Tumsaa Saali
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Tumsaa Saali, Beauty, cosmetic & personal care, Anoka, MN.
Ajajaan olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo Marroo Dirribaa Waraanni Bilisummaa Oromoo hidhannoo meeshaa qofa osoo hin taane hidhannoo sammuus hidhatee beekkuumsa siyaasaatiin qaramaa jira jedhan.
Ajajaan olaanaan waraanichaa Marroo Dirribaa kana kan jedhan sirna cufiinsa barnoota gahumsa hooggansa siyaasaa fi waraanaa zoonii lixaa irratti.
Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mirga hiree murteefannaa ummata Oromoo mirkaneessuuf mootummaa Itoophiyaa wajjiin walwaraanaa jiru loltoota kaayyoo qabsoo sabichaa tarkaanfachiisan hidhannoo waraanaa fi sammuutiin leenjisaa jira.
Tibbana mooraalee leenjii dirree lixaa, bahaa fi giddugaleessatti humnoonni waraanaa haaraan hidhannoo waraanaa fi beekkumsa siyaasaatiin leenji’aa turan eebbifamanii jiru.
Eebbifamtoonni mooraa leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo keessa bahanis dirqama qabsootiif bobbaafamuu qondaalonni waraanichaa ibsaa turani jiru.
Qondaalonni Waraana Bilisummaa Oromoo dirree lixaa sirna cufiinsa barnoota gahumsa siyaasaa fi waraanaa irratti haasaa taasisaniin, mooraa qabsoo Oromoo keessatti qondaalota afaan qawweetiin qabsaa’an qofa osoo hin taane, qabsaa’ota hidhannoo sammuutiin qabsaa’an oomishaa jirra jedhan.
Qondaalota Waraana Bilisummaa Oromoo dirree lixaa keessa Eebbisaa namni jedhamu haasaa taasiseen “kaayyoo qabsoo Oromoo galmaan gahuuf barnoonni hidhannoo sammuu fi barnoonni qondaalummaa mooraa qabsoo Oromoo sirritti barbaachisaa jedhe.
Ajajaan olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo Marroo Dirribaa Lammeessaa gama isaaniitiin yaada sirna cufiinsa barnoota gahumsa siyaasaa fi waraanaa kana irratti kennaniin, “qawwee dhukaasuun cinatti hidhannoo sammuu qabaachuun barbaachisaa waan ta’eef, Waraana Bilisummaa Oromoo kanaaf gahoomsaa jirra” jedhan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo beekumsa siyaasaa fi waraanaa Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaaf ta’u barataa jira kan jedhan ajajaan olaanaan Waraana Bilisummaa Oromoo Marroo Dirribaa hireewwan injifannoo sababa adda addaatiin kana dura nu harkaa bahan akka hin uumamneef hidhannoo sammuu barbaachisaadha jedhan.
Waraana qawween hin jilbiifachiifnee fi beekumsa siyaasaan gahoomee horataa jiraachuu himan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo beekkumsa siyaasaan gahoomuu qaba kan jedhan ajajaan olaanaa waraanichaa, humna waraanaa sababa qabsaa'aa jiruuf beekuu fi kaayyoo qabsoo sabaa eeguu uumaa jirra jedhan.
"Rakkoon Oromoo rakkoo dhoksanii bira darbani miti, nuti dhaloota rakkoo sanaaf furmaata barbaaduudha, dhaloota har'aa kana dhaloota kaleessa birmadummaa fi walabummaa qabu sanatti deebisuu barbaanna" jechuun Marroo Dirribaa Kaayyoo qabsoo waraanichaa ibsaniiti jiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo imala qabsoo jalqabe fiixaan baasuuf qabsicha jabeesse akka fufu waltajjii kana irratti kan dhaamame yoo ta’u, qabsaa’ota qabsoo irratti wareegamaniifis yaadannoon sammuu taasifamee jira.
