Anwaar Haider Jimma

Anwaar Haider Jimma

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Anwaar Haider Jimma, Health/Beauty, JU, Jimma.

Photos from Anwaar Haider Jimma's post 21/09/2025

Magaalaa Jimmaatti Manni Barumsaa dhuunfaa 'Masters Acadamy' qarshii miiliyoona 100 oliin ijaarame eebbifame.
***********
Manni Barumsaa Maasters Akkaadaamii sadarkaa 1ffaan dhalataa Magaalaa Jimmaafi diyaaspooraa biyya Kanaadaa kan ta'an Dr. Muhaammad Abbaanagaatiin baasii qarshii miliyoona 100 oliin ijaarame bakka Kantiibaa Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar, Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir fi Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaa dabalatee, koree qindeessituun Magaalaafi hoggantoonni akkasumas qooda fudhattoonni garagaraa argamanitti eebbifamee jira.

Abbaa qabeenyaa Mana Mana Barumsaa Maasters Akkaadaamii Dr. Muhaammed Abbaanagaa haasawa taasisanii, rakkoo mana barumsaafi barnoota mudate furuuf mana barumsaa kana ijaaruu dubbatan.

Kaayyoon Master Akkaadaamii dhaloota naamusa qabuufi teknooloojii addunyaa, artificial intelligence (AI) gahoomee, dorgomaa ta'e uumuufi jedhan.

Masters Akkaadaamiin dhaloota teknooloojiin gahoome horachuuf, laboraatoorii teknoloojii adda addaan deeggaramee dhaloota akka addunyaatti dorgomaa ta'e uumuuf barsiisuuf qophaahuun isaa adda godhas jedhan.

Maasters Akkaadaamiin Jimmaa qofatti kan hin dhaabbanne ta'uus kaasanii, Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii adda addaa keessatti hanga koolleejjiitti kan babal'isan ta'uu eeraniiru.

Kantiibaa Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar, lammii baratee dorgomaa ta'ee biyya ijaaru uumuu keessatti barnoonni bu'uura jedhan.

Kufaatii cabiinsa barnootaa biyya keenya mudate furuuf Mootummaan xiyyeeffannoo addaan hojjataa jiraachuu kaasanii, lammii gahumsa qabu teknioloojiin deeggaramee addunyaa waliin tarkaanfatu uumuuf manni barumsaa Maasters Akkaadaamiin guyyaa har'aa eebbifame gahee guddaa qabaachuu eeran.

Manni Barumsichaas manneen barnootaa Mootummaafi dhuunfaa magaalicha keessa jiraniif fakkeenya guddaa ta'uu ibsanii, dhaloota teknoloojiin gahoome uumuuf galaa isaan kaahaniif abbaa qabeenyaa Maasters Akkaadaamii Dr. Muhammediin galatoomfata

10/09/2025

Imimmaan Biyyaaf Cophe

08/09/2025

Jaalalli biyyaa onneerraa yeroo ta'u.
!πŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡Ή
Abiy Ahmed Ali jala bultii eebba Abbayaa irratti yeroo faaruun Alaabaa biyyaalessaa faarfatamu miira gammachuu humnaa ol itti ta'uun imimmaan....arguun garaa nama raasa

Photos from Anwaar Haider Jimma's post 06/09/2025

Congratulations β™»οΈβ™»οΈπŸ’•πŸπŸ₯‡πŸŽ„πŸŽ„β™»οΈβ™»οΈπŸπŸŒπŸ“πŸ“
barsiisaa koo Awal Sh/jihad fi hiriyaa kiyya qaalii Maammadxaahir Abajabal baga guyyaa eebba keessanii geessanπŸ™πŸ™πŸ™

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


JU
Jimma