Fuhe oro page

Fuhe oro page

Share

Abjuu ke galmaan gaa'uuf amumaan adeemsa jalqabbii 💞💞bg nagaan dhuftaan Follow godha galatoomaa 💞

27/10/2023

💞💞💞🤳📃

Photos from Jimma Zone Communication's post 15/10/2023
15/10/2023

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU
****************
Buna dhuguun biyya keenya keessatti dhugaatii isaa irra darbee faayidaalee hawaasummaa hedduuf akka oolu beekamaa dha. Qorannoo baayyeen biyyoota guddataniin as ba’aa ture yeroo baayyeef miidhaa isaa irratti kan xiyyeeffate ture. Yeroo ammaa kana faayidaalee bunni fayyaa namaatiif keessattuu fayyaa sammuutiif godhu qorannoo hedduun as ba’aa jiru. Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu:
****************
FAAYIDAA
1. Dammaqina (alertness) namaaf kennuu isaatiin kan beekamu bunni barattootaa fi namoota hojii halkanii hojjetaniin baayyinaan dhugama. Kanas kan godhu bunni kemikaala Sammuu keessatti argamu adinoosaayinii (adenosine) jedhamu kan nama dadhabsiisuu fi hirriba namatti fidu hir’isuuniidha. Bunni gaafa dhugamu qofa utuu hin ta’in foolii isaatiin illee faayidaa dammaqina namaa kennuu akka qabu himamaa. Kanaaf natti fakkaata namootni tokko tokko gaaf bunni akaawamuu aara isaa fuunfatan kaan immoo borsaa ykn kisii isaaniitti baatanii deemaniif.
2. Kuusaa yaadannoo gaarii akka qabaatan nama godha.Bunni kemikaala assetaayilkooliin (acetylecholin) jedhamu akka baayyinaan burqu gochuu danda’a. keemikaalli kun faayidaa baayyee inni qabu keessa tokko Sammuu keessa yaadannoo (memory) kuusuu dha. Kanaaf yeroo dheeraaf namootni buna dhugan dandeettii yaadachuu isaanii cimsuu irra darbee dullumaan walqbatee dhibee dagachuu (alzhemer) irraa akka ittifaman gochuu akka danda’u bu’aan qorannoo ni agarsiisa .
3. Dhibee mukuu (depression) ittisuu. Namootni yeroo hunda buna dhugan carraan dhibee mukuutiin qabamuu isaanii kanneen hin dhugne iraa dhibbeentaa 15(15%) ni hir’ata.
4. Carraa of ajjeesuu (su***de) hir’isuu. Namootni of ajjeesan baayyeen isaanii sababa dhibee mukuutiin (depression) akka ta’e ni beekama. Egaa dhibee mukuu hir’suun carraa of ajjeesuu namaas 50% ni hir’isa.
5. Lafa hojiitti milkaa’ina akka qabaatan nama godha. Qorannoo haaraan akka agarsiisutti namootni buna dhugan carraan guddina argachuu isaanii ni dabala.

03/10/2023

Abba qabeenya nan jedhaamuf daqiqa burasatu hafee 😇🤌🤌🤣🤣🤣

02/10/2023

FAAYIDAALEE GANAMA GANAMA GARAA DUWWAATTI BISHAAN DHUGUU
bishaan gahaa dhuguu akkuma jirutti ta'ee, yeroo hunda utuu ilkaan hin rigatiin ganama ganama bishaan garaa duwwaatti burcuqqoo 2 hanga burcuqqoo 4 dhuguun immoo faayidaalee dabalataa heddu qaba; isaan keessaa muraasni:-
✍️Dhukkuboota sirna hargansuu huban, fknf Biroonkaayitii,Asmii,fi kkf fa'af baay'ee gargaara.
✍️Dhibee gaggabdoof ni gargaara.
✍️Dhibee funyaanii, ijaa, gurraa fi qoonqoo irraa nu baraara
✍️ Foolii afaanii fi qaamaa badaa ta'e ni hir'isa
✍️Gogiinsa garaa fi dhibee Kintaarootii nurraa ittisa
✍️Ulfaatina hir'isuu fi rakkoolee ulfaatina garmalee guddaa ta'e waliin walqabatan hir'isuuf ni gargaara
✍️Dhukkuba garaachaa nutti fooyyeessa
✍️Dhukkuboota kalee garagaraaf ni gargaara
✍️Bareedinna gogaaf hedduu tola fi kkf fa'a.
Asirratti erga dhugne booda ilkaanii fi afaan keenya qulqulleeffaanne,,wanta nyaatamu fi dhugamu biroo(bishaanin ala) osoo hin fayyadaamin hanga daqiqaa 30 turuun gaariidha.

🙏Ilkaan osoo hin rigatin ganama akkuma hirribaa ka'aniin bishaan dhuguun sababa hancufni ganamaa afaan keenya keessatti argamu farra baakteriyaa qabuuf bishaan dhugame waliin garaachaa seenuun baakteriyaa garagaraa ajjeesuuf ni gargaara.

Galatoomaa!!
Olmaa gaarii!!!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Ethiopia Jima
Jimma