𝐐𝐚𝐛𝐬𝐨𝐨 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨𝐭𝐭𝐢 𝐅𝐚𝐥𝐚𝐱𝐚𝐚 𝐆𝐮𝐮𝐫𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐨𝐨𝐫𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐬𝐨𝐨 𝐁𝐢𝐥𝐢𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 (𝐐𝐁𝐎) 𝐃𝐢𝐢𝐠𝐮𝐮𝐧 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐛𝐛𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐚.
𝐈𝐣𝐨𝐨 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐀𝐁𝐎 - 𝐇𝐚𝐠𝐚𝐲𝐲𝐚 𝟏𝟔, 𝟐𝟎𝟐𝟑
Abukaatoo Impaayira dulloomtee fi bututtee tahuun teessoo caccabaa baraan Impeeriyalistoota jalatti tiksuun, Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) Oromoon ilmaan isaa kumii kitiliin itti gabbaree, ammallee itti du’aa jiru kolaasuun dhaabbachuu qaba.
Oromoon akka sabaatti of ijaaree, wal ijaaree jaarmiyaa siyaasaa akeekaa fi kaayyoo isaa tarkanfachiisaa turee fi jiru jalatti akka hin ijaaramnee fi hooggana-maleessa tahee akka hafu gochuun, hooggana qeenxee Impaayira dulloomte jala mataa suuqqatee teessoo Imeeriyaalistootaa tiksu jala akka hiriiruuf kanneen abukaatoo tahan ergamtoota dantaan macheessee maraachee dha.
Kanneen baraan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diiguun, qabsoo Oromoo rarraga Bilisummaa fi Walabummaa irra gahe galii isaa hanqisuun, injifannoo ummanni dhiigaa fi lafee ilmaan isaa itti gabbare gatachiisan gantoota mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo, ayyaanlaallattoota dantaaf jiraatan, warra miidhamnii fi mirga dhabuun ummata Oromoo homaa isaanitti hin fakkaannee dha.
Dhiiga ilmaan hiyyeessaa irraan tarkaanfatanii, baraan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo hoongessaa, mooraa Impaayira Itophiyaa gabbisuuf jecha “Hiriirri Siyaasaa” isaan bixxiluun dhalchaa oolan baabura qabsoo Oromoo fudhatee qiletti dhidhimuun, qabsoo Oromoo of duubatti harkisee akeeka diinaa galiin gahe malee, qabsoo Oromoo taakkuu tokko hin tarkaanfachiifne.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ayaanlaaltatoota, gantoota, xawalwaallota Impaayira Itophiyaa jala mataa suuqqatanii afaaniin waan jibbiinsa impaayirattii qaban fakkaachuun dantaa fedhan qofaaf jecha, mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diiganii Qabsoo Oromoo kolaasan gadi jabeessee balaaleffata; dura dhaabbata.
Umanni keenya bakka jiruttii fi akka itti jirrutti of dagatuun isa irra hin jiraatu. Af-colloonni dantaaf jiraatan abukaatota Impaayira Itophiyaa tahuun waan qabsoo Oromoof dhimmaman fakkaatanii sobaa fi sossobbaan Oromoo tapha siyaasaan ala baasanii mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo hongessuun baraan ummanni keenya akka waanjoo gabrummaa jalaa boquu ol hin qabanne godhan irratti dammaquun of irraa qolachuu qaba.
Impaayirri Itophiyaa dahoo fi dahannoo gabroomfattootaa taate tun hanga Oromoon haqummaa isii hin barinitti, Biyya taatee hin jiraattu; Biyyees taatee lafa irraa hin baddu. Ajandaa impaayira jiraachisuu ofitti fudhatanii kanneen tarkaanfachiisan ammoo Af-colloota, Abukaattota Itophiyaa kanneen baraan ajandaa ummata bal’aa gabroomsu bixxiluun, Oromoon “Hiriira siyaasaa” akkanaa fi akkasii jalatti masakamuu qabaan carraa argatan cufatti fayyadamanii lallabaa oolanii dha.
