Kebede Dube
The truth will never fail!
17/02/2026
tokko yoo cubbuun walbaratee, if barsiisu, dhaloonni itti aanee dhufu ammoo cubbuu ayyaaneffatee, waaqeffatee, hiriyoonfatee, bakka bashannanaa jaallatamaafi daandii jireennasaa godhata. Silaa ifiin hin beekne; karaa sirriille hin hubanne. Dhiiga dhala namaa barbaade arge yaadachuun hafee, daandiin jireennaa inni guddaan karaa diinaa kaleessa sodaatamu, kan har'a irratti ayyaaneffatamu te'eera.
Ammayyummaaf yoo te'e, namni ammayyoome (kan barate) namaaf, ofiif, qaama ifiitiif, uumamaaf bakka sirrii qabaata. Idoo sirriiti argama.
Waan gaarii jedhee yaade dhalootaaf hira. Beekkumsi, qarummaafi ogummaan Waaqa uumaa biraa nuuf kenname, meesha nuti hammeena hojjachuun ittiin isa gaddisiisnu erga te'ee maan bu'aan barachuuf ammayyoomu????
erga inni nuuf yaadee, nuuf salphatee, foon isaa nu nyaachisee dhiigasaa nu obaaseetii akkas te,uun nurra hin turre. Dhaloonni sadarkaa yakka hammaataa fuula Waaqayyoo duratti hojjatu itti gaabbee irraa deebi'u bira darbeera.
.......................
Kebede Dube UT
12/02/2026
bifa barsiisaa (creative) te'an kanneen Godina Bahaa keessatti argaman keessaa isaan beekamoon Dhagaawwan (Dakata Valley) keessatti argamanidha. Dhagaawwan kun dhedheeroo, wol-irra tuulamanii fi akka waan harka namatiin tolfameettii fakkaatu.
Dhagaawwan bifa kalaqaa qabanii fi Harargee Bahaa keessatti baay'ee beekaman Dhagaawwan Baabbilee Sulula Dakataa keessatti argamanidha; isaanis dhagaawwan gurguddoo wal-irra tuulaman, dhedheeroo fi bifa fakkii namtolchee qaban kan of keessaa qabu. Caasaaleen lafaa (geological structures) kunniin miidhagina uumamaa isaanii kanaan kan beekaman yoo te'u, naannoo Jaldeessi (Baboons) keessa jiraatanitti argamu.
Qabxiilee ijoo dhagaawwan kalaqaa fi caasaalee dhagaa naannichaa:
Ijaarsa Dhagaa Baabbilee (Sulula Dakataa): Kunniin dhagaawwan dhedheeroo akka utubaatti wal-irra dhaabbatan yoo ta'an, akka waan itti yaadamee qindeeffamaniitti mudhatan, kunille hawwata tuurizimii uumamaa fi kalaqa fakkii fakkaatudha.
Akka qu'annoo Geography tti, Dhagaa Limayii (Limestone) Girawaa: Caasaaleen lafaa naannoo Girawaatti argaman kunniin dhagaawwan 'limestone' bara 'Early Cretaceous' (tilmaamaan waggoota miliyoona 125 dura) turan akka ta'an mul'isu.
Ijaarsawwan Durii: Uumamaan alatti, naannichi kellaa dhagaa kanneen akka baadiyyaa Kurfaa Caalleetti argaman kanneen ogummaa ijaarsa aadaa agarsiisan
06/02/2026
Truth is always golden, even when faults are revealed.
Success should never come from hiding reality or misleading innocent communities. I thought that the Shakiso projects are not truly for the people, but for hidden ambitions — and I regret this.
30/01/2026
;Nami waan boruurra yaada isaa keyatee, waan aduu kanaa gadii tuffatee, namummasaa qopheessuuf, jabeessuuf, waan gaarii tokko harkaan qabachuuf deemu Abdii qaba. Abdiin isaa waaqa.
Jireenna dabarsu kam keessattu nam-tokko humna dhabuu, kufuu, waan yaadeef barbaade dhabuun waanuma jiru. Kun kennaa addunyaan kun nuuf kennitu yoo te'elle, dhugaan jiru garuu qajeelaan garaa obsaatiin harka Waaqaa ilaalu badee hin badu. Inni namoota isa beekanuuf waan gaarii godha.
