Liiban Odaa Pege

Liiban Odaa Pege

Share

ABO WBO

28/05/2023

๐—ก๐—ฎ๐—พ๐—บ๐˜๐—ฒ๐—ฒ
(Inbox)

Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti ammoo " Namni hiriira hin baane Kuupponii hin argatu" jettee kaleessaafi dheengadda kadhachaa ooltus pp'n. nuti irra jirru fedhiin bitamuu bira taruu isaa hunduu waan hubate fakkaata.

PPn garuu ishii waliin baatee irraa toluu didnaan facaateetti.

28/05/2023

WBOn Birgeedii Eebbisaa Addunyaa fi Odaa Kaarraa lola qindaa'aa ganana har'aa geggeessaa jiraniin aanaa Gaawoo Qeebbees guutuutti dhuunfachuu beeksise!

ONM-ABO Caamsaa 28,2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lola qindaa'aa har'a ganama barii sa'a 12:00 irraa qabuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee fi Daallee Waabaraa keessatti eegaleen yeroo ammaa dabalataan aanaa Gaawoo Qeebbee dhuunfatee jira.

Tarkaanfii laalessaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti humna waraana faashistii PP irratti fudhateen waraana diinaa irraa 135 du'uun hedduun yoo madaa'aan 35 harkaan qabamanii jiru.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 146, dishqaa 1, moortara 2, rasaasa, boombii fi uffata waraanaa hedduu dugda diinaa irraa hiikee jira.

Kana malees buufata poolisii keessaa hidhamtoota siyaasaa fi mooraa waraana bilxiginnaa keessaa dargaggoota Oromoo humnaan qabamanii gara leenjii deemuuf qophii irra jiran harkaa baasee jira.

WBOn kora dhiyeenya kana Qellem Wallaggaa keessatti taa'uun Birgeedii haaraa Eebbisaa Addunyaan ijaaruun Odaa Kaarraa waliin bobbaaseen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Eebba, Haasaa fi maree koraa wal duraa duubaan isiniin geenya!

Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa hordofaa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

22/05/2023

Oromiyaa bakkoota garaagaraatti waraanni PP sakatta'iinsa bilbila dargaggootaa irratti taasisuun hidhaa fi reebicha hammeessan

ONM-ABO Caamsaa 22,2023 Deggertootaafi mararfattoota qabsichaa, akkasumas maatii qabsaa'otaa hidhuu fi reebuu, qabeenya jalaa barbadeessuun qorqalbii isaanii miidhuu irratti hojjetaa kan jiru PPn, Magaalaalee Oromiyaa hedduu keessatti imala irratti sakatta'iinsa gochuun dargaggoota bilbila isaanii keessatti suuraan WBO, akkasumas alaabaan argame reebuufi hidhuun hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya himan.

Haaluma kanaan Godina Addaa Naannawwaa Finfinnee Magaalaa Buraayyuu keessatti bakkoota dargaggoonni itti dabarsan kanneen akka mana bashannanaafi manneen nyaataa akkasumas konkolaataa keessaa buusuun, bilbila bansiisanii sakatta'uun dargaggoota mana hidhaatti darbataa jiru.

Oduuma wal fakkaatuun Godina harargee bahaa aanaa Gooroo Guutuu keessatti qaamonni mootummaa Magaalittii keessa socho'uudhaan Qeerroo magaalittii keessatti argan qabuun bilbila irraa guuranii sakatta'uun Alaabaa WBO qabdan jechuudhaan tumuufi hidhaatti guuraa turaniiru.

Kaabinoonni aanichaas milishoota magaalittii keessa bobbaasuudhaan milishoonni namoota nagaa jireenya mataa isaanii jiraatan, ati WBOn hariiroo qabda jechuun reebicha hamaa gaggeessaa turuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

22/05/2023

ONM-ABO Caamsaa 22,2023 Mooraan waraana raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa kan yeroo kamuu caalaa diigamuun, miseensonni waraana sirnichaa sabaan Oromoo ta'aan hacuccaa fi sarbiinsa mirgaa namoomaa murnichi uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru balaaleffachuun, guyyaa gara guyyaatti meeshaa fi hidhannoo isaanii fudhatanii waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuu akkuma itti fufanitti jiru.

