Oromiyaan oromoofi

Oromiyaan oromoofi

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromiyaan oromoofi, Health/Beauty, Oromiyaa, Istanbul.

18/06/2025

Iraan misaa'ela 'haypersonikii' Fattaah-1 jedhamu Israa'el magaalaa Tel Aviivitti furguggeessuu himte.

Eegdoti Warraaqsaa Iraan (IRGC) akka jedhanitti, misaa’elli kuni kiibxata kaleessaa Waxabajjii 17, 2025 galgala dhukaafame.

Misaa’elli kuni jalqaba waggaa kana yeroo biyyoonni lamaan wal dhaban dhukaafameera. Erga dhihoo walitti bu’iinsi eegale garuu reefu dhukaafame.

Misaa’elli Fattaah jedhamu jalqaba bara 2023 kan ifa ta’e yoo ta’u maqaa isaas kan moggaasan hogganaa olaanaa biyyattii, Alii Kaameeniidha.

Eegdonni Warraaqsaa Iraan yeroo misaa’elichi ifa ta’e sanatti waa’ee misaa’elichaa yoo ibsan ‘’kan Israa’el haleelu’’ jedhaa turan.

Barjaan guddaa barreeffama Afaan Hibruun ‘’gara Tel Aviiv sakandii 400’’ jedhu irratti barraa’e magaalaa guddoo Iraan Tehiraan keessa dhaabatee ture.

Iraan misaa’elli kuni haalaan saffisaadha jettus, ekispartoonni waraanaa garuu shakkii irraa qabu.

Eegdoti Warraaqsaa Iraan jiraattonni magaalaa Israa’el, Teel Aviiv, akka gadhiisanii bahan akeekkachiisu miidiyaan Iraan gabaase.

Akeekkachiisni kuni Rayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) dirooniiwwan lama gama bahaa dhufan ''qolachuu’’ erga ibse boodadha.

Yeroo dirooniin dhufe bakkeewwan Israa’el Deed Sii jedhamanitti sagaleen akeekkachiiftuu dhagahameera.

Gama biraatiin Iraan fi Israa'el walhaleelaa jiraatan kanatti Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Hoogganaa Olaanaan Iraan Ayaatoolaah Alii Khoomeeni jechoota akeekkachiisa walitti darbataa jiru.

Kibxata Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social jedhamu irratti ''daangaa qilleensaa Iraan guutummaan,'' to'atamuu himan.

''Namni ''Hogganaa Olaanaa'' jedhan eessa akka dhokate beekna. Salphaatti itti qiyyaafachuu dandeenya, garuu ammaaf isa hin ajjeesnu, nagaa dha'' jechuun dubbatan.

''Obsa keenya fixachaa jirra'' jechuun Tiraamp akeekkachiisa dhumaa “haalduree tokko malee harka kenni” jedhu kennan.

Teehraan garuu akeekkachiisa kanaaf akka deebiitti mallattoon agarsiiste hin jiru.

Ergaa walitti fufinsaan X irratti barreessaniin Kaameeniin ''warra Tsiyooniif araara tokkollee hin qabaannu,'' jedhan.

''Warra Tsiyooniif araara hin qabnu,'' maxxansa biraa irratti ammoo ''waraanichi jalqabeera,'' jedhan.

Gama biraatiin manni marii nageenyaa biyyaaleessa Ameerikaa Marii sa'atii 1 fi daqiiqaa 20 dhimma Waraana Israa’el fi Iraan irratti adeemsisee jira.

Akka CBS gabaasetti dhimmi ijoo marii kanaa Ameerikaan haleellaa Israa’el buufatawwan niwukilaraa Iraan irratti eegalteetti makamuufi makamuu dhiisuu kan jedhu irraattidha.

Akka gabaasichi jedhutti, gorsitoota ijoo Tiraamp gidduutti dhimma kana irratti waliigalteeerra hin gahamne.

Warri Iraan mariif akka taa’an erga dhiibbaa gochaa turan booda Pirezidanti Tiraamp lola kana keessa seenuumoo seenuu hin qabu waan jedhu itti yaadaa jiru.

Walgahii Mana Maree Nageenyaa US kaleessaarratti, Tiraamp fi gorsitoonni isaanii buufatawwan niwukilaraa Iraan haleeluuf akka yaadan dubbataa turan.

Bakki haleeluuf yaadan immoo bakka Iraan yuraaniyeemii gabbistu, Fordoo, jedhamudha. Bakki gaara jalatti argama.

Bakkee kana dhoosuuf bombii humna qabu kan qaban warra Ameerikaa qofaadha.

