍Yaala Hormoonii
👉Istiroojinii,Piroojestiroonii
👉Qorichoonni kun finniisa yeroo marsaa laguu namatti ka'uuf irra caala bu'a qabeessa
◍Isteeroyidii (intralesional steroid)-Finniisa dhiitoo guddaa uumef
◍Carallaa(PDT)
🔹Ofirraa ittisuuf maal haa goonu?
◍Bakka finniisni itti bahe suuta qulqulleessuu, guyyaatti si'a lama dhiquu.
◍Wantoota dibata(zayita) of keessaa qaban fayyadamuu dhiisuu.
◍Gogaa finniisaan miidhame harkaan tuttuquu dhiisuu.
◍Hojii humnaa erga hojjennee booda keessumaa yeroo baay'ee dafqan, qaama keenya saamunaan sirrriitti dhiqachuu.
◍Of dhiphisuu dhiisuu
◍Soorata mi'aawaa(sukkaara baay'atan) baay'inaan fayyadamuu dhiisuu
◍Soorata pirootiniin badhaadhan soorachuu
Waa'ee FayyaaWaa'ee Fayyaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa
31/07/2024