Gezahagn Degago

Gezahagn Degago

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gezahagn Degago, Health/Beauty, Oromia, Jimma.

11/05/2026
29/11/2025

Of_Eeggadhu!
✅ Qaroo Joobiraa qabda taanaan lukkuu irraa of eeggadhu.

✅️Akka Kanniisaa Mullata dammeessuu qabda taanaan Titiisarraa fagaadhu.

✅ Biyyakee ijaaruuf abjuu qabda taanaan warra biyya diiganirraa of eeggadhu,

✅️Dhugaaf hojjetta taanaan garee sobdootaa irraa of eeggadhu.

✅ Qajeelummaa barbaadda taanaan jallootarraa fagaadhu.

✅ Amanamummaan Sabakee tajaajiluuf Mullata qabda taanaan Hattootarraa fagaadhu.

✅ Dhaloota guddisuuf Mullata qabda taanaan Jallootarraa fagaadhu.

✅ Biiftuu taatee Ibsuu Barbaadda taanaan Hojii dukkanaarraa fagaadhu.

✅Soogidda ta'uuf mullata qabda taanaan warra dhagaa baatanii deemanirraa of eeggadhu.

✅Nama Gaarii Ta'uuf Yaadda yoo Ta'e Warra hamaa godhan irraa of eeggadhu.
Galatooma!
Maal akka hubbatte komeenti godhi!

29/11/2025

Wantoota Milkaa'ina Namaa Danqan:‼️
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
1. S𝐎𝐃𝐀𝐀:
Sodaan carraa lafa jirutti akka hin fayyadamne si dhorka.

2. 𝐖𝐀𝐋𝐋𝐀𝐀𝐋𝐀:
Wallaalummaan murtoo gaarii akka hin murteessine si godha.

3. 𝐀𝐀𝐑𝐈𝐈:
Aariin wantoota sirritti madaaltee akka hin tarkaanfanne si danqa.

4. 𝐇𝐈𝐍𝐀𝐀𝐅𝐅𝐀𝐀:
Hinaaffaan of guddisuu irratti akka hin xiyyeeffanne si dhoorka.

5. 𝐎𝐅 𝐓𝐔𝐔𝐋𝐔𝐌𝐌𝐀𝐀:
Namoota biroo irraa akka hin baranne si dhorka.

6. 𝐒𝐇𝐀𝐊𝐊𝐈𝐈:
Shakkiin of amanuu fi abjuu kee milkeessuuf bu'aa ba'ii jiru akka hin argine si godha.

7. 𝐉𝐈𝐁𝐁𝐀:
Jibbi nama fooyya'aa akka hin taane si godha.

8. 𝐃𝐇𝐈𝐈𝐅𝐀𝐌𝐀𝐀𝐅 𝐁𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐁𝐔𝐔:
Nama bilisaa taatee akka hin jiraanne si dhorka.

9. 𝐒𝐎𝐁𝐀:
Sobni namoonni akka sitti hin amanne si godha.
10. B𝐎𝐎𝐍UU: Boonuun dogoggora kee akka hin arginee fi irraa akka hin baranne si dhorka.

08/05/2022

When you think good ideas you have to achieve goals/achieve success

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Oromia
Jimma
1122