Lolli dhaabbataan (Strategical war) Oromiyaatti waggoota Shan dura eegalee qe’ee fi qabeenya daaressee, lubbuu lammiilee Oromiyaa akka baalaatti harcaase, Kaaba Impaayerattiitti tarkaanfachuun waggoota lamaaf naannicha daaresse. Inni ammas gar-tokkee Kaaba Impaayerattii goolaa jiru lola Team Lammaan qabsiisan, lola abukaatonni maqaa Oromoon daldalan qilleensa itti hafarsaa turan Biltsiginnaanis xumura itti gochuuf ijibbaataa jiruu dha.
Kan lolamaa jiruu fi kan irratti wal lolaa jiran Oromiyaa dha. Lolichi lola Itophiyaa fi Oromiyaa giddutti barootaaf deemaa turee dha. Hanga Oromoon eenyu akka isa lolaa jiru of irratti baree of irraa hin qolatinitti lola dhaabbatuu miti.
Lolichi keessa keessa fiiguun al tokko, Tigraay, yeroo biraa Affaar, ala itti aanu Amaara, takka utaalanii ammoo Gambeellaa rukutanii deebi'an, yoo itti tole ammoo daangaa Suudan jedhan cufti isaa lola tooftaa dhageettii addunyaa horachuun golgaa fi dahoo waraanaan galii maddisiifachuu ykn madda galii godhachuu ti.
Gaggeesitootni impaayira Itophiyaa fi daldaltoonni maqaa Oromoon keessaa fi alaan wal ijaaran cuftinuu ajandaan waloo isaanii inni ijoo fi guddaan Itophiyaa jiraachisuu dha.
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti waraanni faashistii PP uummata baadiyaa gara magaalaa deeman waraqaa eenyummaa malee seenuu hin dandeessan jechuun dararaa jiru.
ONM-ABO Hagayya 14,2023 Biyyi sabootaa fi sablammoota ishee keessa jiraatan kabajaa fi jaalalaan mirga isaanii kabajjee kan bulchitu yoo taatu, uummannis biyya isaa ni jaal'ata.
Impaayera akka Itoopiyaa keessatti uummanni dachee isaa irra socho'uuf iyyuu sakatta'insi bakka meeqatti irratti geggeeffamuun namoota waraqaa eenyummaa hin qabne badii tokko malee hidhuun dararu.
Haaluma kanaanis godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti waraanni murna bilxiginnaa jiraattoota baadiyyaa aanichaa gara magaalaa aanaa deemanii daldalatanii jiraatan bakka addaa Nooraa Buufata lammaaffaa jedhamutti sakatta'insa maqaa garaagaraan irratti geggeessuun warra waraqaa eenyummaa hin qabne gariin hidhaa kaan ammoo reebicha irratti raawwachaa jiru.
Sababa kanaanis hawaasni baadiyyaa irraa gara magaalaa deemu maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhamuun waan hiraarfamaniif dhimma ofii isaaniif deemuu sodaachaa akka jiran barameera.
Murni caasaan isaa gubbaa hanga gaditti ijaarsi isaa diigame, gandoonni baadiyyaa cuftuu harka murnichaa waan hin jirreef, namoota kana irraan dhiibbaa adda addaa akka irraan ga'aa jiran maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru
Godina baha Harargee ona Odaa Bultum keessatti dararaan maqaa gibiraan yoo hammaatu, Lixa Harargee magaalaa Awwadaay keessatti ammoo namoota hidhaa jiraachuun barame.
ONM-ABO Hagayya 14,2023 Murni faashistii PP maqaa deggersa adda addaa moggaafachuun uummata Oromoo irraa maallaqa guuraa ture, rakkoo hawaasni qaala'insa jireenyaan miidhamaa jiru hubachuufii dhiisuun, daldala qabanna'aa keessatti humna galii namootaa malee gibira humnaa olii Itti ramaduun manneen daldalaa akka cufaman taasisaa jiru.
