Dr. Birhanu Buta

Dr. Birhanu Buta

Share

Health

06/01/2026

HAPPY CHRISTMAS!

31/12/2025

Happy New Year! Wishing you peaceful, healthy, joyous, and safe Journey in 2026!

14/11/2025

Dhibee Marburg- (Marburg Virus Disease)
✍️Duri 'Marburg Hemorrhagic Fever' jedhama
✍️ Vaayirasii Marburg jedhamu ka maatii 'Filoviridae' jedhamutu dhibee kana nama qabsiisa
✍️Ka'umsi dhukkuba kanaa Afrikaa Sahaaraa gadi jedhamee amanama
✍️Jalqaba nama qabee ka barame 1967 G.C
✍️Baattoon vaayirasii kanaa- cirrichoo/Simbira halkanii kan 'fruit bats' (Rousettus aegyptiacus)
✍️Dhangala'aan simbira tanaa ka akka fincaani, gororaa fi dhangala'aa qaama saalaa ka'umsa dhibee tanaatiif sababa jedhamee shakkama
✍️Namarraa namatti kan daddarbuun
-Tuttuqqaa nama dhibee kanaan qabameen wolti nama fidu, dhiigaa fi dhangala'aa qaamaa kan nama dhibee kanaan qabame
-Wol qunnamtii saalaa fa'a

✍️Dhibeen kun dhibee sardaa/Muddamsiisaa yennaa gabaabduu keessatti ibidda nafa nama qabsiisee dhiiga afaanii funnaaniin nama guuree gara du'aa nama geessuu dande'a

✍️Mallattoolee Dhukkubicha
1. Ho'a qaamaa
2. Qaxaanqaxxee(Chills)
3. Bubbeessa hollaa(Rigors)
4. Laafuu
5. Bowwoo Mataa
6. Bocaa nafaa
7. Fedhii nyaataa dhabuu
8. Lollojjii fi diddiga
9. Garaa kaasaa
10. Dhiigi afaanii funnaanii fi jalaa fi irraan nama dhufuu
11. Hirqanfuu
12. Gogaan nama raraachawuu(petechiae)

✍️Malootaa Ittisaa
1. Tuttuqqaa nama dhibee kanaan qabameerraa ifi eeguu
2. Ittisa qaamaa ka akka giloovii fi haguugduu afaanii, funnaanii fi ilaa keewwachuu- yoo nama dhibee kanaan qabame tuttuqnu teete.
3. Harka dhiqachuu- bisaanii fi saamunaan, saanitayizariin
4. Nama dhibee kanaan qabame dafanii gara mana yaalaa geessuu fi addaan baasuu

Fayyaan Karra Moonaati
Birhanu Buta(MD, Internist)

15/10/2025

Harka Dhiqachuu!
Baga Guyyaa Harka Dhiqachuu Addunyaa Geettani!
Harka Dhiqachuun Faayidaa Maalii Qaba?
Harka bisaanii fi saamunaan dhiqachuun tatamsa'ina dhukkubootaa hir'isuuf, tatamsa'ina jarmoota qorichaan woli baratanii hir'isuuf, akkasumalle bareedinnaafille faayidaa qaba.
Harka bisaanii fi saamunaan dhiqachuun dhukkuboota armaan gaditti tarreeffamani ifirraa ittisuuf nama gargaara.
1. Dhibee Koleeraa/xannee
2. Dhibee raammolee garaa keessaa ykn mar'umaanii ka akka maagaa, minnii, jaardiyaa fi kkf
3. Dhibee influweenzaa
4. Dhibee qufaa/utaalloo- common cold
5. Dhibee garaa kaasaa
6. Dhibee vaayirasii tiruu gosa A- garaa kaasaa
7. Dhibee Vaayirasii Roottaa- garaa kaasaa
8. Dhibee Vaayirasii Nooroo- garaa kaasaa
9. Dhibee respiratory syncytial virus- qufaa
10. Dhibee maansaa- hand-foot-mouth disease
11. Dhibee sholola gogaa- impetigo
12. Dhibee ila/ija didiimessu
13. Dhibee manjalloo mormaa- ማጅራት ግትር- meningitis
14. Koronaa(COVID19)
15. Maariyyee jaldeessaa - mpox
16. Dhibee taayifooyidii

Kanaafuu Harka keenna bisaan qulqullu'uuf saamunaan haa dhiqannu

Birhanu Buta(MD, Internist)

10/09/2025

Baga Bara Haareya 2018 Nageyaan Dhaqqabdan!

መልካም አድስ አመት 2018!

Happy Ethiopian New Year 2018!

