Abduro M Adem Page

Abduro M Adem Page

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abduro M Adem Page, Health/Beauty, Nairobi West.

28/02/2024
Photos from Abduro M Adem Page's post 18/02/2024
05/02/2024

Parti2️⃣
A) Afaan saba guddaa
Kan afirkaa bahaa
Ta'uu saba kiyyaa
Seenaa ragaa ba'aa.

B) Barataaf barattuun
Walqabatee yaa'aa
A B C D Jedhee
Ittiin lafaa ka'aa.

C) Caliifnee hin teenyu
Wa'ee afaan keenyaa
Deebii argachuudhaaf
Quba ittii kekkeenyaa.

D) Deebiin gaaffi keenyaa
Mootummaa harkaa jiraa
Afaan Oromootis hoojjiti jijjiraa.

E) Ee jedhee fudhaachuun
Dirqamuumasaatii
Afaan hojii keenyaa
Gaaffii Ummataatii.

F) Faayaamtee bareeddee
Dhiigaa goota keenyaan
Qeerroo hedduu fixee
Barumaa dhiiheenyaa.

G) Gaaffii saba keenyaa
Jabaadhaa deebisaa
Maaliif gurruriituu
Akka waraabessaa?

H) Hayyuudhaafi beekaan
Akka qubee eegdan
Hundinuu of eegaa.

I) Imiimmaan harcaasii
Boo'ii afaan keetii
Boollatti yaadadhuu
Dhiiga lammii keetii.

J) Jalqabneeti jirra
Wa'ee qubee keenyaa
Shee Bakri Saaphaloo
Goota saba keenyaa.

K) Kallattii hundaanii
Qeerroon wal funaanii
Hayyuu kee caqasii
Baruma baraanii
Karaa ittii baafadhuu
Malumaa malaanii.

L) Lammiin lammiif jennee
Da'oo waliif taanee
Tokkomnee jiraachuu
Maalumaaf dadhaabnee?

M) Miira saba keenyaa
Maaliif hiin too'anne
Biyyaa keenyaraatii
Maaliif abba taane?

N) Naannoo Oromiyaa
Biyyatii kan keenyaa
Afaan oromootii
Afaan hojII keenyaa.

O) Oromoo tokkoomse
Abban qeerroo keenyaa
Jawaar Mohammed
Goota saba Keenyaa.

P) Paarlaaman biyyattii
Hunduu wal ijaari
Afaan saba kootii
Guddisii madaali.

Q) Qeerroodhaafi Qarreen
Jaarsaaf jaartii kaasii
Afaan Afaan keetii
Bareechii dagaagsi.

R) Ragaa hedduu jiraa
Waa'ee Afaan kanaa
Qeerroodhaafi qarreen
Fudhadhuu amaanaa.

S) Seenaan hin dagatu
Aarsaa goota keenyaa
Tokkummaan jiraannan
Bakka yaanne geenyaa.

T) Tattaaffii cimsinee
Sammuu haaromsinaa
Duunee banna malee
Gadin jennuu diinaaf.

U) Ummanni Oromoo
Kan keessaaf kan alaa
Gaaffiin saba keenyaa
Kan hafeetu caala.

V) Vaayireesi jiraa
Qubee kana keessaa
Goota hedduu dhabnee
Kan dhumaan rasaasan.

W) Wareegama qaaliin
Kunoo nama taanee
Ajjeefamaa turre
Kaaniis biyyaa baanee.

X) Xaaliyaanii seente
Dura biyyaa keenyaa
Oromootu baase
isii biyya keenyaa
Naafxeenyaaf wayyaaneen
Har'aas diina keenya.

Y) Yaarabbii tokkoomsii
Oromoo saba koo
Dukkanni har'aa kun
Hin ifaa gaaf tokko.

Z) Zaamaa hin barbaannu
Nuti ciqi ciqii
Afaan saba guddaa
Afaan hojitti hiiki.

Abdurahmaan Mahammad Adam Follow

18/01/2024

"AJAB! YAA BISHINGAA!!!"

Ajab! ajab! ajab! dubbii ajaa’ibaa,
Ajab! yaa bishingaa waa’ee kee na dhibaa,
Yeroo torbaa kuftee kaata yeroo torbaa,
Badii maalii qabdaa maal hojjatte daba?
Maaluma yakkitee si naqaan qarqabaa,
ilmi namaa maaliif olii gad si qabaa?

Dhiiraa fi dhalaaniis yoo si miidhuun argaa,
Warri dubartootaa mooyyetti si feeddagaa,
Toomaan wal faraqaa sitti wal dabran gaa,
Talaantalaan hedduu sitti buusaan malaggaa,
Shuqulaa fi kurkaan si godhan wiligaa
Dhukkeeysaanii.. bulleeysanii.. si bukeeysanii gaa,
Si daakuuf ammallee ramadatan dhagaa,
Rabbumaa moo namaa sii waakkate mirgaa?
Dubbii tee na dhibee ajab! yaa bishiingaa.

