Nuraddiin Mohammed

Nuraddiin Mohammed

Share

እንኳን ወደ ፔጀችን በዴህና መጡ ላይክ አርጉት
baga gara page kiyyaa na

media1.tenor.co 23/04/2022

እልልል

media1.tenor.co

21/04/2022
16/02/2022

akkaan jaalatta ?

Guyyaa tokko Rāšūūlli ﷺ sahaabaa isaanii abuu bakri, umar, usmaan fi Aliyyi waliin taa'anii osoo haasawa jiranii Rasuuli ﷺ isaan gaafate abuu bakri irraa eegalee :

Yaa abuu bakri adduunyaa irraa maal jaalatta ?
Waa sadihiin jaaladha jedheen :-

1 Fuuldura kee taa'uu
2 Fuula kee keessa ilaaluu
3 Qabeenya kiyya sirratti kennachuu

Ati hoo yaa ( umer )
Maal jaalatta duniyaa irraa?

Akkana ja'e waa sadi jaaladha duniyaa irraa :-

1 Toltutti ajajuu osoo iccitiin tahellee
2 Hamtuu irraa dhoorguu osoo ifa bahaa tahellee
3 Dhugaa dubbachuu osoo hadhaayaa tahellee

Atin hoo yaa ( Usmaan )
Maal jaalatta duniyaa irraa ?
Akkana je'e waa sadi jaaladha duniyaa irraa :-

1 Miskiina nyaachisuu
2 Salaamtaa facaasuu ( baay'isuu )
3 Halkan salaatuu haala namni rafuun

Ati hoo yaa ( Aliyyi )
Maal jaalatta duniyaa irraa ?
Akkana jedhe waa sadi jaaladha duniyaa irraa :-

1 Keessummaa kabajuu
2 Yeroo bonaa soomuu
3 Seyfiidhaan aduwwii rukutuu

Eegasii ( abaa zarril gifaarii gaafate )
Adduunyaa keessatti maal jaalatta ?
Akkana jedhe adduunyaa keessatti waa sadi jaaladha ;-

1 Beela ،،،
2 Dhukkuba ،،،
3 Du'a ،،،

Nabiyyiin akkana isaan jedhe ( s.a.w ) Maaliif?
Akkana jedheen ( abu zarri )
Beela wanni jaaladhuuf akka onnee tiyya miidhagsuuf ،،،
Dhukkuba wanni jaaladhuuf akka dilii tiyya laaffisuuf ،،،
Du'a wanni jaaladhuuf akka rabbii kiyya qunnamuuf ،،،.

Hoggaa kana jibriil ( aleyhissalam ) bu'ee salaamtaa isaan irratti qara'ee akkana jedhe :-

Anis duniyaa teessan irraa waa sadi jaaladha :-

1 Risaalaa geessuu ,,,
2 Amaanaa bakkaan gahuu ,,,
4 Miskiina jaalachuu ,,,

Eegasii gara samaa'ii olbahee marraa lammaffaa gadi deebi'ee akkana jedhe :-

Rabbiin jabaatee oltahe salaamtaa isin irratti qara'ee akkana jedhe:-

Inni ( rabbiin ) waa sadi jaalata duniyaa teessan irraa :-

1 Arraba zikrii godhu
2 Qalbii kushuu'a ( sodaa rabbii qabdu )
3 Qaama balaa irratti obsa qabu

Subhaanallaahi wabi hamdihii ،،،
Subhaanallaahil aziim ،،،

Ergaa tana yoo dubbiftee xumurte nama biraatiif ergi ,,,
Kadhaa ( du'aa'ii ) sadi hin irraanfatinaa sujuuda keessan keessatti ؛

👉 Yaa rabbi ani khaatimaa bareedduu si kadha ,
👉 Yaa rabbi towbaa qulqulluu na razzaqi osoo hin du'in dura
👉 Yaa rabbii gara gaggalchaa qalbii qalbii tiyya sabachiisi diinii kee irratti "

Hattaa yoo jechoota kana share gochuu niyyatte keyrii isiidhaan hawwi rabbiin sirraa furu malaa cinqii duniyaa fi aakiraa irraa taate

1/ Gammachuu yoo feete = Salaata yeroo isii keessatti salaati
2/ Ifnana fuulaa yoo feete = Halkan dhaabbatu sirra jira
3/ Boqachuu yoo feete = Qur'aana qara'i
4/ Fayyaa yoo feete = Soomana soomi
5/ Rakkoon sirraa furamu yoo feete = istighfaara baay'isi
6/ Yaanni sirraa akka deemu yoo feete = du'aa'ii baay'isi
7/ Cinqiin akka sirraa deemu yoo feete = laa howla walaa quwwata illaa billaahi jedhi
8/ Barakaa yoo feete = salawaata buusi nabiyyii irratti
9/ Hasanaata ifaajee takka malee yoo feete = if biratti qabdee hin taa'iniin share godhi sadaqaa addaan hin cinnetti herreegadhu siifii warra keetiifis.