Furtuun qabeenya dhokataa namoota eennummaa waaqaa beekaniif kennama. Isumattuu kenna. Kana jechuun, bakka qabeenyi dhokataan jiru san to'achuu akka dandeettuuf, angoo qabeenyasaa to'achuu siif kenna. Karaan, garaan isaa qajeela waan te'eef.
Adaama.
19/01/2026
Akkan Deebi'ee hin Cabnettii
Anaanuu Hamma na dhibutti
Qabe harka araara isaatiin!!!
I thought this may be wrong Englsh. Why people are saying "happy new year"?
How new year can be happy???
Please correct.
Anyway have good year.
24/12/2025
,'Eennummaan buqqisuu, cabsuu, balleessuu, hiikuu, salphisuu, mataa gad-qabachiisuu, jireenna hiika hin qabne jiraachisuu, hiyyoomsuu, cubbuutti laaquu fi kkf ka biyya lafaati. Kun hundi wol-qabatee miilliif miirri namaa to'atamee waaqarratti fincilee akka jiraatu godha.
Dhala namaa 85% ol guyyaa malee ijjeessuurra, akka inni jireenya kaayyoo irraa fagaate jiraatuuf, waan baay'een jeeqee baroota inni tattaafatee kaayyoo isaa galmaan baafatu irraa fixa.
Kana hunda dhalli namaa jalaa ooluu hin dandeenne. Humni kanaan injifatu guyyaa kufe irraa fuudhame. Kanaaf Waaqi hin komatamu.
Damee Mukaa: Jirmi damee ba'aata. Dameen haga [hanga] jirmi jiraate jiraatti.
Dirqama Jirmaa: damee ba'aachuu, nyaataa kuusuu, sooruu, turtii damee murteessuu fi kkf. Haga [hanga] jirmi cimee damee ba'aatu, dameen abdii kaayyoo ifii [ofii] galmaan geyatiisaa [ga'achuu] qabdi.
Damee Jirmarra Jirtuuf, hagam yoo qilleensi, gogiinsi, bubbeen, rukuteeyyuu ammayyuu abdii kaayyoo ifii galmaan gahattu qabdi.
Woqtiiin murteessaadha. Hangasiif baala harcaafachuun, bona dabarsuun, oooo midhaan irraa harca'ee, kufaatiin muudatee... waan jedhamu ni dabarsiti.
Ammoo Jirmi abdii bara baraati. Dameefille abdiin bara baraa jira.
~KD.
Ati jennaan male har'a hin argu kaleessa darbee
Taasisa Part 7
Yaada hin kuusu biyya ormaa dhaabadhee
Abdiin qaba nan deema tarkaanfadhee Part 13
Sareen mana seente
Beellada manaati ..Zim jedhan.
Sareen-Hin baatu, hin baatu, hin baatu
: 'buchu, buchu, buchu, buchu...koottu bayi, hin baatuu saree'? Jedhan -eboo cumaa arbaa buute!
Ol seenan. Hin barbaadan. Hin dhaban. Hin baye jedhanii dhiisan. Garuu sareen kun.............. jedhaa itti fufa.
Erga woci heddummate bineensa hin ariinee!
Erga lafti galgala dhi'e amma hin bariinee!
Erga karaan tolu gara du'aa geesse!
Kan urgaawuu qabu foolii nama ajeessee!.....jedhaa itti fufa.
Mais Gospel Gospel Channel
17/12/2025
Questions:
=maaf nama bineensa godhanii maashinii ammoo nama godhan?
=Maaf nama caalaa maashinii barsiisanii nama ammoo akka gowwa'aatti lakkaawuun heddataa deeme? (Bara kana nami wolitti dhikaatee furmaata rakkoo wal gaafachuu fi hariiroo dansaa qabaachuun hafaa jira) kun maaniif?
=maaf nama bineensa godhanii, bineensa ammoo nama godhan? (Nama caalaa saree fi bineensota biraa hiriyaa dhugaa godhachuu, fi fuula ykn qaama guutuu bifa bineensaatti jijjiirachuu)
=Dachee dhiisanii maaf pilaanetoota biroorraa qubachuu filatan?
; nami isiniif gale naaf Deebisa???
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa
10000