Dasee Js
King king
27/01/2026
Harkaa fi Harma muraa Anoolee....
Harkaa fi harma muraan Anoolee yakka suukaneessa minilikiin Oromoo Arsii irratti gaggeeffameedha. Uummata kana jiilchuuf jecha gochi suukaneessan haadha Oromootirra harma muruu fi ilma Oromootirra harka muruun ta'aa ture.
Hojii jiilchuu kanaan carraa uummanni yeroo Aanoleetti walitti qabamu eegachuutu ture. Akka ragaleen seenaa ibsanittis, yeroon isaa Aanolee irratti guyyaa sirna Baallii dabarsuu gaggeeffamudha. Ba'a Gadaa Roobaleefi seensa Gadaa Birmajii ture.
Warroonni aangoo dabarsaniifi fudhatan akkaataa Seera Tumaa Odaa Roobaatiin gosni 29 bakka kanatti akka walitti qabaman godhame. Minilikiifi suuftonni isaa ammoo guyyaa kana karaa lamaan foonaa uummata itti fixan ijaarrataniiru.
Isaan keessaa inni tokko karaa namni seenuu harkaafi harma itti muran ture. Arsiin lammata akka inni mataasaa ol hin qabanneef qoor-qalbii isaa cabsuuf kana godhe.
Harkaafi harma irraa muranis morma isaaniitti fannisanii akka isaan qabatanii hawwaasa keessaa dhufanitti deebi’an taasisan. Sanas Arsiin argee jiilee lammata mormee akka jala dhaabbachuu hin dandeenye hamilee cabsuuf ture.
Haala kanaan Oromoota Arsii kanneen lubaan malee qubaan hin bullu jedhan dhiira irraa harka mirgaa, dubartii irraa ammoo harma mirgaa muruun yakka duguggaa sanyii raawwate.
Oromoon seenaa isaa qorachuu qaba. Yoo seenaa isaa qoratee qofa of argee miidhama alagaan irraan gahees argee furmaata lafa kayyaachuu danda'a.
27/01/2026
𝗞𝘂𝘁𝗮𝗮 1𝗳𝗳𝗮𝗮 𝗦𝗲𝗲𝗻𝗮𝗮 𝗝𝗲𝗻𝗲𝗿𝗮𝗮𝗹 𝗧𝗮𝗮𝗱𝗱𝗮𝗮𝘀𝗮𝗮
Taaddasaan bara Hayilasillaasee keessa Impaayera Itoophiyaa keessatti kutaa bulchinsaa Shawaa keessatti kan argamtu Salaaletti dhalate. Abbaan isaa obbo Birruun waraana xaaliyaanii irratti summii gaaziitin(poison gas) du'an. Haati isaa ammoo gadda kanarraa ka'uun ji'a sadi'i booda du'an.
𝗟𝗼𝗹𝘁𝘂𝘂 𝗧𝗮'𝘂𝘂𝘀𝗮𝗮
Erga warri isaa dhumanii booda, Taaddasaan wasiila isaa Beekaatti kan miseensa Arbanyoochi, riphxee-loltoota Xaaliyaanii lolan, turetti dabalame. Boodarras qabamee hidhaan umurii guutuu fi hojii humnaa itti murtaa'ee Moqaadishoo, Somaaliyaatti hidhame. Amma Biriitish bara 1940 Moqaadishoo qabattee bilisa ba'utti achi ture. Taaddasaanis erga hiikkamee booda leenjii waraanaa Keeniyaa deeme fudhatee bara 1941tti Itoophiyaatti deebi'e. Achii gara sadarkaa liyuutenaantiitti ol guddatee Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaatti galmaa'e. Achi keessatti akka barsiisaatti yeroo dheeradhaaf tajaajillaa ture.
Bara 1954tti, Taaddasaan gara liyuutenaant koloneelitti guddatte; waraanarraas gara humna poolisiitti jijjiirramee. Humna poolisii akka ammayyomsuufis dirqamni itti kenname. Dura ta'aa "Faxnoo-Daraash(Rapid Forces)" ta'ee muuddame. Fonqolcha mootummaa bara 1960 fashaleessuu keessattis ga'ee guddaa tabatee amanamummaa Hayilasillaaseef qabu agarsiise. Yeroodhuma dura-ta'aa "Faxnoo-Darash" ture kanatti lammii Afrikaa Kibbaa sirna Apaartaayidiin qabsaa'aa ture Niilsen Maandeellaa leenjise. Shugguxii Liliesleaf jedhamtu kan Maandeelladhaa kennes isa ture. Taaddasaa Birruu bara 1953tti gara Birgaader Jeneraalitti ol guddate. Yeroo kana inni dura ta'aa "Faxnoo-Daraash", itti aanaa komishinerii Humna Poolisii Biyyaalessa, ajaajaa waraana naannoo fi dura-ta'aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaalessaa ture.
