Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Ilfataa.

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Ilfataa.

Share

Attoreny Office

16/12/2021
Photos from Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Ilfataa.'s post 22/09/2021

Himatamtoonni Bu’aa Bosonaa Eeyyama Sochii Bu’aa Bosonaa Malee Geejjibsiisaa Turan Adabaman.

Himatamtoonni 1ffaa Taaddasaa Moosisaa fi 2ffaan Ragga’aa Tarrafaa jedhaman waliin ta’uun qaama dhimmi isaa ilaallatu irraa eeyyama bu’aa sochii bosanaa osoo hin qabaatiin/hin argatiin gaafa guyyaa 08/01/2014 halkaan keessaa tilmaan sa’aatii 2:30 yoo ta’u Aanaa Ilfataa Magaalaa Bakke Ganda 01 bakka addaa Mana Barumsaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Sad.2ffaa jedhamutti bu’aa bosonaa kan ta’e siree ciisichaa qopha’aa 7 (torba) abbaa bal’inni isaa 1.20M fi dheerinni isaa 2M ta’e tilmaamaa qarshii 24500 (kuma digdamii afuriif dhibba shan) baasuu danda’u konkolaataa lakk. gabatee isaa A3-33994 AA ta’etti, himatamaan 1ffaan konkolaachisaa ta’uun, himatamaan 2ffaan immoo siree kan konkolaalaa himatamaan 1ffaan konkolaachisu olitti lakkoofsi gabatee isaa ibsame kanatti feesifachuun magaalaa Finfinnee irraa gara magaalaa Bakkeetti geejjisisaa jiran qaamolee nageenyaa Magalaa Bakkeetiin to’atami.

Haaluma kanaan Poolisiin Aanaa Ilfataa galmee qarachuun Abbaan Alangaa Aanaa Ilfataa immoo himatamtoota kana seera yakka 1996 bahe kewt.32(1)(A) fi Labsii Misooma, Eegumsaa fi Itti Fayyadama Bosonaa lakk. 1065/2010 kewt.26(5)tiin himachuun Mana Murtii Aanaa Ilfataatti dhiyeessuun, himatamtoonni kunis gochaa ittin himataman kana raawwaachuu isaanii hanbifannaa tokko malee waan amananiif raga dabalataa irratti dhaga’uun osoo hin barbaadamiin manni murtii, murtii balleessummaa kennuun dhaddacha gaafa guyyaa 10/01/2014 oleen himatamtoota kana tokko tokkoo isaanii adabbii hidhaa salphaa baatii 6 fi adabbii maallaqaa qarshii kuma torba torbaan (7000)n adabee jira.

08/08/2021

"LAW AND LAWYERS ARE AN INSTRUMENT OF SOCIAL ORDER"

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Ambo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Ambo