Haaluma kanaanis godina lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti dabbaloonni PP gibira humnaa olii uummatatti murteessuun namootni kaffaluu hin dandeenye, qe'ee isaanii gadhiisanii akka deeman taasisaa jiru.
Kana malees aanicha keessatti tokko tokkoon gandaa irraa qeerrowwan 14 akka dhiyaatanii mooraa leenjii bilxiginnaa deeman dirqisiifamaa jiru.
Oduu hidhaan ammoo Baha Harargee magaalaa Awwadaay keessatti namoota maqaan isaanii Nadhii Jamaal fi Adinaan Kamaal jedhaman hidhuun qarshii 80,000 hanga kafaltanitti gonkumaa asii ba'uu hin dandeessan jechuun doorsisaa jiraachuun barameera.
?
Yoo beektee hin dubbiftu ta'e hin caccabsinii nama dubbisuu beeku bira naaf haa gahuu godhi!
Inni dubbiftummoo akkan qubeessetti dubbisi malee ariifattee irra hin fiigin na mararaa ergaan kun! Hiree maatii qabsaa'aati Seenaa dhugaadha malee yaad uumee miti!
Aabboof aayyoon kiyyaa
Lafa duwwaa irratti miti kan na fidan, karoorfataniiti dalagataniiti dura kan wal fuudhan! Kana kanan beeku, bira turee miti' ergasiin dhaladhee, qabeenya nu gahu kan ilmaan guddisuufi kan maatii nyaachisu!
Erguman of bareen ija itti banadhee!
Yeroottiin reef of baru sirriittan yaadadha, Abbaa gaariin qaba; abbaa simboo qabu, yeroo alaa dhufu kan harka bal'isee ofitti na qabu, ofitti na qabee yoo na gammachiisu abbaa kennaa wayii harkarraa naaf qabu karameellaaf buskuta kan naaf bitee galu, ija jaalalaafi ija mararteetiin isa na ilaalu
Yeros nan yaadadhaa Ayyookoof aabboon koo nyaata wal nyaachisu
Qe'ee keenya jaalalaan simboodhaan macheessu, kolfinee taphannaa rakkoon nun yaachisuu waan ittiin jiraannu waan ittiin barannu haalumti keenyayyuu nama hin yaadachiisu....
Abbaa qaban ture, abbaa ilmaan isaaf yaadu, abbaa bariin ka'ee garaafi daara ilmaan isaaf waan gaarii barbaadu.
Har'a dhagaa baadhee, eelee dhukkubsadhee, dafqa xuruurfadhee ba'aa humna koo olii gatiittiitti baadhee, waan kanarraa argadhummoo daa'imman na boodaa, obbolaa koof laadhee, ofii kootii ammayyuu akka carraa malee agabuu koon bula mar'ummaan koo maree!
Gaaffii sitti ta'ee na gaafachuu hin ooltu eessa dhaqe abbaan kee meerreree aayyoon kee anaan jechuu hin ooltuu...
Abbaan koo gaariin sun abbaa
Gara kuteessa abbaati
Hawwii guddaa qabaa
Roorroo lammii jibbaa
Garbummaa cabsuudhaaf
Kokkee diinaa qabaa
Itoophiyaa wajjin lola jabaa qabaa, kanaaf manaa bahee dirree qabsoo jira,
DIrreetti nu dhiisee Dirreerratti nu dhiisee rakkinaaf gadadootti ana ilma isaa dhiisee maaliif deemaa jennaan bor gaafa guddatte biyya bilisoomte akka ati dhaaltuufi
Roorroo garbomaataarraa sammuuf qalbii nagaan akka jiraattuufi jettee natti himte Aayyoon koo gaaficha...
