Galma Dhugaa Oro page

Galma Dhugaa Oro page

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Galma Dhugaa Oro page, Beauty Salon, Ambo.

Photos from Galma Dhugaa Oro page's post 05/02/2023

Oduu Gaddisiisaa😭😭
Guyyaa Har'aa 28/05/2015 Konkolaataa Magaalaa Shaambuu Ka'ee Finfinnee deemu balaan mudachuun Lubbuun namoota heedduu Magaalaa Baakkoo fi Haratoo Gidduutti darbeera.
Balaa Mudate sana keesaaa mucaan Asii gaditti argitan kun Lubbuun haftee Hospitaala Baakkoo jirti Namooti beektan Maatii mucaa kanaa biraan godhaa geessisaa dhufanii haa yaalsifatanii.
Madda Lidee Tokkee Goorii
Lubbuu darbeef Boqonnaa Maatii isaaniif Jajjabina😭😭

07/12/2022

Falmadhu ❤💚❤
Today's Best Photo ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️

14/09/2021

Yoomiyyuu hin fedhu
si malee jirachuu
sirraa adda bahus
Si malee jaalachuu
Situ naaf qabbana
qabbaneessictuu laphee
durba hundaa keessaa
Suma qofan filadhee (*2

jaalalli kee damma
Kan gaga hin qabnee
urgooftuu naardoosii
Kan foolii hin dhabne (*2

jaalallee koo dhugaa
Yaa ishee qabbanaa
Jaalalli kee mi'ooftu
Sumaafan maraqqanaa (*2
Share it

05/12/2020

!

16/11/2020

....... !.......!!!!!....!!!....!!!....!!!!!....
Ani dhiiga keetii
Dhiiga kee umamaa
Si keessaa fottoqeen
Nama ta'ee adeemaa
Gaara meeqaa baatee
Kattaa meeqas lixxee
Simboodhaaf humna kee
Na guddisuuf fixxee
Dugda kee.cinaachaa kee
Keesattis na baattee
Yommuu kan koo jiistu
Ofii gogduu nyaattee

Nama na gochuudhaaf
Ulfinni kee salphatee
Fuulli kee shuntuuree
Gogaan kees haphatee
Foon maddii keee dhumee
Dhooqee bishaan baatee...!

Photos 15/11/2020

Ergaa qofaaf
❖Jaalallee kee waliin yeroo jalqabaaf gaafa wal argitan waantota qabduun ishee duratti of hin jajiin eenyummaa kee isa dhugaa isheetti himi soba irraa fagaadhu guyyaa biraaf si fayyada
❖Waa'ee ishee yeroo hiriyoota keetti haasoftu mudaa ishee fi hir'ina ishee itti himuurraa ofqusadhu sababni isaa kan isheen si jaalatteef hir'ina ishee akka dhoksituuf akkasumas akka ati guuttuuf si jaalatte malee akka ati baaftee jalaa haasoftuuf miti
❖Yeroo yerootti waantota jaalallee kee gammachiisan qopheessuufi itti haasa'uu hin dagatiin akkasumas kennaa addaa addaa qabachuun gara ishee deemuufii bakka bashannaanaa addaa addaa fuutee deemuus hin dagatiin
❖Waantota ishee gamachiisuf yaadde qabeenyiif dandeettiin kee hin danda'u yoo ta'e fuula ifaafii gammadaa ta'een isheetti mul'adhu gammachuun kee gamachuu isheeti yeroo sana siqaabaachuu ishee qofaaf ni gammaddi
❖Jaalallee kee yeroo waamtu afaan laafaadhaan waanta jaalala ati isheef qabdu agarsiisuu itti haasa'i yeroo maqaashee waamtus jecha jaalallee koo jedhu hin dagattin akkasumas maqaasheetti koo dabaluun waami fkn kennaakoo bareedduukoo
❖shamarree tokko waliin walbaruu yeroo barbaaddetti of dhidhiibuun osoo hin taane gad of deebisuun garraamummaa kee itti agarsiisi sana booda yeroo maqaashee baruu feetes dursa kee itti himi sana booda kanshee akka sitti himtuuf gaaffii dhiyeessiif yoos itti tola
❖Jaalallee tokko yeroo jalqabaaf gaafa agartu jechoota negative ta'an hin fayyadamiin fkn bakki kun ni qorra bakki kun ni fokkosa hin jedhiin hamma isa jettu osoo akkas jettee gaarii ta'a osoo bakki kun hin qorru ta'ee akkam bareeda bakkisaa. jechuudhaan jechoota negative keessa haqi jechi kee ishee gammachiisa waanta ta'eef
❖Yeroo jaalallee keessan waliin adeemtan dubara biraa bareedina isaanii jajuufii ilaaluurraa of qusadhaa yeroos isheen of xiqqeessuu dandeessi wan ta'eef
❖Jaalallee keessan beellamuun dura waa'ee mana keessanii itti yaadaa erga isheen dhufteen booda garuu yaaduu dhiisaa haga isa yaaddan waantota ishee kofalchiisaniifi gammachiisan yaaduun haasa'a
❖Yeroo hojiidha galtu isheedhaafis yeroo kenni sababni isaa guyyaa guutuu hawwiidhaan si eegdi waanta ta'eef
❖Hojii mana keessaa hundumaa isheerratti hin ilaaliin gargaaruun dirqama kee ta'a sababni isaa isheen H/manaa keeti malee hojjettuu kee miti
❖Jaalalli keessan akka hin qorrinetti yeroo yeroon waa'ee jaalala keessanii ishee waliin mari'achuu hin dagatiinaa
Galatoomaa

13/11/2020

❖BARATAN MALEE.HIN BARSIISAN
❖HIDHAN MALEE HIN HIIKAN
❖RAFAN MALEE.HIN KA'AN
❖QABSAA'AN MALEE HIN.... ✍✍BILISOOMAN

12/11/2020

✔Namni gaariin waan gaarii argata
✔Dhiirri gaariin haadha manaa gaarii argata
✔Dubarri gaariin abbaa manaa gaarii argatti
✔Namni gaariin ijoollee gaarii argata
✔Namni gaariin gammachuu argata
✔Namni gaariin nagaa argata
✔Namni gaariin jaalala beeka
✔Namni gaariin kennuu beeka
✔Namni gaariin dhukkubsataa gaafata
✔Namni gaariin rakkataa gargaara
✔Namni gaariin kan dheebote obaasa
✔Namni gaariin laphee dhiifama qaba
✔Namni gaarii hamaa hin dubbatu

yaa koottaa Nama gaarii haa taanu.

10/11/2020

Photos from Galma Dhugaa Oro page's post 10/11/2020

Hudduu qabna mee isaan kanaaf tokkicha tuqiif

08/11/2020

31/10/2020

Jaalala malee jibba hin beeknu

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Ambo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Culinary Team

Attire

Telephone

Address


Ambo