Rabbiin isinii kakadhe lubbuu teessaniif jecha namni dubbisee xumure salawaata haa buusu ergamaa rabbii irratti marraa 3 ajrii fi sawaabas akka argattu

24/04/2021

Aha

Photos from Nuraddiin Mohammed's post 08/02/2021

Poostiin kun namoota baay’ee Oromoo Idil adunyaa hunda keessa jiran bira dhaquu qaba
=====================================
hayyoota keenya mana hidhaa keessatti dhabnee, ammaaf gabaabsee isiniif barreessa, seenaa hayyoota kana bal’inaan isiniif barreessa yeroo muraasa booda.

-Nadhii Gammadaa (Qaasim Usmaan Roobaa) Mana hidhaa keessatti dhabne. Nadhiin, ALA 1997 Arba Guguutti qaama mootummaan qabamee finfinnee geeffamee hidhame ergasii eessa akka jiru homaa odeeffannoo dhageenyee hin beeknu.

-Dr. Hayilee Fidaa Kumaa. Mana hidhaa keessatti dhabne. Doktor Hayilee Fidaa (1939-1979) nama siyaasaa yoo ta'u hogganaa Warraaqsa Sooshaalistii Guutuu-Itoophiyaa (irra caala maqaa Amaariffaa "ME'ISOON" jedhamuun beekkama) ture. Gumaachasaa keessa inni guddaan Dargii bakka bu’uun Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyooleessa baasuu isaatini. Kana malees, Dr Hayileen qorannoo adda addaa, caasluga Afaan Oromoorratti godheen beekkama. Ilaalcha Siyaasa Oromoo yeroo ammaa kana guddatee jiruu fi Oromoo hedduun kan irratti walii galtu Biyyooleessummaa(Oromo Nationalism) kanneen bifa qabsiisan keessattille ni arkama Dr Hayilee Fidaa bara 1975 qabamee hidhamuu isaarraan kan hafe jiraachuuf dhiisuu isaa maatiin illee kan hin beekne yoo ta’u isa waliin Paartii MEISON keessaa qabamee mana hidhaa tokkotti kan hidhame namni Andaargaachoo Xuruneeh jedhamu Dr.Hayilee Fidaa erga qabamee hidhamee waggaa lama booda “Red Terror(qey shibbir) jedhamuu dhaan bara 1979 akka ajjeefame ragaa ba’eera.

-Abdii Qophee. Mana hidhaa keessatti dhabne.
Abdii Qopheen weellisaa, waloo fi loltuu ABO qabsoo hidhannoof bosona seene ture. Bara tokko otoo lubbuun jiruu boolla itti awwaalamu akka qotatu dirqisiifamee beeka ture. Jireenyasaa gara boodaattis sababni ijoon mana hidhaa shawaaroobiit keessatti reebame dhukkubsachuun lubbuu dhabeefis kaayyoosaa ganamaa akka ture miltoowwan Abdii Qophee itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.

-Usumaayyoo M***a. Mana hidhaa keessatti dhabne. Usmaayyoo m***a daa’immansaarra hidhama nama turee. Mana hidhaattillee dararaa guddaatu irra nama ga’e. Mana dukkanaa keessatti sibiilli harkaa fi miila isaarraa hin ba’u ture. Mana hidhaa “Karchalle” kan amma 'Qaallitti' jedhamu kanatti akka dhabnee Usmaayyoo M***a.