Akka gabaasa CBS’tti, gorsitoonni pirezidantichaa akkaataa itti fufuu danda’anirratti yaada garagaraa qabu.

Guyyoota sadan darban xiyyaaronni waraanaa US jeettiiwwan waraanaaf boba’aa guutan gara Awurooppaa imalaniiru.

Haleellaa edaatiin magaaloonni biyyoota lachuu miidhamuu gabaasaaleen mul'isani jiru.

21/05/2025

Luqmaanal Hakiim akkas jedhan.

Eeeee
Nama Afur irraa hin citin,cittus du'aa'iin isa hin iraanfatin,nama gaafa ati homaa hinqabne si bira dhaabbate,nama gaafa ati dallantee bookkistu si dandahe,nama gaafa ati hinjifatamtee abdii kee kutatte sii tumsee si baraare,nama duuba keetitti toltuu ati qabduufi tola kee hin haalle irraa daftee hin citin,inni dhama namoomaa qabaa hubadhu jedhu.

ila
uffata lilmeefi jibrii gurraattiin sirratti waraaname laaltee ufitti hinqaanfatin,hiriyaa kee duraanii isa hiyyeessa sanitti hin qaanfatin,haadhaa abbaa kee fuulli isaanii si guddisuuf jecha shuntuurratetti hin qaanfatin,jiruu tee tan oliifi gaditti si dhamaastu wajji hin qaanfatin,kan qaanfatamuu qabu kana osoo hin taane,nama taatee namummaa guutuu dhabuu kee qofarrattii hubadhu.

Jaaloo
Waan sammuun kee sirrii miti jedhee sitti himu dhaggeeffadhu,waan lubbuun sirrii jettee sitti hasaastu irraa uf qusadhu,lubbuufi sammuu jidduu feffeeteetu jiraa beeki,raatahuufi gadi dhaabbatuu jidduu situ jiraa uf qusadhu.

21/05/2025

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaa hojiin bulchiinsa isaanii inni guddaan lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’an gara qe’ee isaaniitti deebisuu fi daangaa heera mootummaa Tigraay mirkaneessuu akka ta'e himan.

Letenaant Jeneraal Taaddasaan kana kan jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasingaa waliin dhimmoota yeroo irratti marii taasisaniin.

Lammiileen qe’ee isaanii irraa buqqa’an deebi’uu fi daangaan heera mootummaa Tigraay bakkatti deebi'uun hojiiwwan dursa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Fedhii bu’uuraa kana guutuuf carraaqqii taasifamaa jiru keessatti gufuuleen mudatan salphaa akka hin taane ibsaniiru.

Bu’uura Waliigaltee Piritooriyaatiin mootummaa federaalaa waliin mariidhaan dhimmoota hunda furuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan Pireezidaanti Taaddasaan.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets Erviin Maasingaa gamasaaniitiin, Mootummaan isaanii Bulchiinsi Yeroo Tigraay Waliigaltee Piriitooriyaa sirnaan hojiirra oolchuuf tattaaffii taasisuuf deeggarsa barbaachisu akka godhu ibsaniiru.

27/03/2025

Halkan 27 halkan barakhaadhaati inshaa allaah
Haajaa teenya hundaahu Rabbiin nuuf haabaasu
Warra milkaahe nuhaagodhu Yaaddo sitti jirtu rabbiin siif haabaasu
Murtii gaari Rabbiin nuuf haamurteessu
Hamtuu rabbi nutti hinmurteessin
😭obboleessa qaalii yaa obboleytii qaalii Rabbiin nun hongeessin
Warra milkaahe nuhaagodhu
Khadhaatenya Rabbiin nuuf haaqebalu salaata keenya soommana keenya kheyri teenya nuuf haaqebalu
Warra milkaahe nuhaagodhu
🤲🤲 Waan argachuuf niyyatte hundaahu rabbiin siif haakannu
Badii teenya dhiifama nuuf haagodhu Aammiin Aammiin Aammiin

Allaahumma innaka afuwn Tuhibbul afuwa fa'afu annii
Aammiin
Barressaan
Ana obboleessa keessan biraahiim bakaretti

10/06/2024

Iida Akkamitti dabarsuu qabna?
Yaada keessan nuuf qooda

10/06/2024

Iyyaafannoo

10/06/2024

Yaarabbi
Harargeef tumsi

04/06/2024

Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu ​​natti dhaga'ama! Abdulbasid Abdalaa Jiru, Barakat Dasaleeng, Hussen Birru, Selahadin Yusuf, Dastuu Yusuf, Shemuza Tajudiin

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Istanbul?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Oromiyaa
Istanbul