Shirri warra dhiiraa kan jaraa daranii,
Xaarii bittim si godhuun si faffacaasanii,
Ati ammoon haftuu kan si ukkamsanii,
Magartee lalifta fedhii rabbiitiinii,
Wayta ati ol-kaatee dargaggeessa taatuu,
Ammas si baybaaqan deebitee akka kuftuu,
Miidhaan sitti hammaateef Ati kufteen haftuu,
Ajab! yaa bishingaa numa jirta atuu.

Osoo hin maraatin hazbii sitti kaayuu,
Walit si agaadani hunda kee waliin gayuu,
Osoo atin darbiin carqa sirra baasuu,
Kashiifa si dhaabuun kafana si keeysisuu,
Mogolee kee muruun deeyla sii ciciibsuu,
Morma kee shalabuun mataa sirraa qaarsuu,
Qaama kee bobeeysaaf walitti si kuusuu,
Jireenyi kee marti kan nama naasisuu.

Mataa kee guuranii uudatti daabaluu,
Jirma sirra dhaabuun si deedaqaa buluu,
Mashiin si miisanii addaan si gulaaluu,
Mashawwaraan baaqaf callaa kee addaan dhiluu,
sin dhiifne ammaasi boollat si awwaaluu,

Nama dhiba kankee gaafam bilisoomtaa?
Akkuma kootitti torba kuftee kaataa,
Akkas tahaatuma kunoo lubbuun jirtaa,
Ajab! Ajab! ajab! ajab! yaa bishingaa..
Namaa gaddisiisaa namaas dinqisiiftaa

Abduro M Adem Page Follow

14/01/2024

KANA BEEKTUU LAATA:-?❓⁉️

💜🖤💙AARIIN:- Amala nama jijjiruu isaa
🩵~ Fira nama dhabsiisuu isaa
🩵~ Sammuu jeequu isaa
🩵~ Qabeenya barbadeessuu isaa
🩵~ Badiif nama saaxiluu isaa
🩵~ Du’aaf nama kennuu isaa!!
✍️JIBBIINSI: walirraa nama fageessuu isaa
💜~ Qofa galeessa nama taasisuu isaa
💜~ Walitti dhufeenya booressuu isaa
💜~ Dogongoraaf karaa banuu isaa
💜~ Firiin isaas gaabbii ta’uu isaa!!
✍️RAKKINNI: Amala nama jijjiiruu isaa
🖤~ Waan hin qabne si barsiisuu isaa
🖤~ Abdii si kutachiisuu isaa
🖤~ Obsa si fixachiisuu isaa
🖤~ Biyyarraa siin baduu isaa!!

OBSI:- Taajjabbii irra si hambisa
🙏~ Hamtuu irraa nama eega
🙏~ Of-eeggannoo namaaf labsa
🙏~ Amala qabeessa nama taasisa
🙏~ Gara laafummaa nama barsiisa
🙏~ Sammuu nama ballisa
🙏~ Madaaluuf nama gargaara
🙏~ Olaantummaa nama gonfachiisa!!
✍️KANAAFUU OBSA QABAADHU

❤️JAALALLI:- Gammachuu namaa laata
❣️~ Waan gaarii nama yaachisa
❣️~ Jireenya hawaasummaa cimsa
❣️~ Kaayyoo fiixaan baasa
❣️~ Galma qaqqabsiisa
❣️~ Bilisummaa yaadaa laabsa.!!!

❤️❤️❣️❣️❤️❤️

26/12/2023

FURTUU MILKAA'INAA • • •
▬▬▬▬▬▬▬▬▬

Furtuun milkaa'inaa 100% dhufuu kan danda'u ilaalcha keenya ta'uu isaa mirkaneesse.!

❏ Ofii keef, namootaaf, addunyaaf ilaalchi ati qabdu gammachuu siif kenna. Ilaalcha kee hanga hin jijjiirretti gammachuu fi milkaa'uu akka hin dandeenye mirkaneesse. Kanaaf Ilaalchi furtuu milkaa'inaa keeti jechuudha! Ajaa'ibaam!!

26/12/2023

Gorsa Shan(5)n kana isiniif jabaa Jenna.

1. Iddoo Hundatti Gaaruma Hojjadhu! Yeroo San Maqaan Kee Bakka Gaaritti Yaamamaa.

2. Eenyummaan Kee inni qajeelaan Bakka Oolteen Osoo Hin Taane, Hojii Ati Bakka jirtutti Hojjetteen Madaalama.

3. Hangaa dandeessu Namoota Onnachiisi! Namni Ati Tuffattu Hundi Nama Waa Hunda Hojjechuu danda'u Waan Ta'eef.

4. Gammachuu Argachuu Kan dandeessu Gaafa Kaayyoo Keetiif jiraattudha.

5. Yeroo Keetiitti Fayyadami.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Nairobi West?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Nairobi West