Godina Arsii bahaa aanaa Martii irraa kaleessa Caamsaa 21,2023 waraanni raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa tokko mooraa sirnichaa keessaa miliquun gooticha waraana bilisummaa Oromootti dabalamuun simannaa ho'aan taasifameeraaf.

Miseensi waraana raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa Kun qawwee Turkii 1, rasaasa 150, boombii harkaa 1 fi hidhannoo tokko galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo godhee Jira.

Yeroo hojii loltummaatiin sirnicha tajaajilaa turetti dirqama itti kenname wallaalees ta'e osoo beekuu gocha dabaa fi dararrii uummata Oromoo irratti geggeesseef uummata Oromoo bal'aa dhiifama gaafachuun, kana booda humnaa fi dandeettii qabuun qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti akka hirmaatu waadaa seeneera.

22/05/2023

Kutaa 1ffaa!

Qabsoo Durumaa eenyu? Qabsoon qabsaa'aa haqaa kan haqa Oromoo hin sharafnedha. Jaalli kun dhalatee kan guddate magaalaa Amboottidha. Ji'a Ebla bara 2020 keessa humnoota tika mootummaatin magaalaa Amboo keessaa qabamuun mannee hidhaa sadiif sanaa ol keessatti dara-ramuun amma mana hidhaa shaggar siitii magaalaa Sabbataa Daalattiitti keessatti hiriyoota isaa waliin argama! Jaalli kun baroottan darban bara wayyaanen aangoo irra turtetti sirna wayyaane mormuun qeerro faana hiriiree harka duwwaa sirna gita bittaa Tplf adda durummaan mormaa ture. Bara qabsoon qeerroo murna gittuu PPn butame keessas Qabsoon daba sabicha irratti murnoota aangoo of harkaa qaban dalagamu mormuu itti fufe. Qabsoon yeroo hiriyoonni isaa faayidaan bitaman gabaaf hin dhiyaadhu jechuudhan haqa sabichaa fuulduratti butuu irratti fuulleeffate, Qabsoo Durumaa dantaa saba caalchifachuun maatii jalaa du'-an illee awwaallachuu hin dandeenye. Kana qofaa miti mana hidhaa keessatti hanga huccuu uffatu dhabutti rakkoo hamtuu argaa jira. Shira siyaasaan murtiin dabaa waggaa torba (7) Qabsootti murteeffamee amma mana Daalattii keessatti argama!

Photos from Liiban Odaa Pege's post 22/05/2023

Barattoonni Yuunivarsiitii Dambi Doolloo guyyaa har'aa sababa hiriira bahanii gaaffii mirgaa gaafataniif waraanni pp barattoota irratti dhukaasuudhaan barattoota hedduurra miidhaa gurguddaa geessistee jirti.

22/05/2023

Godina Gujii Aanaa Waadara Ganda Handooyaa hancooqaa keessatti Woraanni mootummaa Mana jireenya tokko keessatti maatii aabbiyyoo Garree Galgaloo nama 4 haadha manaaal 2 fi daa'imman 2 Mana waliin gube.

22/05/2023

Bookisaa dhaqanii gaafa qacami godhaman immoo qolee buusanii taa'uu hawaaru.

Photos from Liiban Odaa Pege's post 22/05/2023

๐Ÿ‘Ž๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰kanneen hiree ilmaan oromoon wal fakkaataa qaban impaayera Dulloomtee kufuu geesse jigsuu keessatti ga'eesaani ba'acha kan jiran Naannoon Gambeelaas karaa ilmaanshe qawwee kaasun faalmaa hadhooftuu geeggeessaa kan jirtu amma kana 12:30tti Magaala Gambeela keessatti sagalee dhukaasaa jajjabootu dhagaamaa jira.
odeessa guutuun walitti deebina.
โœŠ๐Ÿ‘Šitti muddi.