𝗪𝗮𝗹𝗱𝗮𝗮 𝗺𝗮𝗰𝗰𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗧𝘂𝘂𝗹𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶
Taaddasaa Birruu jalqaba sochii sabboonummaa Oromoo hin balaaleffata ture. Erga muummicha ministeeraa Akliluu Habtawaldi wajjin
27/01/2026
Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.
Abbaansaa fi harmeensaa walitti aansuun du’aan irraa adda baanaan Baaroon obbolootasaa lamaan Raaheel fi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessasaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti isa fidan.
Barnoota Isaa
Barnoota Isaa
Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaana Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Finfinnee seenudhaan barnoota faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hin turiin yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jalqaba fudhate. Baaroon egaa turtiisaa yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pirezidaantii ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojachaa ture.
Qabsoo Keessa Seenuusaa
Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo yuunivarsiitii keessatti haa xiqqaatuyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hin turiin ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hin taane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuu
27/01/2026
"Uummanni Oromoo gabrummaa jalatti buluuf wali galtee mallattesse tokkoyyuu hin qabu" Jecha Gooticha .
bara 1942 lixa Oromiyaa godina wallaga lixaa (Gimbii) aanaa Bojjii Dirmajji jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa silgaafi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate. Abbaan isaafi harmeen isaa walitti aansuun du’aan irraa adda baanaan Baaroon obboloota isaa lamaan Raaheelfi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessa isaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti gatiittiitti baatanii isa fidan. Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaafi 2ffaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaane Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Haayile Sillaasee 1ffaa jedhamuun beekamurraa barnoota Faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin Yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate.
Baaroon egaa turtiisaa Yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarrtti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pireezedaantii ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee Yunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojetaa ture. Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo Yuunivarsiitii keessatti haaxiqatu iyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattoota Yunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera.
27/01/2026
𝗦𝗲𝗲𝗻𝗮𝗮 𝗚𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗼𝗼
(1998-2004 ALH) qabsaawaa Fincila Baalee keessatti Jeneraal Waaqoo Guutuu wajjin ta'uun lolaa turani. Huseen jecha nafxanyaa qawween hin ajjeftu jedhu kan yeroo sana diinni ittiin ummata Oromoo sodaachisuuf fayyadamu nafxanyoota hedduu ajjeesun soba ta'u ummatatti agarsiisan.
Huseen Bunee Godina Baalee aanaa Sawweenaa bakka Goonii Gafarsaatti jedhamutti abbaasaa Daraaraa Godaanaa fi armeesaa Hawwaa Badhaasorraa bara 1898 (ALH) ykn 1904/1905 ALA dhalate. Abbaansaa erga dua'anii booda Huseen Bunee qe'ee abaasaa too'achuuni fi obboleeyyansaa guddisuun dirqamasaa waan tureef kanuma fudhatee socho'aa ture. Yeroo sana manni barumsaa waan hinjirreef, Huseen mana amantii Islaamaa seenee amantii baratee barsiisaa ture. Erga guddatee haadha manaa fuudhee booda, ciminaa fi siyaa'inasaa kan argan bulchiinsa Mootummaa Hayila Sillaasee keessatti Burqaa godhanii muudan. Adeemsa keessan ciminasaarraa ka'uun gara bakka bu'aa baalabbaataatti ol guddisan. Adeemsa hojii kana keessattis hacuuccaa sirni Nafxanyaa ilamaan Oromoorran ga'u argee aaruu jalqabe.
Walga'ii baalabbaatota Oromo ta'an 18 irratti, Huseen Oromoon sirna nafxanyaa qabsaawu akka qabuu innis kanumaaf qophaawuusaa itti himee isaanif akka isa faana hiriiran gafate. Isaan garu humna maalitiin Hayila Sillaasee lolta, kuni gonkumaa hin ta'u jedhanii didan. Innis akkamitti akkan qabsaawuu Nafxanyaa akka falmu sinittan agarsiisa jedheen.
