Gaadisa odaa

Gaadisa odaa

Share

Dinsho

Photos from Kassahun Gofe Balami's post 17/08/2023
Photos from Oromia Media Network's post 14/04/2022
14/04/2022

Waraanni labsame waraana WBO qofa osoo hin taane Oromoo fi Oromummaa irratti banamedha jedhan Hayyoonni.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://tinyurl.com/y5246d3e

14/04/2022

Aanaa Amuruutti humni Shororkeessaa Faannoon humnoota federaalaa 30 caalaa ajjeese.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://tinyurl.com/bdh37mfx

14/04/2022

Abiy Ahimad duula Oromiyaa olaantummaan akka hooggananiif Qondaalota waraanaa sadii muuduun dhagahame.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://tinyurl.com/372y9xkp

14/04/2022

ABIN isa KFO’n rakkoo nageenyaa Oromiyaaf hidhattoota Amaaraa himate balaaleffate!
--
SBS - Ebla 13/2022
--
Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaatti mul'atuuf humnoonni nageenyaa naannoo Amaaraa itti gaafatamoodha jechuun ibsa Kongireesin Federaalawaa Oromoo (KFO) baase, Warraaqsi Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) qeeqe.

ABIN ibsa guyyaa Kibxataa baaseen, ''Morkii siyaasaa humnoota siyaasaa Oromoo garagaraa gidduutti taasifamaa jiruun, boora'uufi nageenyaa naannoo Oromiyaatti mudateen, saba Amaaraafi humnoota siyaasaa Amaaraa komachuu cimsinee balaaleeffanna,'' jechuun ibsa KFO'f deebii kenneera.

Koreen Hoji-raawwachiiftuu KFO walgahii idileesaa dhiyeenya geeggeesseen booda ''haala yeroo ammaa biyyiifi ummanni keenya keessa jiru'' irratti mari'achuun ibsa ejjannoo baaseera.

Kanaanis hidhattoota ''naannoo Amaaraatii dhufan'' ittiin jedheen daangaa Oromiyaa keessa galuun, ''weerara lafaafi daangaa babal'ifannaa raawwachuun, akkasumas namoota nagaa ajjeesaa, qonnaan bultoota qe'eerraa buqqisaa; naannoo Oromiyaa iddoo hokkora walirraa hin cinnetti geeddaraa jiru,'' jedhe.

KFOn dabaluun keessattuu ''duulli waraanaafi weerarri lafaa'' kun godinaalee Oromiyaa Wallaga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaatti, ''bifa qindaa'aa ta'een geggeeffamaa jira,'' jedha.

KFOn akka fakkeenyaatti waan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Qimbibititti raawwate jedhe kaasa.

Aanaa kanarraa lafti hektaara 280 ta'u, qonnaan bultoota Oromiyaa irraa kaasuun kan fudhatame ''Humna Addaa Poolisii Mootummaa Naannoo Aamaaraatin akka ta'e gabaasni miidiyaan mootummaatuu baasan saaxilee jira,'' jedha.

Dhaabi waggoota muraasa dura hundaa'eefi saba Amaaraaf akka qabsaa'u kan hime ABIN garuu himannaa kana akka hin fudhanne ibse.

Dhaabni ABIN gama isaatiin hidhattooti Amaaraa badii garaa garaan Naannoo Oromiyaa keessatti isa himataman yeroo balaaleeffatu hin mul'atu.

Torban muraasa dura mootummaan haleellaa Faannoon raawwate jedheen Fantaalleetti humnootni nageenyaa mootummaa 26 ajjeefamaniiru.

Gama kaaniin KFOn, waraanni mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemaa jiru akka dhaabbatuufi garaagarummaa isaanii mariin akka furan gaafachuusaa, ABIN akka deeggaru himeera.

KFOn ibsa Wiixata baaseen: ''... yeroo adda addaatti walwaraansi kun mariidhaan dhaabbatee, qaamoleen wal waraanaan gara dirree siayaasaa dhufuun, Oromiyaafi ummata keeenyaaf nagaaf tasgabbii akka buusaan gaafachaa tureera,'' jedheera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gama dubbi himaa isaatiin waan jedhe, humnoota mootummaa wajjiin ''waraana cimaa'' gaggeessaa akka jiru himeera.

13/04/2022

The two sisters, Ghada and Taqiah , from Nablus Palestine 🇵🇸 have completed memorizing the Holy Quran

Photos from Oromo Federalist Congress - OFC's post 12/04/2022
Photos from Oromo Liberation Front-OLF/ABO's post 11/04/2022
Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Agarfa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


Dinsho
Agarfa
02