22/05/2023

Oduu Gaddaa!

Wallaggaa Lixaa Jaarsootti Waraa-nni mootummaa tajaajilaa Waldaa Kiristaanaa Tasgaraa Nagaasaa dabalatee namoota nagaa 5 ajj**sun dhaga'ame.

Godina Wallaggaa Lixaa Ona Jaarsoo Magaalaa Gabaa Dafinnotti Caamsaa 20,2023 Waraa-nni mootummaa paartii Bilxiginnaa tajaajilaa Waldaa Kirstaanaa Makaana Iyyasuus Jaarsoo kan ta'e dargaggoo Tasgaraa Nagaasaa jedhamu dhukkubsatee osoo inni mana maatii isaa ciisu qabun guyyaa guutuu erga ree-ba oolanii booda caamsaa 20,203 galgala rasaa-saa itti roobsanii ajj**suu namoonni ijaan argan dubbatan!

Tajaajilaa Tasgaraa erga ajj**sanii booda ree-ffa isaa dhorkachuun guyyaa tokko erga alaa bulchaani booda caamsaa 21,2023 uummanni kadhachuun ree-ffa fudhanii awwaa-laan jedhu namoonni ijaan argan!

Tasgaraan hojii waldaa tajaajiluu irran kan hafe siyaasa keessa qooda homaa hin qabu kan jedhan maddeen keenya badii tokko malee nama uummanni jaallatu ajj**san jechuun miiraa gaddaan dubbatan!

Oduma Walfakkaatun achuma Ona Jaarsoo ganda Muraa Lakkuu jedhamutti kaleessa Caamsaa 21,2022 Waraanni Bilxiginnaa Obbolaa lama Qajeelaa Nagaasaa Roorroofi Hordofaa Nagaasaa Roorroo jedhaman qe'ee isaanii keessatti rasaa-saan ree-banii ajj**su namni ija argan dubbataniru!

Obbo Qajeelaa Nagaasaa Abbaa ijoollee 5 yoo ta'u obboleessi isaa Hordofaa Nagaasaa immoo abbaa ijoollee 4tti jedhu jedhu jiraattonni. Obbolaan laman kun badii tokko malee qe'ee isaanii keessatti garaa jabeenya hamaan ajj**faman kan jedhan maatiifi ijoolleen isaanii dirree irratti faca'aanii hafan jedhu.

Ittuma fufuun achuma Ona Jaarsoo ganda Baabboo Garjoo jedhamutti Caamsaa 21,2023 Waraa-nni PP Dargaggoo Gaaddisaa Abirahamaa Galataa jedhamu mana maatii isa baasnii ajj**sun ree-ffa isaa dhorkatan!

22/05/2023

Marii jechuun elaaf elaameedhan yaada furmaata irra geenyaadha malee, harka natti kennadhu yookan naaf booji'ami jechuu miti. Eenyu ati kan harki sitti kennamu? Ilaalchaf gocha fokkisaa kanan nagaan ati fiddu homaatu hin jiru!
Booji'aa Caalii

22/05/2023

.
Sirni Impaayera Itoophiyaa guutumaa guututti Barbadaa'ee dhabamuuf guyyaa lakkaawwachaa jira, Biyya oromiyaa Mootummaa oromoo waliin ijaarrachuuf Qabsoon WBOn geggeeysaa jiru kan Abdii namatti horuu fi kan diina garaa murachiisuudha. Kanaaf Abbootiin Qabeenyaa oromoo Sirni kunuu dirqamaan Qabeenya kee sisaamaa jira, atimmoo gabrummaa Hiddaan ofirraa buqqiftee Qabeenya keetirratti abbaa taatee biyya kee keeysa jiraachuuf Qabeenya keetiin WBO tumsuun mirga osoo hin tahin dirqama oromummaa tahuu beeytee WBO tumsuu qabda.
Boru gaafa sirni kun kufe biyya tana walumaan qabna kanaaf har'a Qabsoo oromoo keeysatti hirmaachuun dirqama kee akka bahattu waamicha siif goona.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Sanaa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Sanaa