Itti aansun Huseen Bunee horiisaa keessaa sangoota sagal gurguree qawwee sadi'i bitate qabsoof qophaawe. Obbolootasaa fi namoota biraa muraasa fudhatee bara 1962 ALH qabsoo eegale. Huseen Bunee Gaara Goonirratti qubachuudhan qabsoo finiinse. Namoonni gabrummaan itti hammaate hedduun dhaqanii miseensa waraana Huseen Buneetti makamuu eegalan. Gaara Goonii kan amma Gaara Huseen Bunee jedhamee moggaafame karaan ittiin koran tokko qofa, loltoonni Huseen Bunees gaara kana erga koranii booda loltuun Hay
27/01/2026
"Waan akka Leenjoo hoomuu hin qabne
kan akka midhaani nyaatuu nu hafne"
Leenjisoo Diigaa – Gooticha Arsii Hin Dagatamne
Eenyu Leenjisoo Diigaa?
Ijoolleen Leenjisoo Diigaa Jirtuu?
Leenjisoo Diigaa maqaa oromoo keessatti akka mallattoo gootummaa fi falmii bilisummaa ta’ee kan yaadatamu, hoogganaa waraanaa Oromoo Arsii yeroo koloneeffataa sirna nafxanyaa Minilikiin gaggeeffamaa ture, qabsoo cimaa geggeesseedha.
Inni bara 1881 hanga 1887 tti hoogganaa waraanaa Oromoo ta’uun, qabsoo ummanni Arsii (Sikkoo Mandoo) gaggeesseef ijoo ta’e. Injifannoowwan dirree waraanaa irratti argaman keessaa, kanneen akka Doddotaa, Albasoo, Dibbee, Haroo Hamoommotaa fi Laga Qalaxaatti milkii boonsaa galmeesse.
Qabsoo Waraanaa fi Injifannoo Leenjisoo
Leenjisoo Diigaa bara 1881 hanga 1885 tti waraana Minilikiin gaggeeffamaa ture keessa si’a shaniif injifannoo gonfachiisuudhaan, Minilik itti jilbiiffachiise.
Fakkeenya qabatamaa ta’e keessaa, bara 1884 Leenjisoo Diigaa, Jaatamee Bultumii fi ilmaan isaa waliin farda Minilik irratti fe’amee ajjeesuudhaan, Abbaa Daanyoo jedhamu balleessan. Kana booda hanga Dibbee fi Gonfoo irraa buqqisanitti waraanni isaanii tarkaanfii cimaa fudhatee ture. Minilik garuu carraa salphaan lubbuu isaa baqachuudhaan baraarame.
Guyyaa sana, Leenjisoo Minilikiif jaldeemtu isaa hanga magaalaa Mojootti fardaan ari’e. Tarkaanfii cimaa fi gootummaa kanaan Leenjisoo maqaa fi kabaja ol’aanaa horate.
Haa ta’u malee, gara boodaatti, erga Aanolee irratti Oromoonni harka fi harma muraa irratti saaxilamanii booda, Leenjisoo Nafxanyootaaf akka of kenne fakkaachuun, ajaja Minilik jala ooluu dhiisee, Dajjaach Wasanee – hoogganaa waraana nafxanyaa – ajjeesuudhaan falmii isaa itti fufe.
Leenjisoo fi Seenaa Aadaasaa
Seenaa Leenjisoo Diigaa keessaa kan nama hedduu miira qabu, akkana jedhamee himama: Leenjisoo gosa Arsii Kolooba jedhamu irraa dhalate, garuu haadha isaa – gosa Abeeta – biratti guddachaa dhufe.
Dasee .
27/01/2026
Irbuu Shinnigaa gaafa yaadannu Jaal (Bariisoo Waabee) jalqaba sammutti nu dhufa mitii.
Magarsaa Barii (1942-1980).
Magarsaa Barii qabsaawaa mirgaa Oromoo fi hoogganaa Adda Bilisummaa Oromoo ture.
Magarsaan namoota ABO hundeessan keessa tokko yoo ta’u hoogganaas ture.
=======================
Magarsaa Barii bara 1942 abbaasaa Barii Tufaa fi haadhasaa Caaltuu Tufaarraa Arsii koonyaa Cilaaloo aanaa Leemmuu fi Bilbiloo, Boqqojjii ganda Leemmuu jadhamutti dhalate. Maatiinsaa qonnaan bultoota sirna nafxanyaa duraanii sanaan hacuucamaa fi cunqurfamaa turan yeroo ta’u, bara 1953 lafa qonnaa barbaacha godina Arsiirraa gara godina Baaletti godaananii, konyaa waabee aanaa Gololchaa, Yaakumaa Dinkitti jedhamu keessa qubatan. Baaletti erga galaniis abbaan Magarsaa obbo Barii Tufaa abbootii lafaa naannoo sana turan wajjiinis wal fudhachuu hin dandeenye.
