Abdurezak Jemal Abba Lulessa

Abdurezak Jemal Abba Lulessa

Share

الحق حق ولو ترك الخلق

15/08/2023

Dhukkuba Gifiraa(Measles)
Dhukkubni Gifiraa kan vaayiresiidhaan (morbillivirus virus) nama irraa namatti daddarbuu ta’ee hanga du’aatti kan geessisudha.
Mallattoolee dhukkubichaa
• Ho’ina qaamaa
• Qufaa
• Dhukkubbii ijaa/ifa ilaaluu dadhabuu
• Dhangala’aan funyaaniin ba’uu
• Shiftoo fuularra eegalu
Rakkoo fayyaa dhaqabsiisuu danda’u /complications/
• Duudummaa
• Jaamummaa
• Of wallaaluu
• Miidhama sammuu
• Rakkoo afuura baafannaa
• Garaa kaasaa yeroo dheeraa
• Madaa’uu afaanii
• Yoo cime du’aatii ni fida.
Karaalee daddarbaa dhukkubichaa
• Qilleensaan
• Namarraa gara namaatti kallattiin yeroo qufa’an, dubbatan fi haxxiffatan
• Meeshaalee vaayireesii kanaan faalame tuttuquun
Tooftaalee ittisaa
• Talaallii Gifiraa fudhachuu
• Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu
• Dhukkubsataa tuttuuquu irraa of eeguu
• Nama mallattoon kunniin irratti mul’ate dafanii gara dhabbata fayyaa geessuun yaalchisuudha.

****************** // ***************

FAYYAAN QABEENYA!

13/08/2023

FUNUUNA - Epistaxis
***********************
Funuunni (dhiiguun keessa funyaanii) ijoollee olguddataa jirtuufi jaarsolii irratti darbee darbee sababa malee muldhachuu ykn funuunuu danda'a.
Yeroo hedduu funuunni yeroo gabaabaaf nama funuunee dhiisullee, namoota tokko tokko itti deddebi'uun akkasuumas yeroo dheeraaf/dhiigni baay'atee jiguun yaaddoo itti ta'uu mala.
---
---
Sababoota funuunaa:

Keessi funyaanii hidda dhiigaa xixxiqqoo hedduminaan kan qabuufi hiddi dhiigaa jenne kunniin ammoo haaluma salphaa ta'een miidhamuu danda'a. Miidhamuu kanaaf sababni ijoon ammoo qilleensaa gogaa irraa keessi funyanii goguufi funyaan keessa qotuu ykn horqoduudha.

Kana males:

* Kulkulfannaa keessa funyaanii fi dhukkuba Saayinasii qabaachuu.
* Rakkoo itituu dhiigaa (fkn kan Hemophilia jedhamuun beekamu qabachuu.
* Qorichoota dhiiga haphisuuf (itituu dhiigaa dhorkuuf) kennaman kan Warfarin, heparin jedhamuun beekamaniifi akkasumas Asprin fa'a yeroo dheeraaf fudhachuu.
* Keemikaloota garagaraa kan keessa funyaanii dallansiisaniif saaxilamuu
* Uttalloo ykn Hibibiin
* Qoodduun keessa funyaanii cinaa tokkotti dabuun
* Yeroo kan caalaa yeroo ulfaa
* Keessa funyaanii sababa miidhaa, rukuttaa ykn balaa biratiin miidhamuun
* Keessa funyaanii iitaan baye ykn biqile (polyp) jiraachuun.
* Darbee darbee ammoo sababa kaansarii dhiigaa irraa ykn dhukkuba tiruu nama wojji ture irraa ta'uu mala.
* Sigaaraa aarsuufii dhugaatii alkoolii baay'isanii fayyadamuu.
* Yeroo hedduu namni funuunaafii dhiibbaa dhiigaa wolitti akka hidhata qaban yaadus; Funuunni mallattoo ykn sababa dhiibbaa dhiigaa irraa miti.
---

---
Yeroo funuunaa maal haa goonu?
■ Yeroo funuunaa qajellee ta'uun, mormaan gara fuldura gad jechuu. Innii kun dhiiga liqimsinee garaacha keenya irratti dhibbaa akka hin goone nugargaara.
■ Funyaan keenya of-eeggannoon gad qulqulleessuun dhiigni itite yoo jiraate keessaa baasu.
■ Funyaan keenna cinaa lachuu quba mulliftuufi quba guddaan daqiiqaa kudhanii hanga kudha shanii qabuu. Yeroo san afaan

11/08/2023

የምስራች ጅማ ለሚገኙ ሙስሊም ማህበረሰብ በሙሉ

ከዚህ ቀደም የሚታወቀው ማዕሀድ አባጅፋር ለ6ኛ ዙር ያስተማራቸውን 30 ተማሪዎች በደማቅ ሁኔታ ያስመርቃል። በእለቱ ወደ ኮለጂነት የሚያድግበት ቀን መሆኑም ይበልጥ ፕሮግራሙ እንዲያጓጓ ያደርጋል። በተጨማሪም ከዚህ ቀደም እንደ ነበረው የገቢ ማሰባሰብ መርሀግብር አይካሄድም። ይበልጥ ከዚህን በፊት ሲያሰራ የነበረውን ህዝቡ ሲመኘው የነበረዉን ህንፃ የሚያስመርቅበትም ቀን ነው። ኑ እዚህ ምርቃት ላይ ተሳተፉ የሁልጊዜ ግብዛችን ነው። መቅረት የተከለከለ ነው!!

