Jifar sharif

Jifar sharif

Share

Dursa ofbeekuu walqixxumma yaadaa fi mirga lammilileef tumsa gochuu

Photos from Jifar sharif's post 15/07/2025

Godinni Jimmaa 2ffaa fi
Magaalaan Jimmaa 3ffaa
ta'anii jiru.



Yeroon Itti Aanu Milkaa'ina Caalmaaf

24/10/2023

Jerusalem (Al-Quds)
Al-Haram Al-Sharif —- Temple Mount
(Kutaa 4ffaa - Xumuraa)
************************************
Waldhibdee Araboota Paalistiinii fi Yahuudota Israa’el jiddutti jaarraa tokkoo oliif godhamaa jiru irratti Magaalaan Jerusalem ykn Al-Quds ijoo wolfalmiiti. Jerusalem keessaa ammoo kaloon Masjidni Al-Aqsaa keessatti argamu kan musliimonni Al-Haram Al-Shariif jedhanii fi Yahuudonni ammoo Temple Mount jedhaniin iddoo wolfalmii ijoodha. Iddoon kun iddoo amantiileen lamaan kun, Islamaa fi Judizimii (Joodayzimii), itti wolqaxxamuraniidha jenne ibsuu dandeenya.
—-
—-
Kaloon Masjid Al-Aqsa kan Muslimonni Al-Haram Al-Shariif fi Yahuudonni ammoo Temple Mount jedhaniin baldhinni isaa dirree kubbaa miilaa 14 (ykn kaaree meetirii 144,000) kan ta’u kun balbala seensaa 12 qaba. Muslimaaf kaloon kun Makkaaf Madiinatti aanee iddoo eebbifamaa (qulqulluu) sadaffaa ta’uu isaa sababoota wojji k*taalee darban irratti ilaallee turre.
—-
—-
Kaloma Masjiidni Al-Aqsaa keessa jiru kana Yahuudonni “Temple Mount” jedhanii waamu. Akka amantaa isaaniitti iddoon kun iddoo Xabiibuu Solomon (Nabi Suleeyman) Mana Sagadaa Jalqabaa (First Temple) itti ijaareedha. Iddoon kun amantii isaaniif iddoo qulqulluu (eebbifamaa) dhumaati. Akka amantaa isanitti gara fuulduraa iddoo kaloo Al-Aqsaa kan muslimonni Al-Haram Al-Sharif jedhaniin kanatti nabiyyii isaaniif dhufu ‘Messiah’ - Masiyaa kan jedhaniin Mana Sagadaa/kadhannaa amantaa isaanii (Third Temple) ni ijaara jedhanii eegu. Kanaaf gareen Jiwiishotaa muraasni masjiidni Al-Aqsaa diiggamee waan kanaaf qophaayuu qaba jedhanii yaada akkasii kan tarkaanfachiisuu fedhanis jiru.
—-
—-
Nabi Suleeyman/Xabiibuu Solomon erga Mana Sagadaa Jalqabaa (First Temple) ijaare booda Sanduuqni [muka Giraar(Acasia) jedhamu irraa tolfamee Worqeedhaan uwwifame] kan dhagaan haphiin Ajajoota Kudhan Rabbiin irraa Muusetti ykn Nabi Muusaatti Gaara Siinatti (Mount Sinai-tti) bu’an keessa taa’u (arc of the covenant) jedhamu mana kadhannaa ‘First Temple’ kana keessa k*t

13/10/2023

Kufaatii ijoollee k*taa 12f sababootaa
muraasa
1.qophaa'ummaa dursaa dhabuu barataa keenyaa
2.Haalli imaammata barnootaa jijjiramuu fii qormaannii mooraa yuniversitii kessatti kennamuun dhiphina barataatti uumeera
3.hanqinnii kitaabaa fi barsiisotaa jiraachuun barataan kitaaba malee barataa turuu

Photos from Jifar sharif's post 03/07/2022

Jireenyatu maraammartoo ta'e.

Edaa dhugumaa inni dur abbotiin keenya jirenyi maraammartoo qabdii nuun jedhan .achii siquuu dide bakkuma isaatti deebi'a. Lafa qofatu naannoftin jedhaa tura isa isheen bantii isheerra naannoftu.Taphnii geengoos akkasuma naannoftee dhuftee bakkuma kaatetti deebita.
Yoomuma kan kun ta,u dhisu!?

Photos from Ethiopian Press Agency /Bariisaa's post 03/06/2022

Haala jireenya Ummata baadiyya

28/05/2022

Itiyoo Telekoomiin waa'ee gochoota hannaa fi gowwoomsuu #9090 irratti na beeksisa jedheera.

Itiyoo Telekoomi tajaajila hannaa telekoomii gabaasuuf lakkofsa ergaa barreeffama gabaaba ifa godheera.

Lakkoofsa armaan gadii fayyadamuun ergaa keessan bilisaan erguun tarkaanfii hatattamaa akka fudhatamuuf maamiltoonni tumsa akka gootan gaafataniiru.

Ethio Telecom waa'ee gowwoomsaa telecom # 9090 naaf beeksiseera.

Ityoo Telekoom hanna tajaajila telekoomii gabaasuuf ergaa barreeffamaa baase.

Lakkoofsa armaan gadii dabarsuudhaan ergaa keessan bilisaan 9090 # erguun tarkaanfii hatattamaa akka fudhatamuuf maamiltoonni tumsa akka gootan gaafataniiru.

- Yeroo bilbilli biyya alaa isinitti bilbilame, lakk. 1 dursuun erga keessan kaa'u.

- Yeroo "Missed Call" hin beekne kan biyyaam alaa isinirra seene, lakk. 2 dursa kennuun,

- Maallaqa, kaardii ykn paakeejii moobaayilaa namni isin hin beekne na ergiif yoo isin amansiise lakk. 3 dursuun.

- Ergaan sobaa yoo isinitti dhufe lakk.4 dursa kennun,

- Lakkoofsa Bilbilaa fi jecha icciitii(password) nama hin beekneen yoo gaafatamtan lakk. 5 dursa kennuun,

- Ergaa barreeffamaa hannaa fi gowwomsaa biroo yoo gaafatamtan , lakk 6 dursa kennuun nuun gahuu dandeettu.

Photos from Jifar sharif's post 10/12/2021

Gammachuu keebyaa!
Godina jimmaa Aanaa mancho Ganda dargee birtollotti projektiin bishaan dhugaati hojjetama ture tajaajilaaf qaqqabuufii.
Akkuma gubbaa irratti yero ebbifanetti ummata nannawaa sanaa, buufata fayyaa,mana barnoota fi kkf dheebuu ni baas.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Mancho
Jimma