Sirna nafxanyaa fi abbaa lafaa hin sarman turan. Haala jireenyaa fi sirna yeroo sanaarraa kan ka’e, Magarsaa Barii dhalatee waggaa 14 booda bara 1956 keessa mana barnootaa galee barumsa jalgabe. Barnoota kutaa 1-4 kan barate, konyaa Gannaalee, aanaa Adaabbaa, magaalaa Adaabbaatti argamu mana barnootaa warra misiyoonii, kan Mission Interior School jedhamu keessatti barate. Eessumasaa kan ta’e Soorili Tufaatu Adaabbaatti ofitti fuudhee mana barnootaa galche. Bakki sun mana warra Magarsaarraa yoo xiqqaate adeemsa guyyaa lamaa fagaata. Hanga bara 1959tti mana barnootaa warra misiyoonii kana ture Magarsaa Barii barnoota kutaa 4, Adaabbaatti akka xumurateen, mana barnootaa mootummaa Gindhir deemee kutaa 5-8 barate.
Akka kanaan Magarsaa Barii bara 1959-1963 mana barnootaa mootummaa sadarkaa tokkooffaa fi giddu galeessaa Gindhiir kan ture yeroo ta’u eessumasaa malee faranjootni Adaabbaarraa qabanii gargaaraa turan. Barnootatti qaroo waan ta’eefis barsiisotaa fi namoota biroorraa marantee guddaa qaba ture. Bara 1963 qormaata kutaa 8ffaa fudhatee qabxii ol aanaa fiduun Finfinnee mana barnootaa sadarkaa 2ffaa gaalee
27/01/2026
3ffaa fi Xummura Seenaa Jaal Nadhii Gammadaa.
1991
Akkuma mootummaan abbaa irree
Dargii du’ee gara awwaala isàatti gaggeefameen ABOnJa’a Waxabajjii bara 1991 keessa waajira Gullaallee keessa teessuma
godhachuun, hoggantooni ABO tarree duraa irratti argamaan keessaa Qabsa’aan dhugaa Jaal Nadhii Gammadaa nama tokkoo
turaan.
Jaal Nadhii Gammadaa Qaama olaanaa ABO keessatti itti gaafatamaa damee siyaasaati.
Maagaalaafi baadiyyaa Oromiyaa
Amboo, Dirree-Dawaa, Dadaar, Annoolee fi bakkoota hedduutti argaamuun, seenaa cabiinsa ummata Oromoo fi Kaayyoo ABO
ibsa bal’aa keennaa turaniiru.
Bara1992 yeroo ABOn mootummàa
ce’umsaa keessaa dhiibamee bahu
Waraana Blisummaa Oromoo fi ,
uummata Oromoo waliin lolee lollichisiisuu malee, lubbuu kiyyaan
olcha jedhanii akka yaada tokkollee
hin qabine ani barreessaan kun
ragaadha.
21,1992
Waxabajjiin 21, bari 1992 guyyaa isa dhumaa ABOn Wajiira isaa mara
godinaalee Oromiyaa keessa qabu, guyyaa cufee bahu ture. Aniifi
jaallawaan koo wajira ABO Jalduu
keessa turre, osoo cufinee keessaa
hin baane, waraani wayyanee Tigrooni qofitti Oraaliin 3 nutti marsanii dhukaasa nurratti banaan.
Jaalaan keenya nubiraa wareeggamaaniis,
kan hafine rukunnee cabsinee keessaa bahuun, guyyaa lammataa
jallawaan nawaliin turan keessaa
Jarmaan Gaddisaa fi Angaatuu Balchaa waliin halkaan adeemsa
sa’aa dheeraan booda Meettaa Roobii, keessaa dabarree,magaalaa
Incinniitti, Konkolaataa qabannee Finfinnee akkuma geenyeen, Wajiira
ABO Gullaallee jiru dhaqine.
Wajiira ABO Gulllaallee, dallaa isaa
keessallee bay’ina, namaaf bakki
dhaabbataan hin jirree sana keessa
nama Sadi (3) qofaatu jira. Isaaniis
Jaal Nadhii Gammadaa
Jaal Hailuu Dargee fi Jaal Mulugeetaa Moosisaa dha.
Jaal Hailuu fi Jaal Mulugeetaan nomoota har’a lubbuun jirani dha.
Jaal Nadhii Gammadaa
Dhabamuu Jaal Nadhii Gammadaa
ilaalchisee namooni hedduun bifa
adda addaatin ibsu. Amma ammaatti waanti qabatamaan bakka kanattiif guyyaa kana jedhee
kan ibsu hin argamine.