26/05/2025

Mpox(Maariyyee Jaldeessaa)

✍ Dhibee vaayirasi'iiti.
✍️Karaalee Ittiin Faffaca'u:
1. Bineensarraa gara namaatti, dhangala'aa qaamaa bineensaa tuttuqu'uun, foon bineensaa ka hin bilchaanne nyaachu'uun, keessattuu naannoo bineensi adamfamee nyaatamutti
2. Namarraa gara namaatti
A. Nama dhibee kanaan qabameeru nafaan wol tuqu'uun
B. Uffata woliin uffachuu, taqee takkaarra woliin rafuu, itillee takkaa afachuu fi kkf
C. Karaa hargansuu ykn hafuuraatiin
D. Wol qunnamtii saalaatiin

✍️Mallattoolee Dhukkubichaa
1. O'a nafaa
2. Holla
3. Bocaa nafaa
4. Waan qanxoo fakkaataa ka nafa nama yaa'aatiif kkf

✍Maloonni Ittisaa
1. Nama mallattoo dhibee kanaa mul'ise tuttuquurraa ifi qusachuu, gara mana yaalaa geessuun adda baasanii yaaluu
2. Yennaa nama dhibee kanaan qabame dhukkubsachiifnu haguuggii funnaanii(mask) godhachuu, haguuggii harkaa(glove) fayyadamuu
3. Kittibaatii ykn talaallii.
✍️Hub. Dhibeen kun biyya keenna Magaalaa Mooyyaleetti argameera jechu'uun dhaabbanni fayyaa hawaasaa Itoophiyaa gabaasseera.
✍️Korbeessi Hidhi, Ifi eegi.

10/05/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Oromiyaan Biyya, Nagessaa Ture

19/04/2025

HAPPY EASTER!

21/02/2025

Gadi Godaanuu/Gadi Bahuu Mana Dhalaa(Pelvic Organ Prolapse)

✍️Jechuun yeroo manni dhalaa ykn gadaamessi karaa qaama hormaataa gadi bahu jechuudha.
✍️Dhibee fayya'aa ka dubartoota hedduu rakkisu, garuu ka dubartoonni baay'een sababa safuutiif(fokko'ootiif) gara mana yaalaa hin deemneedha.

✍️Mallattoolee dhibee kana:
1. Gadaamessi ykn manni dhalaa karaa qaama hormaataa gadi bahuu
2. Miira ulfaataa fi dhiibbaa ka naannoo qaama hormaataatti nama dhaga'amu(pelvic heaviness)
3. Dhukkubbii hidhaa
4. Fincaan qabachuu dadhabuu
5. Fincaan mudduu, ammaa amma nama qabachuu
6. Faalowa qabachuu dadhabuu
7. Faalowaan duuba miira wolgula faalowuu dhabuu ka namatti dhaga'amu(Incomplete sense of emptying defecation)

✍️Wantoota Dhibee kanaaf Nama Saaxilan
1. Ilmee hedduu dhaluu
2. Dullummaa
3. Yeroo dheeraaf udaan soomuu/goguu (constipation)
4. Dhibee sombaa ka akka 'Chronic Obstructive Pulmonary Disease(COPD)'
5. Hujii waan ulfaataa kaasuu yeroo dheeraaf hojjachuu(heavy weight lifting)
6. Dhibee moorgeyaa fi mitikaa lalaaffisu ka akka 'Ehlers Danlos Syndrome fi Marfan Syndrome'
7. Dhibeen akkanaa maatii keessa jiraachuu fa'a.
8. Ulfaatinna qaamaa garmalee(Obesity)

✍️Maloota Ittisaa
1. Ulfaatinna qaamaa garmalee hir'isuu
2. Sochii qaamaa ka kofaa hojjachuu (pelvic floor exercise or Kegel exercise)
3. Gogiinsa garaa hir'isuu ykn wol'aanamuu
4. Hujii ulfaatinna kaasuu hir'isuu

Hubadhu: Yoo dhibee kana ofirratti argitani wal'aansi isaa waan jiruuf mana yaalaa deemaa.
✍️Fayyaarratti Fokkoon Aadmale'e!
✍️Mana yaalaa deemanii wol'aanamuun qarooma. Santi Seera.

"Fayyaan Karra Moonaati!
Madda Odeeffannoo
1. Uptodate 2025
2. American College of Obstetrics and Gynecology(ACOG) website
3. Mayo Clinic board review

Birhanu Buta Sora(MD, Internist, HDP, Assistant Professor of Medicine)
Bule Hora, Oromia, Ethiopia

07/01/2025

Baga guyyaa yaadannoo Dhaloota Fayyisaa fi Wodaa Biyya Lafaa Gooftaa Keenna Yesuusi Kiristoosiitiin Isin Gahe!
Ayyaana Gaarii!

Merry Christmas

እንዃን የመድኃኒታችን የኢየሱስ ክርስቶስ ልደት መታሰብያ በዓል በሰላም አደረሳችው።
መልካም በዓል!

01/01/2025

Happy New Year 2025 Dears!
Baga Bara Haareya 2025 Nageyaan Geettan!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Jimma