Eban Speciality Center

Eban Speciality Center

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Eban Speciality Center, Health/Beauty, Jimma.

07/01/2025

Eban speciality center

19/12/2024

Thank you for your confidence in us

Eban speciality center “excellence in healing compassion in care”

24/7 open

Address:- Jimma yetebaberut in front of ajefa realstate
☎️:-0472119090
📞 :-0902021945

13/09/2024

Garaa ciniinnaa daa'immanii! (Infantile colic, baby colic)

Daa'imman guyyaatti hanga sa'aatii 2 boohuu ni malu. Kuni nagaadha. Daa'imman guyyaa tokkotti osoo adda hin muriin sa'aatii 3 ol yoo boohan Cininnaa garaa kan agarsiisu taha. Innis akka tasaa (suddenly) kan eegaluu fi yeroo hedduu halkan baayyata. Yeroo hedduu dhalatanii baatii 1 irraa eegaluun hanga baatii 4 turuu mala. Daa'imman muraasa irratti hanga baatii 6 turuu mala. Garuu ofumaan dhaabata.

Boohicha garaa ciniinnaa fi kan nagaa akkamiin adda baasnaa?

☆ol ka'uu sagalee
☆Sossobamanis (soothing) dafanii hin dhaaban
☆harka fi miila diriirsuun akkasumas dugda duubatti deebisuun hiixatanii boohu.

Yogguu sanatti maal gochuu qabnaree?

☆Hoosiftuu afaan kaahuun akka tasgabbaa'an gochuu
☆Irree ofii irratti baadhachuun ofitti qabuu
☆Duugdaan ciibsuun garaa isaanii suuta sukkuumuu
☆Bakka callisaa geessuu n sossobuu
☆Bishaan ho'aan qaama dhiquu
☆Uffata furdaan maruun ol fuudhanii sossobuu
☆Yoo sa'aatii lamaa ol tahee fi mallattoolee biraa qabaatan hakiima bira geessuun ilaalchiisudha.



Fayyaan daa'immaniif!

Dr. Sabona

Eban Speciality Center

13/09/2024

Infeekshinii fangasii rifeensa mataa daa'immanii (Tinea capitis in children)

Infeekshiniin fangasii (Tinea capitis) rifeensa mataa infekshinii gogaa buqqee mataa fi rifeensaati. Kunis “ringworm” jedhama. Kana jechuun kan raammoodhaan kan dhufu jechuu miti. Yeroo baay’ee daa’imman umuriin isaanii barnootaaf ga’e irratti kan mul’atu yoo ta’u, darbee darbees ga’eessota miidhuu danda’a. Innis dhukkuba daddarbudha; keessattuu maatii waliin jiraatan keessatti salphaatti daddarba.

Akkaataan daddarbinsa infeekshinii fangasii rifeensa mataa maalii?

Fangasiin kun karaalee adda addaa daa’ima tokko irraa kan biraatti darbuu danda’a. Isaanis:-
1. Filtuu/Miidoo waliin fayyadamuu
2. Boraatii waliin fayyadamuu
3. Haguugduu buqqee mataa waliin fayyadamuu
4. Yeroo tokko tokko qilleensaan illee ni daddarba.

Mallattoolee Dhukkuba infeekshinii fangasii rifeensa mataa maal fa’aa?

Infeekshiniin fangasii kun kutaalee gogaa mataa ykn hunda isaa miidhuu danda’a. Mallattooleen isaas kanneen armaan gadiiti:-
* Bakka rifeensi itti cite tuqaa gurraacha kan qabu kan rifeensi mataa irraa cirame ni mul’ata.
* Goginsa gogaa fi waan madaa qoore fakkaatu.
* Bakkeewwan tokko tokko diimachuu gogaa dhukkubbii qabu
* Gogaan buqqee mataa madaa’anii dhiitahuu
* Qaama gubaa
* Dhiitahuu xannachoota naannoo mormaa fa’a.

Infeekshiniin fangasii rifeensa mataa akkamiin wal'aanamaa?

Erga qorannoon godhamee booda hakiimni qoricha afaaniin fudhatamuu qabu ni ajaja. Qorichi kun karaa dhiigaatiin gara rifeensa guddachaa jirutti seenuun fangasichi gara rifeensa hafetti akka hin babal’anne taasisa. Qoricha kana nyaata cooma qabu kan akka aannan guutuu, daabboo, ayiskiriimii ykn itittuu waliin kennuun xuuxamuu qorichichaaf fayyada. Qorichoota yaala infeekshinii kanaaf fayyadan keessaa:-

1. Shaamboo keetokonaazool jedhamu- daddarbinsa hir’isuuf qofaa fayyada. Guutummaa infeekshinichaa hin balleessu. Torbanitti yeroo sadii turtii torbee 2’f gahaadha. Erga guutummaa rifeensa mataatti dibanii booda sukkuumuun daqiiqaa 10-20 tursiisuun dhiquu qabna.

2. Dawwaa liqimsafu- Gosootni hedduutu jira. Akkaataa ajaja hakiimaan torban 4-6 walitti fufinsaan fudhatamuu qaba. Mallattoolee rakkoo qorichootni kun fidan hordofuu qabna.

