Wolalaa Zinaabuu Jimma

Wolalaa Zinaabuu Jimma

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wolalaa Zinaabuu Jimma, Health/Beauty, Jimma.

Photos from Wolalaa Zinaabuu Jimma's post 09/05/2023

Oduu dinqisiisaa
====
Harreen ilmoo Re'ee harmashee hoosisuun guddifte.
Bara ilmi namaa sanyiifi sababoota garaagaraan walqooduun jibbiinsaan walfacaasaa jiru kanatti , Beelladoonni waliif faallaa ta'an jaalalaan walhaammatanii waan qabaniin bara walii dabarsan, ilmoo ofii kan hin taane harma hoosisuun guddisuu danda'an kanatti dhalli namaa sammuun isaa waa yaaduu, kalaquufi dubbatee waliigalu, mar'atee waldhibdee furachuu danda'u walrakkisu kanatti Harreefi ilmoo Re'ee kanarraa maal hubata laata?
-
Baha Oromiyaa Godina harargee lixaa Aanaa Gumbii Bordoddee Ganda Hargiittii jedhamtee beekamturraa oduu 'Harreen ilmooshee kan hin taane Ilmoo Re'ee harmashee hoosisuun guddifte' jedhu Waajjirri Kominikeeshinii Aanicha Ebla 30/2015 nuuf erge kunooti.

Waajjirichi Manguddoota argaa dhageettii dubbisuun akka odeefatetti wanti kun nuuf haaradha jedhu. Darbee darbee waanti akkasii beelladoota gosti isaanii walfakkaatu biratti akka tasaa yoo mul'ate malee beeyladoota gostisaanii waliif faallaa ta'an biratti arganii dhagahanii akka hin beekne dubbatan. Fakkeenyaaf sa'a takka jalaa jabbiin akka carraa yoo duute sa'a,biroo dirqisiisanii hoosisuun ykn aannan sa'a biroo ilmuun obaasanii giddisuun jira. Kana akka kanaa hin agarre, hin dhageenyees jedhu.
Keessattuu Harreen ilmooshee malee ilmoo Re'ee dhiituun beekkamtu gadaa kana keessatti kana arguun keenya nu dinqisiiseera jedhu.
Harreen suuraa irratti mul'attu tun korbeessa re'ee harma hoosisaa jirtu kana ji'a lama aannan harmashee hoosisuun guddina ajaa'ibsiisaa guddiste. Re'een kun ji'a lama,keessatti qalmaaf gaheera.

Abbaan beyladoota kanneenii Obbo Abraashoo Mahammad akka jedhanitti kanaan duraas harreen isaanii tan biraa, ilmoon re'ee akkuma haadhatti luugsisaa/hoosisaa turtee, korbeessi gaafa qalmaaf gahu kun 'haraama' ta'e jedheen osoo namatti hin himin gabatti gurguradhe jedha.

Korbeessi re'ee kuniis haati isaa osuma jirtuu ganamarraa harree dhaltuu isaanii harreen tun nyagoo/ilmoo ishee waliin luugsisaa/hoosisaa

31/03/2023

Yakkamaan Daa'ima umrii waggaa lamaa ajjeese hidhaa waggaa 25n adabame

Himatamaa Izaddiin Kamaal jedhamu gaafa guyyaa 01/06/2015 ganama keessa tilmaamaan sa'aa1:00 yoo ta'u Godina Arsii Lixaa Magaalaa Dodolaa Ganda Madda Waabee bakka addaa mana jireenyaa Abbaa du'aa Abdulkariim Huseen jedhamu dhaqee obboleettii Abbaa du'aa Aashiyaa Huseen jedhamtu Gowwoomsuun du'aa daa'ima umriin isaa waggaa 2 (lama) ta'e, obboleessa isaa fuudhee abbaa bira fidee juusii bitaaf jedhee erga fuudhee deemeenii booda dhoksuudhaan guyyuma kana abbaa du'aatti bilbiluun daa'ima kee argachuu yoo barbaadde qarshii 100,000(kuma dhibba tokko) lakk. Herreega baankii kiyya irratti yoo hin galchine daa'ima kankee argachuu hin dandeettu jechuudhaan gaafa guyyaa 03/06/2015 sa'aa hin beekkamnetti haala sukkaneessaa ta'een daa'ima kana ajjese.

Erga ajjeese booda Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo kombolchaa bakka addaa garee bosonaa keessatti hiituu kophee/ maasariyaa kopheetiin hudhee erga ajjeesee booda qaama isaa cicciree madaabaratti naqee boolla Awaaldigessaa keessatti awwaale.

Galmeen yakkaan irratti qulqullaa'ee erga xumuramee Abbaan Alangaa Godina Arsii Lixaa seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 586 fi 539(1) jalatti Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaatti himate.

Manni Murtii himannaa kana irratti bitaa fi mirga falmisiisaa erga turee booda keewwata ittiin himatame jalatti murtii balleessaa itti kennuun dhaddacha gaafa guyyaa 20/7/2015 ooleen adabbii hidhaa cimaa waggaa 25tiin adabeera!

Ummanni keenna daa'imman irratti yakki akka hin raawwatamne eeggumsaa fi kunuunsa gahaa gochuu akka qabuu fi yeroo yakki daa'imman irratti raawwatamus yakkamtoota saaxiluun ragaa irratti bahuu qabaan dhaamsa keenna!

04/03/2023

😭😭
Ayii baay'ee nama gaddisiisa Aayyoo kana dheengadda gaafa boorana deemne godoo isaanii seennee yeroo ilaallu dubbachuu dadhabanii laafanii ture. guyyoota muraasaaf nyaata waan hin nyaatneef ija isaaniillee saaqqachuu hin danda'an ture. Anis waanan qabadhee dhaqe muraasa kenneefi galus kaleessa boqotanii har'a awwaalamuu isaanii hiriyaan koo amma natti hime baay'een gadde Rabbi raahmata haa godhuuf.
Maaloo hawaasa kanaaf haa birmannu🥹🙏

03/03/2023

Lakkoofsa Dhaabbata Egereef warri bilbilaan nugaafachaa jirtan kunooti
Waliif qooda

25/02/2023

Gargaarsa Booranaatiif Obboleessi keenya Yaadataa Juneydii qarshii 10,000,000 (miliyoona kudhan) nuuf qopheessee jira kuuno erraa qeebaladha!

YADETA JUNEYDI BEKRI
BRIGHTON TRADING

15/01/2023

As wr wb akkaam nagumaa jirtuu Follow godhaa mee https://www.facebook.com/profile.php?id=100085048924115

16/12/2022

vm.tiktok.com

12/12/2022

Gammachuu Harmee ❤️ ofii maltu calaa

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Jimma