Bulchiinsa Magaalaa Akkoo

Bulchiinsa Magaalaa Akkoo

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bulchiinsa Magaalaa Akkoo, Health/Beauty, Jimma.

Photos from Oromia Communication Bureau's post 12/02/2025
Photos from Bulchiinsa Magaalaa Akkoo's post 01/01/2025

Jilli Itti gaafatamaa Siyaasaa damee godina jimmaa Obbo Warquu Boggaalee fi Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Nadhii Gibee Obbo Kadir Abbaa Imaamiin durfamu Aanaa Nadhii gibee Ganda Magaalaa Akkootti Daawwannaa hojii misooma adda adda gaggeessan.

Photos from Oromia Prosperity Party / OPP /'s post 15/12/2024
13/10/2024

Alaabaan Mallattoo Eenyummaafi Kabaja Biyyaati.
~~
Biyyi tokko biyya jedhamuuf alaabaa isa ibsu kan sadarkaa idil addunyaatti ittiin beekamtu qabaachuu qabdi. Kanaanis eenyummaan biyyichaa ibsama. Sadarkaa addunyaattis alaabaan seenaa hedduu qaba. Sadarkaa biyya keenyaattis akkasuma. Biyyootni Afrikaa hedduun koloniin booda halluu alaabaa biyya keenyaa akka mallattoo injifannootti lakkaa'uun halluu alaabaa biyya isaanii taasifachuun fayyadamaa jiru.

Yeroo dhiyoo asitti hundeeffama heeraa Mootummaa Rippabilikaa Federaalawaa Itoophiyaa waliigaltee sabaafi sab-lammootaa jedhamee kan beekamu hordofuun guyyaan kabaja alaabaa waggaa waggaan adeemsifamaa jira. Akka addunyaattis biyya keenya dabalatee biyyoonni 52 ta'an guyyaa kabaja alaabaa isaanii wagga waggaan kan kabajan ta'uu ragaaleen garaagaraa ni ibsu.

Haaluma kanaan akka biyya keenyattis guyyaan kabaja alaabaa akka taasifamu mana mareen murtii argachuun waggaa waggaan kabajamaa jira. Innis ji'i Onkolooleessaa galee torban jalqabaa keessa kabajama. Bara kanas akka Oromiyaatti guyyaan kabaja alaabaa kun sadarkaa naannoo,bulchiinsota magaalaa,godinaaleefi aanootaatti mata duree " 𝐀𝐥𝐚𝐚𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐓𝐨𝐤𝐤𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐁𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚𝐥𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐟, 𝐁𝐢𝐫𝐦𝐚𝐝𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐎𝐥𝐤𝐚’𝐢𝐢𝐧𝐬𝐚 Itiyoophiyaaf" jedhuun sagantaa garaagaraan ni kabajama. Kaayyoon isaas akka dhaloonni maalummaa alaabaa beekaniifi jaalala biyyaa isaanii qabaatan taasisa jedhamee amanama.

Photos from Bulchiinsa Magaalaa Akkoo's post 24/09/2024

waltajjiin sosochii qulqullina bunaaf misooma jallisii qamadii bara 2017 gaggeeffamee jira.
=====///======
Fulbaana 14, 2017 Aanaa Nadhii Gibee Ganda Magaalaa Akkootti:- Waltajjii sosochii misooma qamadiifi qulqullina bunaa irratti xiyyeeffate qooda fudhattoota waliin gaggeeffame jira.
Marii kanaanis qonnaan bultoonni buna karaa qulqullina isaa qabuun gabaaf kan dhiheessan tahuu kaasanii keessaattuu bara kana misooma jallisii qamadii ciminaan kan hojjetanu ta'uu ibsaniiru.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Jimma