Jaalla
27/01/2026
❗️
Guyyaa 3 Asitti Albuuda Jiruu Kee Fi Maatii Kee Jijjiiruu Danda'u Harka Kee Haa Galchu.🙏
As tuquun JOIN godhaa carraa qarshii yaalaa.🥰
👇
https://t.me/Hap44lato
27/01/2026
Gootichi Oromoo Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo Amuumaa Naannoo Haramaayaa bakka hubata ja'amtutti dhalate. Alagaan garuu seenaa tana dabsuuf lafa tana Hubat jattee maqaa itti moggaafte. Hubata jechuun Afaan Oromoo qulqulluudha. Hubataa jechuudha.
San malees Imaam Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo ilma Garaadichaatiis kan ofii godhuuf qaadhimteeti asoosama sobaa hedduu barreeysite. Eenyummaa namaatii fi lafa nama maqaa dabsanii hatuun hin taatu. Seenaa qabaannaan tanuma ofii barreeyfachuudha.
Seenaa Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo tan ida'ataa gabaan isiniin ja'a. Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo ilma Garaadaati. Bara jireenya isaa Hawaasa Naannawa Hubataa biratti Ahmed Ibraahim Garaadoo jechuun beekkama. Maqaan kun Garaadummaa Abbaa isaarraa kan moggaafame tahuu isaati. Adeerri isaa Harbuu Ahmed Garaadoo ja'ama. Harbuu jechuun maqaa Mukaati.
Bara dur Maqaan Oromoo irra guddina maquma mukaatiin moggaafama. Ammallee numa jira. Haati Ahmed Ibraahim Garaadoo Shamsiyaa ja'amti. Gargaaraa waraanaa ture Umar Dambaraa ja'ama. Akka namni Seenaa tana lafa kaaye ja'utti Dambaara jechuun Daangaadha. Dambaara jecjuun Afaan Oromoo Oromoonni dur itti fayyadamaa turani.
Dhaabni Imaam Ahmed Ibraahim Garaadoo hundeeysee hogganaa turees Walsiimaa ja'ama. Walsiimaa jechuun walfudhachuu jechuudha. Barreeysaan kun Haadha Mana isaatiis hiikkaa wajjiin lafa kaahe. Akkuma hundi keenya beeynu Haati mana isaa Baatii Waanbaraa ja'amti.
Barreeysaan kun qorannoo gad-fagootiin seenaa tana barreeyse/lafa kaaye/ Haaluma kanaan Baatii Waanbiraa je'ee hiikkaa wajiin sirreeysee barreeyse. Kanaafiis Baatii jechuun ji'a, Waanbiraa jechuun haala gaariidha jechuudha je'eeti haala nama fudhachiisuu fi ragaa qabuun barreeyse.
Madda seenaatiif hin rakkatinaa. Yoo Rabbi je'e madda seenaa qilleensarratti osoo hin tahin kitaabaan bash-bash*tti as baafnaa.
Ebla 14, 2025
20/01/2026
ibsa hayyoota ✍
Dubbiin maqaa tun waan akkanumatti feemasaafi joolleen seenaa beekne jijjirtuu miti
Dubbiin tun xiinxala guddaa feeti
lafeefi dhiigaa abbootii teenyaatiin as geesse warra enyummaafi namummaa keenya jib>baniin Sababa abbootiin teenya jum>laan dhumanii lafa tana nu dhaalchisan
kan balleessuufi kan diiguus namoota enyummaa keenya jibbaniidha maqaa jijjiiruun dura Haala kamiin akka jijjiiramu Beektota biyyaatiifi Hayyootaan mari'achuun gaariidha
Warri ajandaa kana fiddan dii>naafi fira kee adda baasii beeki namuma siwajjiin shubbisu hunda fira keen sehin din>nilleen enyummaa kee bareedaa siif quudhuu hoggaa dadhabe akka ati jijjirrattu si godhaa
Maqaan Harargee akkanumatti jijjiirama osoon taane maaliif akka jijjiiramu hanqina maalii akka qabu Hayyoonni walgaafatanii yoo jijjiiramees jijjirama malee midia irratti miti kun niis hin ta'u
3Bo sadeen baha oromiyaa
Dubbii tana hafarsuu dhiisaa
Nuti Harargeen enyummaa keenya
Eenyummaa keenyaa feemasni nuuf hin jijjiiru fi jaarsolii biyyaat qabnaa jijjiiramuus dhiisuus isaantu beeka
Dubbii tana keessatti wahiin natti mul'ata dhiisaa ni fo>kkataa.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Riyadh