Misbah oromticha

Misbah oromticha

Share

Tokkummaan hundaa oli tokkummaa qabaadhaa

11/09/2022

Baga nagahaan bara 2015 geessan
Wanti kuunnoti jedhan kunooti jechuun isaa hin oolu bara 2014 yoo waa'ee bara 2015nii yaannu guyyoonnii fi ji'oonni baay'atanii akka gaaraatti nu sodaachisuu danda'an, inumaayyuu karoora yeroo dheeraa akka hin qabanneef baay'ee nu sodaachisaniiruu, ta'us namni itti amanee sodaa malee karoora isaa qabate bu'aa isaa arguu danda'eera. asumaan karoora haaraa baafachuu keessan hin dagatinaan dhaamsa kooti barri 2015 kan waan yaaddan itti milkooftan isiniif haa ta'u.

08/09/2022

Milkaayinnaaf karoora yeroo dheeraa qabaadhu wanti yeroo gabaabaaf karoorsite siif milkaa'uu danda'a garuu umurii gabaabaa qabaachuu isaa hin dagatini waa malee miti kanniisininuu karoora yeroo dheeraatiin waan guddaa hojjata ilaalteerta yoo ta'e dammi osoo hin saamne waggaa dheeraaf tura akkasuma wonti itti yaadanii karoora yeroo dheeraatiin rawwatan akkasuma umrii dheeraa qaba fayyaaf nagaha qabaadhaa.

20/08/2022

Oro koo mee artistii qacalee kana like share gochuun jajjabeessaa

29/06/2022

Abjuun kee akka dhugoomu yoo barbaadde hin rafini .
Sammuu kee keessatti yaanni moo'ataan gara fuul-duraatti si ceesisuu danda'u ni dhufa taanaan akka milkaa'uu dandeettu amani, yeroodhaan ka'ii waan hojjachuu qabdu irratti cichi yaadni moo'ataan yeroo kamuu daandii milka'innaati. kan ati milka'uu dandeettu waan umurii dheeraa qabaateef ykn humna qabaatteefi miti yoo yaada moo'ataa qabaatteedha
Yeroo waan tokkoof yaadduu yaanni baay'een sammuu kee keessa dhufuu danda'a garuu yaanni furmaataa isaan keessaa muraasa isaan sunuu akka furmaataatti osoo itti hin fayyadamne sammuu kee keessatti du'u danda'u sababa qalamaan qabachuu dhabuufi yeroon itti fayyadamu dadhabuutiin kana irraa haa barannuun dhaamsa kiyyaa. //horaa bulaa///

09/06/2022

Wonti dhufu hunduu haaraadha garuu ajandaa torbee ta'ee darba silaa kan barbaadamuu ajandaa haaraa uumaa isa wajjiin qabani irratti wal mormuu wal aalachuu osoo hin taane isa wajjiin dhabani argachuuf mariidhaan deemuudha wanti naaf hin galle tokko kan amanuun na dhibe ilmi namaa ni doggogra jedhama garuu dogoggorri kuni kan akkamiiti ? isa beekaa hojjatan moo isa wallaalaan hojjataniidha ?

30/05/2022
30/05/2022

abjuun yoo baay'atte yeroo hirribaa nyaatti
Yaanni yoo baay'ate sammuu namaa nyaata
Obsaa fi kaayyoo qabaannaan hundaa ni injifatta

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Dire Dawa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


Dire Dawa
Dire Dawa
OROMTICHA