Yoom deebi'a jennaan bilisummaa booddee nan deebi'a jedhe naan jette aayyootu, Aayyoon koo bareedduun gara laaftuun haadhaa badii tokko malee sababa Aabbootiif seente mana hidhaa, firri nurraa dheessee nagaa nun gaafatu
Nu daa'imman kana mana keessatti dhiisee erga Aayyoon hidhamtee Obbolaan abbaa kootiifi hiriyoonni abbaa koo waraana sodaata karaa mana keenyaayyuu achi hin tarkaanfatuu, qabeenya abbaa kootii alaaf manaa guuree waraanatu fuudhee milishootaaf hire, cirfaaf maankaaniyyuu nama keenya hin jiru yoo irraanfataniyyuu ergasiis mana keenya bira dhaabbatanii abiddaan gubaniiru, ergasii booda egaa kan nuti ala baane obbolaakoo wajjin ciree qorraa taane!
Kunoo egaa kanaafan dhagaa kana baadhaa hiree garbummaatin irbaata imimmaanii ciree gaddaaf dhiphuu qofaakoo sooradha!
Suuraa miti kun kudhaamaa kudhaammadhu, jiruun kooyyuu kunoo kanaa naaf hubadhu,
Umurii maleen
Ba'aa baadhee
Bilchoo dhabeen
Bukoo nyaadhee
Huccuu dhabeen
Qullaa kaadhee
Kophee dhabeen
Qoree baadhee...!
Harmeen kankoo
Hidhaa jirtii
Abbaan dirree
Qabsoo jiraa
Anaaf ijoollee
Qofaatu mana jira!
Kanaafan rakkadhee
Dhagaa baataa jiraa
Hin dadhabu kana
Itti bareen jiraa...!
Yaadannoo Waggaa 3ffaa Ajjeefamuu Artistii Jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaa Ilaalchisee Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo – ABO
Waxabajjiin 29, 2023 guyyaan har’aa waggaa 3ffaa Artistiin jaallatamaa fi qabsaawaa sabaa Hacaaluu Hundeessaa dabaan itti ajjeefamee dha. Duuti Hacaaluu Oromoo hunda kan rifachiisee fi gaddisiisee dha. Sababaan isaa ammoo Artist Hacaaluu Hundeessaa nama sichi guddatataa jiru; bu’aa guddaa Oromoof buusuu fi hojii aartii isaatiin iddoo guddaatti nama eegamaa turetu karaatti hambifame.
Artist Hacaaluun wellisaa qofa osoo hin taane, qabsaawaa sabaa murataa, jabaataa, kan waan itti amane gochuu fi raawwatuu irraa if booda hin jenne, falmaa mirga dhala namaa, roorroo fi hacuuccaa ummata isaa irra gahu sodaa tokko malee nama dirreetti ba’ee cunqursitootaan mormee dha. Kanaaf Art.Hacaaluun wellisaa fi qabsaawaa sabaa jedhama.
Wayta waggaa 3ffaa ajjechaa Artistii jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaa kabajannu kanatti ilmaan biyyaa haqa ummata isaanii gadi baasuu fi sagalee waan ta’aniifiif qofa sirnoota bittaa impaayera Itophiyaa garagaraan haala suukanneessaan ajjeefamanii fi achi buuteen isaanii dhabame hedduu isaanii waliin yaadatna. Seenaan isaanii akka hin banneefis ol kaasnee guyyaa kana mul’isna.
Wellistoota Oromoo sirnoota impayera Itophiyaan ajjeefamanii fi bakki buuteen isaanii dhabamsiisame keessaa kanneen akka: Abdullaahi Arsii, Ayyuub Abubakar, Abubakar Muusaa, Musxafaa Abdii (Harawwee), Ahmed Kebiraa, Ayyaantuu Booranaa, Himee Yusuuf, Kulanii Boruu, Sabboontuu Bareentuu, Boonsisoo Callaa, Hordofaa Bareentoo, Jireenyaa Ayyaanaa, Eebbisaa Adduunyaa, Xannaa Wayyeessaa, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee, Baahiluu Girmaa, Zennuu Mokonnon, Yoosef Gammachuu, Maaramee Harqaa-Kaasaa, Daadhii Galaan, Cawwaaqa Yaaddessaa fi kanneen maqaan hin dhahamin waan quuqqaa uummata isaanii irra jiru saaxilaniif qofa ajjeefamanii gariinis achi buuteen dhabamsiifaman guyyaa kana yaadatuun dirqii ta’a.
