Kater Muslim Community Organization
من كان آخر كلامه لاإله إلالله دخل الجنة.
27/08/2022
BARNOOTA, AMMAS BARNOOTA KAAYYOON....................................!
# BARNOOTA _ 27
Barnoota keenya har'aa keessatti hammeenya "MIIDHAAN ykn ROORRISUUN" qabuu fi " Miidhan maal akka ta'e ilaalla.
Ergamaan Allaahaa (saw), "Miidhan sadi (3) jedhan:
1. Miidhaa Rabbiin hin lakkifne ykn cal'iinsaan irra namaaf hin tarreedha. Miidhaan Rabbiin cal'iinsaa irra hin dabarre miidhaa ati uumama isaa miitu hamma sirraa hanga ati miite isaanif kaffaluufitti. Fkn: Nama tokko yoo hamatte, tuffatte, arrabsite haleeltee, dhiiga jiigsite, ajjeefte.... guyyaa boruu dalagaa gaarii keerraa nama ati miitef Rabbiin kafala. Dalagaan gaariin kee nama ati miiteef kaffalamee yoo dhume cubbuun nama ati miiterraa fuudhamee siif kennama.
2. Miidhaa Rabbiin namaa dhiisu (araaramu). Miidhaa sii fi Rabbi jiddutti taate. Fkn: waan shirkii fi haqa uumama isaatin ala ta'e.
3. Miidhaa Rabbiin namaa hin dhiifne (hin araaramne). Miidhaa ati Rabbitti qindeessitu ykn Rabbiin faana waa gabbartu. Fkn: Wareega Rabbiif maletti waan biraaf geessuu, birmannaa Rabbi qofa gaafachuu malte waan biraa gaafachuu,........"
Obboleessoo, "Midhaagina yaadanii miidhama hin aadan" jedha Oromoon.
Horaa Bulaa Deebana!!!
19/06/2022
Waan dhiba taate dhibaayyu dubbanna. Dhibee aadinsaan malte, aadeffannee faana jiraanna. Kanaa, gariin aaduu keenya eega. Inni kaan fayyatti nu beeka; faaya uffachus nurraa eega. Inni kaan guddinaaf nu eega, inni kaan caba keenya akeeka. Inni tokko wayyaa keessatti, inni kaan dubbii keessatti nu ilaala. Madaala gurra hin qabneen madaalama, jiruu jireenyan wal madaalaa oolla. Kanas ta'ee sana, "jirra". Ee jirra! "Jiruu jireenyaaf hin tuffatan; du'an sanuu dhaban waan ta'eef." Kanaammoo akka itti jirru Waaqaf numatu beeka. "Ollaan akaam bultee? beeka, akka itti bule abbatu beeka" kan jedhe Oromoomii ree?! Eeyye, Oromoon jecha hin sokeenne, dhagaya dhaba jirutti bobeenne.
Nu Nageessi Waaqa!
25/05/2022
08/05/2022
# BARNOOTA _ 12
QUBA QABDUU?!
Saayinsiin namni tokko jiddu galeessan sa'aatii saddet (8) rafuu akka qabu akeekuu isaa!
"Preliminary results from the world's largest sleep study have shown that people who sleep on average between 7 to 8 hours per night performed better cognitively than those who slept less, or more, than this amount."
Nabi Daawud (saw) halkan keessaa sa'aati saddet (8) rafee, sa'aati afur (4) salaatuu isaa hoo?!
Ergamaan Rabbii (saw) akkas jedhe: "Irra caalan soomaa Rabbiin biratti, sooma nabi Daawud (saw). Guyyaa tokko soomee guyyaa tokko hiika. Akkasumas irra caalan salaataa Rabbiin biratti, salaata nabi Daawud (saw). Nabi Daawud (saw) walakkaa halkanii (1/2*12=6) ni rafa, tokko sadaffa halkanii (1/3*12=4) ammoo ni salaata, tokko jahaffaa halkanii (1/6*12=2) itti deebi'ee rafa."
Therefore, who is scientist?
Beekan Rabbi!!!
By Jibril
02/04/2022
Sooma Milkii nuuf haa ta'u!
Irkoo koo, sitti irkadhe!
GAAFFII 1
Bu'uurri islaamummaa meeqa?
ماهو مفتاه الجنة؟
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Asella