10/08/2023

DHUKKUBA KOLEERAA FI TOOFTAALEE ITTISAA
Dhukkubni Koleeraa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaa vibroo koleereetiin (Vibro cholerae) tiin dhufu ta’ee garaa kaasaa fi haqqee sardaaf kan nama saaxiluu fi du’aatii geessisuu kan danda’uudha.
MALLATTOOLEE DHUKKUBA "KOOLERAA"
• Garaa kaasaa sardaa yookiin walirraa hin citne. Bifti garaa kaasaa bishaan ruuzii ittiin miiccan ykn affeelan fakkaata. Akkasumas, foolii baay’ee badaa kan hin qabnee dha
• Balaqqamsiisa/Haqqee sardaa yookiin wal irraa hin citne
• Dhukkubbiin mataas qabaachuu danda’a
DHUKKUBA KOLEERAAF MAALTU NAMA SAAXILA?
• Hanqina Qulqullina dhuunfaa fi naannoo
• Mana fincaaniitti sirnaan fayyadamuu dhabuu
• Nyaataa fi Bishaan dhugaatii qulqulluu hin taane fayyadamuu
• Nyaata dheedhii yookan hin bilchaatiin soorachuu
• Kuduraa fi fuduraa faalaman soorachuù
• Meeshaalee nyaataa fi dhugaatii qulqullina hin qabnetti fayyadamuu fi kkf dha.
Maloota ittisa dhibee Koleeraa
• Nyaata qulqullinni isaa eegamee fi bilchaate soorachuu
• Kuduraa fi fuduraa bishaanii fi saamunaan miiccuudhaan soorachuu
• Bishaan qulqulluu dhugaatii fi nyaata qopheessuuf fayyadamnu
• Harka bishaanii fi saamunaadhaan dhiqachuu
• Mana fincaaniitti sirnaan fayyadamuu
Nama mallattoon dhukkuba "Koleeraa" irratti mul'ate bifa tuttuqqii hambisuu danda'uun hatattamaan gara dhaabbata fayyaa dhiyoo jiruutti geessuun yaalchisuu qabna
Fayyaan nama hundaaf!

10/08/2023

Waa 10 tan Lukkuu irraa barannu

1. Odoo killee isii irra ulmaa hin teenye duratti killee gahaa hanqaaqxi/ buusti.
~ KAROORA GAARII QABAACHUU/ GOOD PLANNING
2. Erga killee irra ulmaa taa'uu eegaltee, sosochii ni xiqqeeysiti.
~NAAMUSA/ DISCIPLINE
3. Yeroo Killee irra teeysu sana kiiloo/ ulfaatina ni hir'ifti. Sababni isaatiis nyaata ni xiqqeeysiti.
~ WAREEGAMA KAFALUU FI FEDHII OFII DHIISUU
4. Killee lukkuun biraa hanqaaqxe irra ulmaa ni teeysi.
~ LOOGII DALAGUU DHABUU fi ARJUMMAA
5. Guyyaa 21f obsaan eegdee killee irra teeysi. Yoo killee san irraa ilmooleen uumamuu baattees ammaas deebitee killee hanqaaqxi.
~ AMANTII, ABDII FI JAGNUMMAA
6. Killee ilmoo ta'uu hin deemne adda baaftee keessaa darbiti.
~ SALPHAATTI WAA HUBACHUU
7. Killee tortorte/ shamte dhiiftee , kununsa killee garaa cuucii jijjiiramteef gooti.
~OGUMMAA, DAMMAQIINSA FI QABATAMA JIRU HORDOFUU
8. Abbaan fedhe ilmoo isii tuquu hin danda'u
~JAALALA EEGUMSAA
9. Ilmoolee isii hanga gurguddatanii of danda'anii hin dhiiftu
~ GORSA KENNUU /BARSIISUU
10. Ilmaan isii hunda walitti qabdee deemuunii
~TOKKUMMAA KAAYYOO

Mul'ata kee jiradhu. Guyyaa tokkoo isaa biqilee guddatu argita

Dr. Abdulfetah Ibrahim

01/08/2023
30/07/2023

Dorgommii hifzii Qur’aanaa Shamarranii Sadarkaa Oromiyaatti geggeeffameen Aisha Ilyas Ahmed 1ffaa baatee jirti.

Dorgommii hifzii Qur’aanaa shamarranii guy'aa har'aa Magaalaa Finfinneetti geggeeffamee jira. Dorgommii kana abbaa seeraa ta'anii kan dorgomsiisan Ustaaz Nuraddiin Qaasim yennaa ta'an hoggantoonni majlisa Oromiyaa irratti hirmatanii jiru.

Dorgommii kana irratti Aaisha Ilyas Ahmed qabxii 95.5 fiduun 1ffaa yennaa baatu, Kheriyaa Yaasin Alii qabxii 89 fiduun lammaffaa baatee jirti. Saamiya Muhammedamiin qabxii 87 fiduun sadarkaa 3ffaa ba'uun xumurtee jirti.

Qabxii ol'aanaa kan fidan Oromiyaa bakka bu'uun majlisa federalaa irratti ni dorgomu. Majlisa federaalaa irratti sadarkaan kan xumuran biyya keenya bakka bu'uun dorgommii hifzii Qur'aanaa biyya Dubaayitti geggeeffamu irratti ni hirmaatu.

Sumayyoonni keenya baga gammaddan jechaa, dorgommii itti aanuuf carraa gaarii isaaniif hawwina.
Maddi: Majlisa Oromiyaa

30/07/2023

Dhukkubsatee hospitaala deemaa jira

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Jimma