Artistii fi qabsaawaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa imaanaa artistoota haqa saba isaaniif jedhanii diinaan ajjeefamanii baatee, aartii sirbaatiin aadaa, afaan, eenyummaa, seenaa fi duudhaa Oromoo dagaagsuu keessatti qooda olaanaa qaba.
Artistii qabsaawaa sabaa, Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gahee guddaa bahataa ture, kan ummatichi akka qaroo ija isaatti ilaalu bu’aa siyaasaa yeroof ajjeesuun ajjeechaa isaatiin sababeeffatanii hoogganoota, qondaalota, miseensotaa fi deeggartoota dhaabbilee siyaasaa Oromoo jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuruu fi garii ammoo ajjeesanii dhabamsiisuun godaannisa seenaa fi guyyaa kana ittiin yaadannu ta’uu ABOn ammas irra deebiin hubachiisa. Hoggantootnii fi qondaalotni ABO hanga har’aatti illee hidhuma kana keessatti gidirsamaa jiran.
Addi Bilisummaa Oromoo har’as haqni Hacaaluu akka barbaadamu gaafata. Ummatnis guyyaa isaa kabajuutti dabalee haqni isaa kun akka awwaalamee hin hafne, dhugaan isaa akka ifa ba’ee xumura argatuuf akka barbaaduu fi gaafatu hubachiisa.
Qabsaawaan ni kufa; Qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 29, 2023
FinfinneeYaadannoo Waggaa 3ffaa Ajjeefamuu Artistii Jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaa Ilaalchisee Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo – ABO
Waxabajjiin 29, 2023 guyyaan har’aa waggaa 3ffaa Artistiin jaallatamaa fi qabsaawaa sabaa Hacaaluu Hundeessaa dabaan itti ajjeefamee dha. Duuti Hacaaluu Oromoo hunda kan rifachiisee fi gaddisiisee dha. Sababaan isaa ammoo Artist Hacaaluu Hundeessaa nama sichi guddatataa jiru; bu’aa guddaa Oromoof buusuu fi hojii aartii isaatiin iddoo guddaatti nama eegamaa turetu karaatti hambifame.
Artist Hacaaluun wellisaa qofa osoo hin taane, qabsaawaa sabaa murataa, jabaataa, kan waan itti amane gochuu fi raawwatuu irraa if booda hin jenne, falmaa mirga dhala namaa, roorroo fi hacuuccaa ummata isaa irra gahu sodaa tokko malee nama dirreetti ba’ee cunqursitootaan mormee dha. Kanaaf Art.Hacaaluun wellisaa fi qabsaawaa sabaa jedhama.
Wayta waggaa 3ffaa ajjechaa Artistii jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaa kabajannu kanatti ilmaan biyyaa haqa ummata isaanii gadi baasuu fi sagalee waan ta’aniifiif qofa sirnoota bittaa impaayera Itophiyaa garagaraan haala suukanneessaan ajjeefamanii fi achi buuteen isaanii dhabame hedduu isaanii waliin yaadatna. Seenaan isaanii akka hin banneefis ol kaasnee guyyaa kana mul’isna.
