Jiruu Jaalalaa

Jiruu Jaalalaa

Share

Love is beautify

24/04/2022

Hordoftoonni Amantaa Kristaanaa Baga Ayyaana Faasikaa Geessan

07/04/2022

Yaa bareedduu warra baalee
Ya ishee maddiin burtukaanaa
Gabbarasaan baasuuf malee
Maal yoon galeyyuu si faana

Karaat fagaateefuu malee
Silaa dhufeen sin dubbisa
Shaggooyyee mudhii si qapheen
Morma kan keettan shubbisa

05/04/2022

Yaa bareedduu ija kuulaa
Biyyaaf miti an siifan duula

26/03/2022

Hojiin kan kee buraaburree
Waama tokko naaf hin galle
Har'a na faana bor nam-biraa
Jaalalli siif meeqat jiraa?

14/03/2022

Ati adurree ani leenca saafelaa
Yoo itti dhiistes si qofat beekaa jaalala
An gabbarsuu kee hin dhaqu dhiisi adalli
Kan sirriitti galuuf argadheera jaalalli

13/02/2022

An jiruun keen joora
Halkan guyyaa
Maal naaf himta jaale
Maal naaf wayya

Ergan dhiisee bubbuleera
Kan ofii koo
Yoom naaf beektee hubatta
Dhukkuba koo

Yookaan dhukkuba sombaa
Miti yookaan busurtii
Dhukkubni koo yeroo hunda
Jiruu jaalala keeti

05/01/2022

Argaa kee yeroo hundaan quufu
Sin dheebodha sin araada
Jiruu kiyyas itti dhiiseen
Yeroo hundaa suman yaada

Siin sin dinqu dhiphuun kiyya
Innan yaadaan of huqqisu
Siif maraadhee qullaa buusus
Homaa siin sin rifaasisu

Jaalala keef garba ta'ee
Ofii koorrat si moosisee
Akkas ta'aa yooman yaade
Booddee gahee na boochise

Ati gamna ani gowwaa
Yooman beeke xibaara kee
Akkati narraan orma yaaddu
Akkati haaddeette nyaara kee

Bifa buusee aarii kan keen
Rifeensa fixee ta'us moluu
Na miite jedhee si abaaru
Gantuu kiyya sittaa toluu

30/12/2021

'iinii
Isa:-
Yaa michuu koo yaa jaalallee
Natu siif ta'e waan naan malle
Of dhibaaseen si argadhe
Of wareegeen si jaalladhe

Ishee:-

Anuu beeka yaa michuu koo
Waan ati taate bakka koo
Yeroo maraa suman yaada
Fuula kee arguus nan barbaa

Anaaf jettee maal hin taane
Naaf of goote hiyyeessa deega
Osoo ati hin dubbatiinuu
Jaallataa gaarii ta'uu kee
Dacheef samiitti hunda beeka

Isa:-

An bifa kees hin ilaalle
Gaarummaa kees hin madaalle
Si jaalladheen altokkicha
Siif of fakkeesse garbicha

Yaa michuu koo ishee bareedduu
Isheen baay'ee mararfadhu
Eenyummaa koo hunda kenneefii
Isheen baay'isee jaalladhu

Waan sii dhaama jaallee koo
Mee caqasi mee dhaamsa koo
Baay'een turu dafeen dhufa
Si'iif fideen waanta cufa

Akka na yaaddu nan beeka
Na dheebotta akka bishaanii
Jaalalleen kee nan siif dhufa
Achiin hafaa hin yaadda'iinii

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Ambo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Ambo