Tooftaaleen infeekshinii fangasiin rifeensaa mataa ittisuu maal fa’aa?

♤ Daa’imman infeekshinii kanaan qabaman waliin jiraatan shaamboon rifeensa isaanii dhiqachuu qabu.
♤ Wantoota fangasii kana daddabarsan akka filaa/miidoo, boraatii, mallayyoo waliin fayyadamuu dhiisuu
♤ Tokkoon tokkoon uffata fayyadamnee booda bishaan ho’aa fi saamunaa qabu keessatti miicuu qabna.
♤ Filaa fi buruushii rifeensaa akka gaariitti qulqulleessuun barbaachisaadha. Innis barakiinaa fi bishaan walitti naquun keessa tursuu; guyyaatti sa’aatii 1f keessa tursuu qabna.
♤ Shaampoo fayyadamuu fi qoricha kennuu erga jalqabdee booda guyyoota 3 jalqabaa kana raawwadhu. Guyyaa 3 booda akkuma yeroo baay'ee gootan buruushotaa fi Filaa fayyadamuudha.

Fayyaan Daa'immaniif!

Dr. Sabona

Eban Speciality Center

11/09/2024
11/09/2024
Photos from Eban Speciality Center's post 24/08/2024

በእርግዝና ወቅት ፓፓያ እና አናናስ መብላት ተገቢ ነውን?

እንደ ሮያል የማህፀንና የጽንስና ሀኪሞች ኮሌጅ (RC0G) እና የአሜሪካ የጽንስና የማህፀን ሐኪሞች ኮሌጅ (ACOG) ካሉ ድርጅቶች የተሰጡ መደበኛ የሕክምና መመሪያዎች እንደዋና የህክምና መመርያ መከተል እና ለሚሰጡ ህክምናዎች ከነዚህ መመርያዎች አለመራቅ በመላው አለም የሚመከር ሲሆን ሁለቱም የህክምና መመርያዎች በእርግዝና ወቅት ፓፓያ አለመብላትን አይመክሩም።

በተቃራኒው በእነዚህ መመሪያዎች መሰረት በአጠቃላይ በእርግዝና ወቅት ሁለቱንም መመገብ ደህንነቱ የተጠበቀ መሆኑን በግልፅ ያሳያሉ።

✅ የበሰለ ፓፓያ ጥቅሞች

በቫይታሚን ኤ፣ ቢ እና ሲ እንዲሁም ቤታ ካሮቲን፣ ቾሊን፣ ፋይበር የበለፀገ ነው። የበሰለ ፓፓያ በእርግዝና ወቅት ብቻ ሳይሆን በተለይም እንደ የሆድ ድርቀት ያሉ የምግብ መፈጨት ችግሮችን ለመፍታት ጠቃሚ መሆኑን የተመሠከረለት ነው።

✅ ያልበሰለ ፓፓያ በእርግዝና መጠቀም የሚያስከትለውን ጉዳት።

ያልበሰለ ፓፓያ የላቴክስ እና ፔፒን በውስጡ የያዘ ሲሆን ይህም የማኅፀን መኮማተር፣ ደም መፍሰስ እና የፅንስ ከረጢት ከማህፀን እንዲለይ ያደርጋል። የእነዚህ ንጥረ ነገሮች ተጽእኖ ከሰው ወደ ሰው ሊለያይ ይችላል ነገርግን በአጠቃላይ በእርግዝና ወቅት ያልበሰሉ ፓፓያዎችን ከመጠቀም መቆጠብ ሊያስከትሉ የሚችሉ ችግሮችን ለማስወገድ ይመከራል።

✅ አናናስ በእርግዝና ወቅት ጎጂ ነው የሚለውን የተሳሳተ ግንዛቤ ማብራሪያ

ይህም ህመምን፣ ደም መፍሰስን ወይም ያለጊዜ ምጥ ሊፈጥር ይችላል የሚለው የተዛባ ነው። አናናስ የፕሮቲን ትስስርን የሚሰብር ብሮሜሊን የተባለ ኢንዛይም በውስጡ ቢይዝም በቫይታሚን ሲ፣ ፋይበር እና አንቲኦክሲዳንትስ ምክንያት ደህንነቱ የተጠበቀ እና ጠቃሚ ነው። ከመጠን በላይ መመገብ ወደ አሲድነት ወይም ወደ ቃር ሊያመራ ይችላል። አናናስን በአመጋገብ ውስጥ ማካተት እና በእርግዝና ወቅት ለተመጣጣኝ አመጋገብ አስተዋፅኦ ያደርጋል ፣ ይመከራል።..............................

Wiirtuu fayyaa ispeeshaaliitii Ebbaan
ኤባን ስፔሻሊቲ የህክምና ማዕከል

Jimmaa | ጅማ

Tel.📞0902021945

TikTok: tiktok.com/

Telegram: https://t.me/eban_speciality_center1

Instagram: instagram.com/eban_speciality_center_jimma

Facebook: Eban Speciality Center

Photos from Eban Speciality Center's post 23/08/2024

The Beautiful and Historic city, Jimma
❤❤❤
👉Eban Speciality Center

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Jimma