Wellistoota Oromoo sirnoota impayera Itophiyaan ajjeefamanii fi bakki buuteen isaanii dhabamsiisame keessaa kanneen akka: Abdullaahi Arsii, Ayyuub Abubakar, Abubakar Muusaa, Musxafaa Abdii (Harawwee), Ahmed Kebiraa, Ayyaantuu Booranaa, Himee Yusuuf, Kulanii Boruu, Sabboontuu Bareentuu, Boonsisoo Callaa, Hordofaa Bareentoo, Jireenyaa Ayyaanaa, Eebbisaa Adduunyaa, Xannaa Wayyeessaa, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee, Baahiluu Girmaa, Zennuu Mokonnon, Yoosef Gammachuu, Maaramee Harqaa-Kaasaa, Daadhii Galaan, Cawwaaqa Yaaddessaa fi kanneen maqaan hin dhahamin waan quuqqaa uummata isaanii irra jiru saaxilaniif qofa ajjeefamanii gariinis achi buuteen dhabamsiifaman guyyaa kana yaadatuun dirqii ta’a.
Artistii fi qabsaawaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa imaanaa artistoota haqa saba isaaniif jedhanii diinaan ajjeefamanii baatee, aartii sirbaatiin aadaa, afaan, eenyummaa, seenaa fi duudhaa Oromoo dagaagsuu keessatti qooda olaanaa qaba.
Artistii qabsaawaa sabaa, Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gahee guddaa bahataa ture, kan ummatichi akka qaroo ija isaatti ilaalu bu’aa siyaasaa yeroof ajjeesuun ajjeechaa isaatiin sababeeffatanii hoogganoota, qondaalota, miseensotaa fi deeggartoota dhaabbilee siyaasaa Oromoo jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuruu fi garii ammoo ajjeesanii dhabamsiisuun godaannisa seenaa fi guyyaa kana ittiin yaadannu ta’uu ABOn ammas irra deebiin hubachiisa. Hoggantootnii fi qondaalotni ABO hanga har’aatti illee hidhuma kana keessatti gidirsamaa jiran.
Addi Bilisummaa Oromoo har’as haqni Hacaaluu akka barbaadamu gaafata. Ummatnis guyyaa isaa kabajuutti dabalee haqni isaa kun akka awwaalamee hin hafne, dhugaan isaa akka ifa ba’ee xumura argatuuf akka barbaaduu fi gaafatu hubachiisa.
Qabsaawaan ni kufa; Qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 29, 2023
Finfinnee
07/04/2023
#shorts#Gelana Geromsa#galanagaromsa#wbo#Ethiopian new music#wbo#Keol Negasa#jamaree#maskimange#abo Negasa garomsa #
“Lolli Oromiyaa keessaa fedhii Itoophiyaan Oromiyaa irratti qabdu kan waggaa 150 dura humnaan Oromiyaa cabsuuf aggaamame ammas fedhii kana galmaan ga’uuf Oromiyaa irratti lola labsaniiru. Lola kana Oromoon ofirraa ittisee Oromiyaan cabuu akka hin dandeenye mirkaneesseera. Haga lolli Oromiyaarratti baname dhaabbatutti, haga nagaan Oromiyaa keessatti bu’ee mirgi hiree murteeffannaa fi abbaa biyyummaa Oromoo mikanaa'utti qabsoo keenya uummata keenya waliin itti fufna."
Jaal Daawud Ibsaa. Hundeeffama ABO Waggaa 50ffaa irratti.
Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti Waraanni faashistii PP bifa haaraan namoota nagaa hidhuu jabeessan.
ONM-ABO Adoolessa 1,2023 Gareen faashistii PP ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun qabanii hidhuu itti fufanii jiru.
Dheengadda Waxabajjii 29,2023 irraa eegaluun bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti WBO fi caasaa isaa magaalicha keessa sosso'u nyaachisuun miidhaa nu irraan ga'aa jirtu jechuun namoota hedduu hidhaa jiru.
Hidhaan bifa haaraan magaalicha keessatti itti fufe kun gandoota akka Aannee Diimaa, Gafarsa Gujee, Dirree Cirrachaa fi naannoo Warshaa Finjaalaatti akka ta'e maddeen himaniiru.
Magaalaa Buraayyuu kana keessatti caasaa fi waraanni bilxiginnaa sodaa Waraana Bilisummaa Oromootu magaalattii keessa halkan halkan seena jedhuun ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban siyaasaan yakkuun miidhaa garaagaraa irraa ga'aa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.
