Dhugaa Waloo Oromoo

Dhugaa Waloo Oromoo

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dhugaa Waloo Oromoo, Health/Beauty, Amsterdam, London.

06/02/2026

Daandii Idaa'amuu Ijaarsa Biyyaa Amansiisaaf!
===========
Bu’uura ijaarsa biyyaa kan ta’an dhaabbileen walabni daneessummaa, gahumsaa fi hammatummaan isaanii qabatamaatti mirkanaa’e akka ijaaraman taasiseera. Ida’amuun Idaa seeneessa darberraa dhaallee fi walooma keenya qore dhiifamaa fi jaalalaan ce'uudhaan waloomaa fi idaa’ama Itoophiyaanota maraatiin biyya badhaatuu hunda keenyaaf mijattu fi addunyaa irratti fakkeenya badhaadhinaa taatee uumuuf daandii ta’ee nu tajaajilaa jira.

Ilaalamni Ida’amuu adeemsa qofummaatiin biyyaa waloo ijaaruun waan hin danda’amneef, yaada, beekumsa, qabeenyaa fi humna gara garaa har’a qabnu walitti sassaabuun waan waliin qabnu eeggannee waan waliin dhabneef tokkummaan akka hojjennu akeeka. Yaadootaa fi hojiiwwan gaggaarii seenaa keessatti horanne kunuunsuun waan har’a arganne kuusuudhaan humna imala keenya si'essuu horataa deemna.Aadaa siyaasaa diiganii ijaaruurraa,waan gaggaarii itti fufsiisuun dogoggora sirreessuu nu dandeessisu horannee badhaadhina dhugoomsuun murteessaadha.

Kaayyoon waliigalaa yaadama Ida’amuus, injifannoowwan siyaas-dinagdee biyyi keenya seenaa keessatti horate eeguu fi tursiisuu, dogoggoroota uumaman sirreessuu, kuufama horataa adeemsa kanaan uumamanuun fedhii fi dantaa dhaloota dhufuu milkeessuudha. Galmoonni waliigalaa ida’amuus tokkummaa biyyaalessaa eeguun kabaja lammiilee fi Badhaadhina mirkaneessuudha.Kun akka mirkanaa'uf ammoo seenessa waloo cimsuun murteessaadha.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in London?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Amsterdam
London