-Musxafaa Harawwee. Mana hidhaa keessaa baasanii ajjeessan. Waggaa sadi dura ji’a waxabajjii 2014 lafa
Oromoo Harargee Bahaa Harar ( tana
mootummaan Tigree Saba Biicuuf laate
Naannoo Hararii ja’e moggaase) Awwadaay
Cinaa Iddoo Hammaareeysaa je’emtu
Qubsuma Tan gaafa Dargirraa kaase Hamma
Ihadig kanati kaambii waraanaa taate
tajaajila kennaa jirtu tanati Baasaa fi haalli
suukhanneeysaan tokko uumame.
Lafeen ilmaan Oromoo bara 1980moota
keessa mootummaa Darguutin, baroota
1990moota keessa ammoo Wayyaaneen
dhoksaan kaampii waraanaa Hammarreessaa
keessatti. Jumlaan ajjeefamanii argame.
Lafeen wareegamtoota Murti-Guuto Afran
Qalloo Oromoo kanneen mootummaa Dargi
fi Wayyaanen ajjeeffamani fi gataman akkuma
cancalaan harkaa fi milli hidhametti bolla
kaambiti awwaalaman keeysati arkaman.
Ilmaan Oromoo mooraa san keessatti
hidhamanii booda ajjeefaman keessa
wallisaan beekamaan Musxafaa Harawwee
isa tokko.

-Jeneraal Taaddasaa Birruu. Mana hidhaa keessaa baasanii fannisanii.Taaddasaa Birruu finciltoota geggeessaa kan ture yoo ta'u jeneraal Jaagamaa Keellotiin ganamee Hayiluu Raggaasaa wajjin booji'ame. Taaddasaa fi Hayiluuttis hidhaan umurii guutuu itti murteeffame. Boodarra kun Dargiidhan gara ajjeechaatti jijjiirrame. Taaddasaa Birruu, Hayiluu Raggaasaa fi geggeessitoota Oromoo ta’an baayyeen gaafa Bitootessa 18, 1975 ajjeefaman. Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu qabsoo isaa kan itti fufe yoo ta'u bara 1976tti qaama Adda Bilisummaa Oromoo ta'e.

-Baqqalaa Dawannoo. Mana hidhaa keessatti dhabne. "Abbaan kiyya Baqqalaa Dawaanoo ti nama mirga Oromoof jecha cinniinnatee qabsaa’u, kan maqaan isaa tarree qabsaa’ota bilisummaa Oromoo keessatti galmaa’e, waggaa 25 dura anaa daa’imaa achi-buuteen isaa dhabamte. Umrii kiyya guutuu abbaan akkaan jaaladhu lubbuun jiraachuu fi du’uu isaa osoo addaan hin baafatin guddadhe. Oduun achi-buuteen hidhamtoota Qilinxoo dhabamuu fi mootummaan maatiilee waan firoota isaanii mudate itti himuu diduun diilalluu guddaa keessatti na hambisee gadadoo daangaa hin qabneen na guute. Madaa fi aarii baroota hedduu of-keessatti ukkaamsee irra taa’uu natti malaase akka dhaamsa akka du’aatti irraa baqachaa ture tana akka barreessu na taasise." Ilma -Edao Dawano.

-Dabasaa Guyyoo. Mana hidhaa keessatti dhabne. Qorannoo gaggeessineen akka irra geenyetti, Dabbasaa Naayrobiidhaa gaafa 27.09.2015 qabamee guyyaa muraasaf eega achi tursiifameen booda gara Finfinnee geeffame hidhame dhabne.

-Maammoo Mazammir. Mana hidhaa keessaa baasanii fannisanii. Koloneel Maammoo Mazammir (1929 - 1969) qabsaawaa mirga Oromooti. Koloneel Maammoon sababa qabsoo mirga Oromootif gochaa tureen murtiin du’aa itti murteeffamee ajjefame. Koloneel Maammoo Mazammir himata sobaa ragaa hin qabneen himatamuudhaan bara 1969 mana adabaa "alem beqqanyi" jedhamu keessatti fannifame. Koloneel Maammoo Mazammir osoo mirga uummata Oromootiif hin fannifamin dura abbaa ijoollee lamaa ture. Bara darbee Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee magaala Gudaritti sagantaan dhagaa bu’uuraa siidaa yaadannoo Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir dhaabuuf qophaa’e Taye dendea Aredoon dhorkamuu Koreen sagantaa kana qindeessu beeksise.
.. Gotoota baayyeedha. Irraa barnoota argachuu qabna ykn seenaan akka qoosaa namatti deebi’aa. Oromoota ciccimoo duuti isaanii hanga ammaatti sirriitti hin beekamne hedduu keessaa Dr Hayilee Fidaa fi Nadhii Gammadaa yoom iyyuu kanneen dagataman miti.!!

30/07/2020

Eid mubarak

እንኳን አደረሳችሁ

Baga ittin sin gahe

30/07/2020

Insha Allah Aw

24/05/2020

Eid Mubarak

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Riyadh?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Riyadh