Arsii bahaa aanaa Adaabbaa keessatti Haati Oromoo tokko Daa'ima ji'a 3 irraa qabamtee hidhamuun dhagaa'ame
ONM-ABO Adoolessa 1,2023 Waraanni fi Kaabinoonni PP gocha qorqalbii namaa miidhu jibbiinsa uummata Oromoof qabaniif qofa sabicha irratti raawwataa kan jiran yoo ta'u, keessattuu gochi shamarranii fi haadholii Oromoo irratti taasifamaa jiru gadadoo hamtuu Oromoon akka sabaatti keessa jiruuf mullistuudha.
Haaluma kanaan Dheengadda jechuunis waxabajji 28,2023 godina Arsii bahaa aanaa Adaabbaa keessatti Haadha Oromoo aadde Zeynabaa jedhamtu kaabinoonni fi poolisootni idileen aanichaa daa'ima ji'a sadii irraa qabuun gara laafina tokko malee mana hidhaatti kan darbatan ta'uu maddeen keenya aanichaa himan.
Akka maddeen jedhanitti Haadhi kun Osoo daa'ima ishee Hoosifachuutti jirtuu sababa tokko malee dhala isheerraa kan butamte yoo ta'u, Daa'imni ishees ammatti harma haadhaa dhabuun haala ulfaataa keessatti kan argamu ta'uu dubbachuun, Guyyuma sana namni Sulxaan Adam jedhamus tiksitoota impaayerattiin qabamee hidhamuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Arsii bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa Kaataar Gannat keessatti kaabinoonni sirnichaa maqaa xaa'oo fudhattuun waltajjii waamanii doorsisaa ooluun dhagaa'ame.
ONM-ABO Waxabajjii 23,2023 Uummata nagaa hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan irratti kaabinoonni bilxiginnaa shira dalaguun akka uummanni fi waraanni Bilisummaa Oromoo wal keessa hin sochoone gochuun guyyaa guyyaan dhiibbaa gochaa oolu.
Guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajjii 22, 2023 godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa aanichaa Kaataar Gannat keessatti maqaa Xaa'oo isiniif kennina jedhuun kaabinoonni aanichaa uummata gandoota akka Murticha Qobboo, Kaataar Qotee bulaa fi bulchinsa magaalaa Kaataar Gannat ganda 01 keessaa waamuun uummanni erga dhaqeen booda warri aanaa fi godinaa haa dhufan hanga isaan dhufanitti nuti isiniif kennuu hin dandeenyu jechuun teessisaa turan.
Kaabinoonni aanaa fi godinaa erga dhufanii ammoo uummata walitti qabamee jiruun hanga seelii Waraana Bilisummaa Oromoo as keessaa baastanitti Xaa'oo hin argattan, WBO'n diina Oromooti, WBO yoo naannoo keessanitti argitan itti iyyaa yoo kana hin goone xaa'oos hin argattan, ni ajjeefamtus jechuun hawaasa afaanfajjessuu fi itti dhaadatanii deeman jedhu jiraattootni achitti argaman.
Murni bilxiginnaa dabballoota isaa baayinaan leenjisee uummatatti bobbaasuun yeroo hedduu waan Waraana Bilisummaa Oromoo fi hawaasa walitti buusu hojjachaa jiraachuun isaanii ni beekama.
Akka jiraattootni gandoota kanneenii jedhanittis Waraanni Bilisummaa Oromoo ilmaan keenya Bilisummaa fi Walabummaa keenyaaf rooba, aduu, beela, dheebuu fi rakkoo adda addaatiin rakkachaa jiru, kanaaf nuti akkamitti ilmaan keenyatti iyyina, yoo duunes ni duuna jechuun ejjennoo qaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Culinary Team
Attire
Website
Address
Anoka, MN
55303
Alerts
Be the first to know and let us send you an email when Tumsaa Saali posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.